23/08/2025
Qullaa Deemuun Mallatto Qaroominaa Sitti Hin Fakkaatin
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
• Qullaa Deemuun Mallattoo Qaroominaatii Miti, Qullaa Deemuun qaroomina silaa tahe, kan hunda caalaa qaroomu bineensoota ture.
• Wanti nama bareechu uffata Uffachuudha, dubartiin teenya hijaabaan faayamuudha. Hijaaba uffachuun bareedina gubbaan Bareedina biraa dubartiif ida’a. Bareedina qofa osoo hin taane hijaaba uffachuun ajaja Rabbiitiin buluudha.
• Rabbiin Subhaanahuu Wata’aalaa Qur’aana isaa keessatti Rasuula Rabbii Haadha Warra isaa fii dubartoota isaa fii Shamarran muslimaa hunda hijaaba uffachuu akka isaaniif himu itti Dhaame.
• Kanaaf hijaaba uffachuun akka malee barbaachisaadha, Yaa dubartii islaamaa hijaaba lafa keesssee qullaa hin deeminii, uffata Rabbiin Qur’aana isaa Keesatti akka uffattu siif dhaame uffadhuu ajaja Rabbii Keetii guuti.
Rabbiin dubartoota keenya warra hijaabaan faayamu isaan haa taasisu.
Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.
Goofar Ahmad