Dabbaal Show Fuula Hubannoo Seeraa

Dabbaal Show Fuula Hubannoo Seeraa Kaayyoon fuula peejii kanaa Hubannoo seeraa bilisaa Hawaasaaf kennuudha. kanaaf irraa fayyadamaa

10/06/2026

WAJJIRA MOOTUMMAA KEESSA TA'ANII ABBAA DHIMMAA DADDEEBISUU

Waajjira Mootummaa keessa ta'anii sababa gahaa malee dhimma abbootii dhimmaa lafa irra harkisuun waggaa 5 akka nama adabsiisu beektuu?

Fakkeenyaaf:
Waajjira mootummaa keessatti hojii ragaa lafaatiif Namni mootummaa bakka bu'ee hojjetu tokko, galmee abbaa dhimmaa guyyuma tokkotti xumuruu osoo danda'uu, “bor deebi'i”, “torban dhufu kottu”, “nama biraa gaafadhu” jechuun yeroo dheereessu yoo ta’e, kun yakka ta’a.

KanaaHojjetaan Mootummaa sababa gahaan maletti dhimma lafarra harkisuun, bu'aa dhuunfaa isaatiif je'ee abbootii dhimmaa daddeebisuun seera akka nama adabsiisu seera yakkaa Ethiopia kwt 416 irratti tumamee jira.

Hojjetaan tokko hojii mootummaa saffisaan hojjechuu qaba. Gahee hojii isaa keessatti dhimma abbootii dhimmaa yeroo murtaa’e keessatti xumuree gaaggeessuu qaba. Garuu hojii sana saffisiisuuf “waa naa godhi”, “akka fedhetti haa ta’u” jechuun mootummaa irraa ala faayidaa dhuunfaa barbaade yoo ta’e, seera jala gala.

SEERA YAKKAA Kwt 416. Seeraan Ala Dhimma Lafarra Harkisuu

Hojjetaan mootummaa kamiyyuu sababa itti gaafatamummaa yookiin hojii isaan dhimma dhiyaateef irratti faayidaa nama qabu kamiyyuu irraa kallattiin yookiin alkallattiin faayidaa argachuuf, dhimmicha irratti nama faayidaa qabu kamiyyuu fayyaduuf yookiin miidhuuf jecha seeraan yookiin dambii yookiin qajeelfama hojii yookiin hojmaata baratameen ala sababa gahaa malee kan hin murteessine yookiin kan turse yookiin abbaa dhimmaa kan dhamaase yoo ta’e; haalawwan dambii darbuun kan isa adabsiisaniin ala yommuu ta’u, akka haala dubbichaatti adabbii maallaqaatiin, yookiin hidhaa salphaan yookiin hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

Fakkeenyaaf:
Abbaan dhimmaa eeyyama hojii daldalaa haaromsuuf jadhee galmee guutuu fide. Hojjetaan mootummaa garuu sababa tokko malee “hojii irraan jira”, “itti gaafatamaan hin qabu”, “guyyaa biraa kottu” jechuun ji’a hedduu yoo daddeebise. Kun seera yakkaan isa gaafachiisa.

Abbaa dhimmaa tokko irraa qarshii yookiin kennaa argachuuf jedhee galmee isaa “kaabinee bira jira”, “mallattoon hafeen jira” jechuun yeroo dheereessu yoo ta’e, seera kana jalatti ilaalama.

Akkasumaas hojjetaan mootummaa wanta kafaltii qabu sababa gahaan maletti fudhachuu yakka akka ta'e kwt 417 irratti tumamee jira.

Seera kwt 417. Kaffaltii Malee Yookiin Kaffaltii Gahaa Malee Wanta Gatii Qabu Argachuu

1. Hojjetaan mootummaa kamiyyuu sababa gahaa osoo hin qabaatiin kaffaltii malee yookiin kafaltii gahaa malee wanta gatii qabu kamiyyuu kan fudhate yoo ta’e, hidhaa salphaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

Fakkeenyaaf:
Namni tokko akka galmeen isaa dursee ilaalamuuf bilbila haaraa yookiin kennaa qaalii hojjetaa mootummaa tokkoof kenne; hojjetaanis yoo fudhate, keewwata kana jalatti adabamuu danda’a.

keewwata kana muraa 2 jalatti: Qabeenya, humna faayinaansii yookiin kennaa fudhachuu galmeessisuu akka qabu seeraan yookiin dambiin kan tumame yoo ta’e beeksisuu dhiisuun yookiin galmeessisuu dhiisuun bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1) tiin ni adabsiisa.

Fakkeenya qabatamaa 1:
Hojjetaan mootummaa tokko kennaa mootummaa wajjin walqabatu argate; garuu akka seerri jedhuutti mootummaa beeksisuu yookiin galmeessisuu dhiisee yoo dhokse, adabbii jala gala.

Akkasumaas:
Konkolaataa, qarshii, yookiin meeshaa gatii guddaa qabu hojii isaa waliin walqabatee argatee galmee keessa galchuu baannaan, kunis yakka ta’uu danda’a.

⚖️Muraa 3. Bu’uura aadaa yookiin haala baratamaa biyyichaa yookiin naannichaatiin kennaa gatii qabuufi akka mallattoo michummaa salphaatti ilaalamu fudhachuun yookiin fira dhiigaa dhiyoo yookiin fira gaa`elaa yookiin michuu dhiyoo ta’e irraa kennaa argachuun yakka keewwata kana jalatti ibsame kan hundeessu miti.

Fakkeenyaaf;
Ayyaana irratti fira dhiigaa dhiyoo irraa uffata yookiin kennaa xiqqaa fudhachuun yakka miti.

Akkasumaas:
Aadaa naannoo keessatti yeroo cidhaatti yookiin ayyaanaatti kennaa salphaa akka mallattoo kabajaatti kennamu fudhachuun yeroo hedduu yakka hin ta’u.

Hubachiisa:
Garuu kennaan sun hojii mootummaa waliin walqabatee murtii yookiin tajaajila jijjiiruuf yoo kenname, yeroo sana akka “kennaa aadaa”tti hin ilaalamu.

Yaadachiisa Murteessaa

Abbaa dhimmaa sababa malee daddeebisuun yakka ta’uu danda’a

Dhimma lafarra harkisuun faayidaa dhuunfaa barbaaduun yakka ta’a

Kennaa yookiin qarshii hojii mootummaa wajjin walqabatee fudhachuun yakka ta’a

Hojjetaan mootummaa seeraa, dambii fi qajeelfama hojii eeguun dirqama

Abbaan dhimmaa mootummaa irraa tajaajila haqaa fi saffisaa argachuu qaba

10/06/2026

💥Bulchiinsi Gandaa Baajata Hojii Adeemsisuuf Itti Fayyadamu Eessa Irraa Argachuu Danda'a?

⚖️Qajeelfama Bulchiinsa Baajata,Faayinaansiifi Qabeenya Mootummaa Gandoota Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 32/2016 kewt 6

⚖️6. Madda Baajataa
👉1. Maddi baajata Gandaa baajata Aanaan ramaduufi galii keessoo Gandichi maddisiisu irraa ta'a.
👉2. Gandi galii keessoo sassaabuu kan danda'u maddoota armaan gadii irraa ta'a:
✍️a. Galii gurgurtaa qabeenya Gandichaa irraa argamu;
✍️b. Galii hojiwwan galii maddisiisan irratti bobba'uun argatu;
✍️c. Galii gurgurtaa oomisha qonnaafi kan biroo Gandichaa irraa argamu;
✍️d. Kennaafi arjoonma Gandichi qaamolee adda addaa irraa argatu;
✍️e. Galiiwwan biroo gaaffii dhiyaatu irratti hundaa'ee Biirichaan hayyamamu.
👉3. Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2 jalatti kan tumame jiraatus, kanneen armaan gadii akka galii keessoo Gandaatti kan fudhatanman miti:
✍️a. Galii manneen barnootaa;
✍️b. Galii dhaabbilee fayyaa,
✍️c. Galii tajaajila bishaan dhugaatii;
✍️d. Buusii hawaasni misoomaafi nageenya naannoo isaa keessatti qooda fudhachuuf buusu;
✍️e. Maallaqaafi qabeenya kenna tajaajila lammummaaf walitti qabamu;
✍️f. Maddoota galii seeraan akka gali keessootti hin fudhatamne.
👉4. Galiin keessoo Gandootni maddoota galii akkaataa Keewwata kanaatiin hayyamame irraa waliti qaban xiinxala Waajirri Maallaqaa dhiyeessu iratti hundaa'uun Mana Maree Aanaatiin labsamuun hojii Gandichaaf kan oolu ta'a.

⚖️Keewwata 5. Qajeeltoo Bu'uuraa
👉1. Kaffalti raawwachuun kan danda'amu bajanni yoo jiraate qofa ta'a.
👉2. Maallaqniifi qabeenyi sadarkaa Gandaatti maddoota kamirraayyuu walitti qabamu nagahee seera qabeessa ta'een qofa ta'a.
👉3. Maallaqniifi qabeenyi sadarkaa Gandaatti walitti qabamuu kan danda'u maddoota galii seeraan hayyamame qofa irraa ta'a.
Haqaan Haqaaf Haa Hoojjannuu ❗
Maddi:-Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa

10/06/2026

"Namootni Hayyama Ijaarsaa Kennuuf Matta'aa Qarshii 50,000 Fudhatan Battalumatti To'annoo Jala Oolan
(KNFMNO Damee G/G Kibbaa, Waxabajjii 03/2018 A.L.H, Shaashamannee):
Namoonni kunneen gocha yakkaa kana gamoo bulchiinsa Kutaa Magaalaa Gulleelee aanaa 8 keessatti raawwatan.
Namni Zannaba Nigusee jedhamu bulchiinsa Kutaa Magaalaa Gulleeleetti ogeessa hayyama ijaarssaa fi faayyadama gamoo yoo ta'u, miidhamaan dhuunfaa hayyama ijaarsaa baafachuuf birrii 100,000 gaafatamanii, boodarra waliigalteedhaan qarshii 50,000 qabatanii akka dhufan irratti waliigalaniiru.
Miidhamaan dhuunfaa miidhaa isaan irra gahe Qajeelcha Poolisii Kutaa Ittisa Yakkaa Kutaa Magaalichaatiif eeruu kennaniin, shakkamaan kun miseensota poolisii hordoffii taasisaniin maallaqa kana utuu fudhatuu battalumatti qabameera.
Ogeessa hayyama ijaarsaa fi faayyadama gamoo kutaa magaalichaa kan ta'e fi dhimma kana keessatti hirmaannaa namni qabu kan Admiqeewu Wubee jedhamu, miidhamaa dhuunfaatiin "matta'aa yoo kaffaluu baatte tajaajilli siif hin kennamu" jechuudhaan ji'a tokkoof akka deddeebi’an taasisuudhaan qarshii 50,000 sana akka kaffalan hojii amansiisuu hojjataa akka ture poolisiin ibseera.
Qajeelchi Poolisii Olaanaan Finfinnee, hawaasni mirga isaa maallaqan bitachuu akka hin qabne yaadachiisee, gochi yakkaa akkasii yeroo raawwatamu bilbila harkaa irratti aplikeeshinii hirmaannaa lammiilee (citizen engagement application)tti fayyadamuun odeeffannoo kennuun akka danda'amu poolisiin magaalattii fuula Feesbuukii isaarratti beeksiseera.
Madda: Fuula face book: Addis Ababa Police

Dhaloota Safuun Ijaaruun; Kenna Tajaajilaa Hojimaataan!"

 ’atanNaamusni ogummaa dhaabbilee keessa jiraachuun qulqullini hojii, amanamummaa fi amaanaa uummataa eeguudhaaf baay’ee...
07/06/2026

’atan
Naamusni ogummaa dhaabbilee keessa jiraachuun qulqullini hojii, amanamummaa fi amaanaa uummataa eeguudhaaf baay’ee murteessaa dha.Dambiin naamusaa ogeessonni hojii sirrii fi seera qabeessa kan ogummaa isaaniitiin wol hin faallesine akka hojjatanii fi gochaalee al-naamusaawaa ta’an raawwachuurraa isaan daangessuu keessatti faayidaan isaa guddaa dha.
Haa ta'uu malee ammas dhaabbilee keessatti rakkoowwan naamusa ogummaa calaqqisiisan ni mul'atu. Akka fakkeenyaatti, rakkoolee naamusa ogummaa gurguddoo dhaabbilee keessatti mul’atan keessaa kanneen armaan gadii ibsuun ni danda'ama:
👉🏿 Faayidaa hin malle barbaaduu/argachuu,
👉🏿 Taayitaa/Qabeenya uummataatti seeraan ala fayyadamuu,
👉🏿 Seeraa fi hojimaata kabajuu dhiisuu,
👉🏿 Ogeessa/Hogganaa dandeettii hojichi barbaadu ramaduu dhabuu fa'a.
Yoo rakkoowwan kunniin dhaabbilee keessatti baay’atan, amantaan uummatni dhaabbilee irratti qabu ni hir’ata. Kanaafuu, dhaabbilee keessatti qajeelfama naamusa ifa ta’e qopheessuun, seeraa fi hojimaata haala ifa ta’een kabajuu fi ogeessa/ hogganaa dandeettii hojichaan wal-gitu ramaduudhaan hojjachiisuun baay’ee barbaachisaa dha.
Dhaloota Safuun Ijaaruun; Kenna Tajaajilaa Hojimaataan!
Madda: Fuula facebook Federal Ethics and Anti-Corruption Commission
Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Damee G/G Kibbaa irraa kan fudhatameedha.

05/06/2026

Murtii Dirqisiisaa MMWFDHIJ (Lakk. Galmee 206006)
​Ibsa Guutuu fi Xiinxala Seeraa
​Murtiin Dhaddacha Ijibbaataa Lakk. Lakk. Galmee 206006 irratti kenname kun, seerawwan deemsa falmii sivilii biyyattii keessatti dogoggora hojimaataa dhimma "falmii siivilii bakka deebii-kennaan (himatamaan) hin jirreetti dhagahuu" (Ex-parte) ilaalchisee uumamu kan sirreesse dha. Mirga dhagahamuu (Right to be heard) namni kamiyyuu qabu kabachiisuuf murtii murteessaa dha.
​Xiinxala murtichaa:
​1. Phiriinsippilii Bu'uuraa Lakk. Lakk. Galmee. 206006
​Dhaddachi Deemsa Falmii murtii kanaan hiika seeraa dirqisiisaa armaan gadii kenneera:
​"Himatamaan deebii ittisaa isaa erga dhiyeeffatee booda, dhagaha ragaatiif ykn beellama biroof sababa dhabameef falmiin bakka inni hin jirreetti akka itti fufu (S.D.F.S. Lakk. 70(a) irratti hundaa'uun) yoo murtaa'e dabalataan, murtiin kun mirga ittisa dhiyeeffachuu isaa dhabsiisuu malee, adeemsa falmii hafan keessatti akka hin hirmaanne isa hin dhabsiisu."
​Qabxiilee Gurguddoo:
​Adeemsi Darbe Hin Deebi'u: Himatamaan sababa dhabameef adeemsawwan falmii isa jala darban (fkn, ragaan himataa utuu inni hin gaafatin darbe) akka deebi'anii raawwataman gaafachuu mirga hin qabu.
​Adeemsa Hafe Irratti Hirmaachuuf Mirga Qaba: Falmiin bakka inni hin jirreetti akka dhagahamu erga murtaa'eeyyuu, himatamaan beellama dhaddachaa isa itti aanu kam irrattiyyu dhiyaatee deemsa falmii hafe hordofuuf, ragaa ittisaa isaa (kan duraan deebii isaa keessatti caqase yoo jiraate) dhageessisuuf, sanadoota himataa irratti falmuu fi falmii dhumaa (Final Argument) dhiyeeffachuuf mirga guutuu qaba.
​2. Hiika Sirrii S.D.F.S. Lakk. 70(a) fi 73
​Yeroo baay'ee manneen murtii gadii keessatti, "falmiin bakka inni hin jirreetti haa dhagahamu" murtiin jedhu yoo darbu, himatamaan guutumaan guutuutti falmichaa keessaa akka baheetti fudhatama. Garuu, Dhaddachi Ijibbaataa keewwatta deemsa falmii sivilii lakk. 70(a) fi 73wajjinin wal-qabsiisee hojimaata isaa akka armaan gadiitti sirreesseera:
​Kaayyoo Lakk. 70(a): Himataan dhiyaatee, himatamaan utuu deebii ittisaa hin dhiyeeffatin beellama irratti yoo hafe, falmiin bakka inni hin jirreetti akka dhagahamu ajajama.
​Daangaa Lakk. 73: Himatamaan utuu hin dhiyaatin hafee falmiin bakka inni hin jirreetti akka dhagahamu erga murtaa'ee booda, himatamaan dhiyaatee sababa gahaa itti hafeef yoo agarsiise, ajajni sun ka'ee falmiin jalqaba (bakka isa jalaa darbe) akka eegalu ni hayyamamaaf.
​Ibsa Dabalataa Ijibbaataa: Himatamaan sababa itti hafeef "sababa gahaa" dhiyeeffachuu yoo dadhabeyyuu, iyyannoon isaa kuffisamaa kan ta'u "falmicha jalqaba (bakka isa jalaa darbe) irraa deebisee jalqabuuf" iyyata inni dhiyeeffatu qofa irratti. Kun ammoo "kanaan booda deemsa keessatti hin hirmaattu" jedhamee dhaddacha keessaa ari'atama jechuu miti.
​3. Faayidaa Seeraa fi Heeraa Murtichaa
​Murtiin ijibbaanni kun kaayyowwan seeraa gurguddoo lama galmaan gaha:
​Eegumsa Mirga Heeraa (Due Process of Law): Heera FDRI keewwata 37 irratti mirga abbaa Haqaa argachuu fi keewwata 20(1) irratti mirga dhagahamuu (yadni keewwata 20 yakkaaf yoo ta'eyyuu, falmii sivilii keessattis phiriinsippilii bu'uuraati) ni mirkaneessa.
​Haqni Dhugaa Akka Mirkanaa'u Gochuu (Substantive Justice): Manneen murtiii gama tokko qofa dhagahanii murtii kennuu mannaa, himatamaan daqiiqaa dhumaa irrattis dhiyaatee falmii seeraa inni dhiyeeffatu dhagahuun murtii madaalawaa fi haqaa akka kennan gargaara.
​Goolaba
​Akka murtii . Lakk.galmee 206006-tti; "Falmiin bakka himatamaa hin jirreetti haa dhagahamu jechuun himatamaa guutumaan guutuutti seenaa falmii keessaa baasuu jechuu miti." Himatamaan deebii ittisaa isaa duraan galchee yoo jiraate, beellama tokko irratti badus, beellama itti aanu irratti dhiyaatee ragaa isaa dhageessisuu fi falmuu ni danda'a. Manneen murtiis sababa "bakka inni hin jirreetti akka dhagahamu murtaa'eera" jedhuun adeemsa hafe irratti akka hin hirmaanne himatamaa dhabsiisuuf aangoo hin qaban.

29/05/2026

‎𝐐𝐀𝐉𝐄𝐄𝐋𝐓𝐎𝐎𝐖𝐖𝐀𝐍 𝐅𝐈𝐋𝐀𝐍𝐍𝐎𝐎 4'𝐍
‎☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆✯☆
‎★𝑯𝒖𝒏𝒅𝒂 𝒌𝒂𝒏 𝒉𝒂𝒎𝒎𝒂𝒕𝒖𝑼𝒏𝒊𝒗𝒆𝒓𝒔𝒂𝒍-𝑺𝒖𝒇𝒇𝒓𝒂𝒈𝒆),
‎𝑲𝒂𝒍𝒍𝒂𝒕𝒕𝒊𝒊( 𝒅𝒊𝒓𝒆𝒄𝒕),𝑲𝒆𝒏𝒏𝒊𝒏𝒔𝒂 𝑺𝒂𝒈𝒂𝒍𝒆𝒆 𝑰𝒄𝒄𝒊𝒊𝒕𝒊𝒊𝒏( 𝑺𝒆𝒄𝒓𝒆𝒕 𝒃𝒂𝒍𝒍𝒐𝒕) 𝒇𝒆𝒅𝒉𝒊𝒊𝒏 𝒇𝒊𝒍𝒂𝒕𝒕𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂
‎𝒃𝒊𝒍𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏 𝒒𝒐𝒐𝒅𝒊𝒏𝒔𝒂 𝒕𝒐𝒌𝒌𝒐 𝒎𝒂𝒍𝒆𝒆 𝒊𝒕𝒕𝒊𝒊𝒏 𝒊𝒃𝒔𝒂𝒎𝒖(𝒇𝒓𝒆𝒆𝒍𝒚 𝒘/𝒐𝒖𝒕 𝒂𝒏𝒚 𝒅𝒊𝒔𝒄𝒓𝒊𝒎𝒊𝒏𝒂𝒕𝒊𝒐𝒏) 𝒇𝒊 𝑯𝒊𝒓𝒎𝒂𝒂𝒏𝒏𝒂𝒂 𝒍𝒂𝒎𝒎𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒌𝒂𝒏 𝒉𝒖𝒏𝒅𝒂𝒂'𝒆 𝒕𝒂𝒉𝒖𝒖
‎★𝑳𝒂𝒎𝒎𝒊𝒊𝒏 𝑰𝒕𝒊𝒚𝒐𝒐𝒑𝒉𝒊𝒚𝒂𝒂 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂𝒂𝒏 𝒚𝒌𝒏 𝑴𝒖𝒓𝒕𝒊𝒊𝒏 𝒉𝒊𝒏 𝒅𝒉𝒐𝒓𝒌𝒂𝒎𝒏𝒆 𝒌𝒂𝒎𝒊𝒚𝒚𝒖 𝒇𝒊𝒍𝒖𝒖 𝒇𝒊 𝒇𝒊𝒍𝒂𝒕𝒂𝒎𝒖𝒖𝒇 𝒎𝒊𝒓𝒈𝒂 𝒌𝒂𝒏 𝒒𝒂𝒃𝒖 𝒕𝒂'𝒆𝒆,𝒇𝒊𝒍𝒖𝒖𝒇 𝒚𝒌𝒏 𝒇𝒊𝒍𝒂𝒕𝒂𝒎𝒖𝒖𝒇 𝒌𝒂𝒏 𝒉𝒊𝒏 𝒅𝒊𝒓𝒒𝒂𝒎𝒔𝒊𝒊𝒇𝒂𝒎𝒏𝒆(𝑺𝒉𝒂𝒍𝒍 𝒏𝒐𝒕 𝒇𝒐𝒓𝒄𝒆𝒅 𝒕𝒐 𝑽𝒐𝒕𝒆 𝒐𝒓 𝒕𝒐 𝒃𝒆 𝒆𝒍𝒆𝒄𝒕𝒆𝒅) 𝒕𝒂𝒉𝒖𝒖
‎★𝑺𝒂𝒈𝒂𝒍𝒆𝒆𝒏 𝒌𝒆𝒏𝒏𝒂𝒎𝒖 𝒕𝒐𝒌𝒌𝒐𝒐 𝒕𝒐𝒌𝒌𝒐𝒐𝒏 𝒊𝒔𝒂𝒂 𝒘𝒂𝒍𝒒𝒊𝒙𝒂 𝒌𝒂𝒏 𝒕𝒂'𝒆,
‎★𝑭𝒊𝒍𝒂𝒕𝒂𝒂𝒏 𝒕𝒐𝒌𝒌𝒐𝒐𝒏 𝒕𝒐𝒌𝒌𝒐𝒐𝒏 𝒊𝒔𝒂𝒂 𝒒𝒂𝒂𝒎𝒂𝒂𝒏 𝒅𝒋𝒊𝒚𝒂𝒂𝒕𝒆𝒆 𝒌𝒂𝒏 𝒇𝒊𝒍𝒂𝒕𝒖 (𝑽𝒐𝒕𝒆 𝒃𝒚 𝒂𝒑𝒑𝒆𝒂𝒓𝒊𝒏𝒈𝒃𝒊𝒏 𝒑𝒆𝒓𝒔𝒐𝒏) 𝒕𝒂𝒉𝒖𝒖 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒕𝒊.
‎ ©𝑩𝒚 𝑨𝒅𝒖𝒈𝒏𝒂 𝑨 𝑬𝒆𝒃𝒍𝒂 20,2018

💥Mirgaa fi dirqamni miseensota walda hojii gamtaa maali?⚡Mootummaan hoji dhabdoonni bifa adda addaan gurmaa'anii carraa ...
27/05/2026

💥Mirgaa fi dirqamni miseensota walda hojii gamtaa maali?
⚡Mootummaan hoji dhabdoonni bifa adda addaan gurmaa'anii carraa hojii akka uummataniif haala mijjeesuufi bira darbuun baankii waliin walii galtee taasisuun yeroo gababaa keessatti liqii argachuun akka hojitti galan taasisuuf hoojjechaa jiraachuun isaa ni beekkama.
🌚Haa tahuu malee namoonni tokko tokko maallaqa bifa liqaan argatan faaydaa dhuunfaa isaaniif oolfachuuf jecha namoota of jalatti gurmeessuun waldaan erga ijaaramanii liqa ittiin hoojjettan fudhatanii booda Kaayyoo fi akeeka waldayichaa moggatti dhiisuun maallaqicha ofiif yeroo fayadaman ni mullata.
❓Gochi akka kana yo uumame miseensonni waldayichaa kisaaraa dhufu jalaa bahuu ni dandahuu?.. mirgaa fi dirqamni miseensota maalii?
Kan jedhu waliin haa Ilaalluu👇
🙏Arraaf gosoota gurmaa'insa interpirayizootaa keessaa mirgaa fi dirqama walda gamtaa shariikummaa waliin haa Ilaalluu.
⚖️Seera Daldalaa Itoophiyaa Labsii Lakkofsa 1243/2013 Boqonnaa sadi keewwata 190-197 jiran waliin haa Ilaalluu 👇
⚖️Keewwata 190 Mirga Shariikota Waldichaa
Tokkoon tokkoon shariika waldichaa mirgoota armaan gadii qaba:👇
👉1. Walgahii waldichaa irratti hirmaachuu fi sagalee kennuuf;
👉2. Bu’aa waldichaa iraa gahee isaa qooddachuuf;
👉3. Hojimaata waldichaa ilaalchisee gaaffilee dhiyeessuuf, ibsa herregaa fi sanadoota ni ilaaluuf; yaadannoo fudhachuuf;
👉4. Yeroon turtii waldichaa waggaa tokkoo ol yoo ta’e dhuma waggaa waggaatiin gabaasa raawwii hojii akka dhiyaatu gaafachuuf;
👉5. Waldichi yoo diigame qooda qabeenya waldichaa irraa gahee isaa qooddachuufi
👉6. Mirgaa fi faayidaa kanneen biroo dambii hundeeffama waldichaa yookiin miseensummaa waldichaa irraa maddan argachuuf.
⚖️Keewwata 191 Dirqama Shariikota Waldichaa
👉1. Tokkoon tokkoon shariika waldichaa dirqama armaan gaditti tarreeffaman qaba:-
✍️a. Busii waldichaa yeroon kaffaluu;
✍️b. Kaayyoo waldichaa galmaan ga’uuf ciminaafi of eeggannoodhaan hojjechuu;
✍️c. Faayidaa dhuunfaaf yookiin qaama sadaffaaf jecha gochaa faayidaa waldichaa miidhu raawwachuu dhiisuu
✍️d. Idaa waldichaatiif itti gaafatamummaa waliinii fi dhuunfaa ni qabaata;
✍️e. Dirqamoota biroo Dambii Ittiin Bulmaataa fi miseensummaa waldichaa irraa maddan ni raawwata;
👉2. Namoonni waldicharraa maallaqa gaafatan waldichi idaa irra jiru akka kaffalu dursanii akeekkachiisa yoo kennan malee shariikota waldichaa gaafachuu hin danda’an. Haa ta’u malee, shariikonni bu’aan osoo hin jiraatiin gaheewwan akka bu’aatti maallaqa dhaabbaticha irraa kan argatan yoo ta’e, yeroo kamiiyyuu shariikonni maallaqa argatan akka deebisan kallattiin gaafachuu ni danda’u.
⚖️Keewwata 192 Bu’uura Raabsa Bu’aafi Kasaaraa
👉1. Waliigalteen adda ta’e yoo jiraate malee tokkoon tokkoo miseensaa gosaafi gatiin buusii waldichaaf galii godhe maaliyyuu haa ta’u bu’aafi kasaaraa waldichaa irraa qoodama qixa ta’e qaba,
👉2. Waliigalteen taasifame qooddii bu’aa yookiin qooddii kasaaraa qofa kan ilaallatu yoo ta’e, murtiichi bu’aas ta’e kasaaraa irratti raawwatiinsa ni qabaata.
⚖️Keewwata 193 Waa’ee Shariika Haaraa Seensisuu
👉Dambii hundeeffama waldichaa keessatti tumaan adda ta’e yoo jiraate malee shariika haaraa gara waldichaatti seensisuun kan danada’amu shariikonni waldichaa hundinuu yaa itti waliigalan qofa ta’a.
⚖️Keewwata 194 Gahee Waldichaa Miseensa Waldaa Kan Biraatti Dabarsuu
👉Dambii hundeeffama waldichaa keessatti tumaan adda ta’e yoo jiraate malee, shariikni tokko qooda isaa miseensa waldichaa kan birootiif dabarsuu ni danda’a.
⚖️Keewwata 195 Waa’ee Qooda Shariika Waldicha Keessaa Bahee Kaffaluu
👉1. Shariikni tokko gahee isaa miseensa birootiif yookiin qaama sadaffaadhaaf osoo hin dabarsiin waldicha keessaa yoo baheefi waldichi hojii isaa kan itti fufe yoo ta’e bu’uura waliigaltee miseensa waldichaatiin kanfaltiin murtaa’u ni kennamaaf,
👉2. Dhimma kana irratti walii galteen yoo hin jiraanne buusiin waldichatti galii taasifame qabu; idaawwan waldichaa erga kaffalee booda qabeenya hafee yookiin bu’aa kuufame keessaa qooda isaa fi hangi bu’aa hojiiwwan yeroo inni waldicha keessaa bahu adeemsifamaa turan irraa argamu tilmaama keessa galchuun shallagamee maallaqni kan kaffalamu ta’a.
⚖️Keewwata 196 Itti Gaafatamummaa Shariika Waldicha Gadhiise
👉Shariikni waldicha keessaa bahe idaa fi itti gaafatamummaa waldichi osoo inni keessaa hin bahiin dura seeneef itti gaafatamummaa waliinii fi dhuunfaa waldicha waliin ni qabaata. Haa ta’u malee, namoonni maallaqa waldichaa irraa gaafatan yoo hayyaman itti gaafatamummaankun nama bakka isaa bu’eetti darba.
⚖️Keewwata 197 Faayidaafi Mirga Gahee irraa Argamu Qaama Sadaffaatti Dabarsuu
👉1. Shariikni tokko hayyama shariikota biroo osoo hin gaafatiin qaamni sadaffaan qooda inni waldicha keessatti qabu irraa mirgaafi faayidaa argamu akka fayyadamu hayyamuu ni danda’a;
👉2. Waliigaltee qaamni sadaffaan mirgaa fi faayidaa qoodicha irraa argamu akka itti fayyadamu hayyamu waldicha hin dirqisiisu; akkasumas mirga miseensummaas hin goonfachiisu. ❗
Maddi:-Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa

27/05/2026
24/05/2026

💥Hoggansa Gandaa taatee muudamuuf ulaagaan barbaachisu maali? Sadarkaan barnootaa barbaachisu hoo?

💰Darbee darbee Yeroo namoota Hojjetaa mootummaa hin taaneefi sadarkaa barnootaaniis Ulaagaa hin gunne hoggansa Gandaa godhuun yeroon itti muudan ni mullata.

⚖️Dhimmi Kun bu'uura Qajeelfama Raawwii Fo’annoofi Ramaddii Hooggansa Gandoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa. 24/2016 baheen akkamitti ilaalama?

Waliin haa Ilaalluu 👇
💥Qajeelfama kana Keewwata 5 jalatti Ulaagaalee barbaachisu akkanan ibsa

⚖️5. Qajeeltoo Ramaddiin Hooggansa Gandaa Ittiin Raawwatamu
✍️1. Hooggansaafi ogeessota manneen hojii Aanaalee yookiin Magaalotaa irra jiran ciccimoofi ummataatti dhiyaachuun tajaajila kennuu danda’an akkaataa Qajeelfama kanaatiin Gandoota irratti muuduun ramaddiin kan raawwatamu ta’a.

✍️2. Hooggansi yookiin ogeessi akkaataa Qajeelfama kanaatiin Gandatti ramadamu kamiyyuu hojjettoota mootummaa yookiin hooggansa mootummaa ta’uun sadarkaa Aanaa yookiin Magaalaatti kan tajaajilaa jiran keessaa ta’uu qaba.

👉As irraa wanti hubannu hoggansa Gandaa taatee muudamuuf ulaagaan barbaachisu keessa tokko hoojjetaa mootummaa tahuudha.

⚖️Qajeelfamu kana Keewwata 16 jalatti Ulaagaalee barbaachisu keessa kan biroo sadarkaa barnootaati
👉16. Qophii Barnootaa Hooggansa Gandaa Ta’uuf Barbaachiisu
✍️1. Hooggantoonni sadarkaa Gandaatti ramadaman kamiyyuu sadarkaan barnoota isaanii yoo xiqqaate digiriifi isaa ol ta’uu qaba.
✍️2. Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti kan tumame jiraatus, Bulchiinsa Aanaa yookiin Magaalaa sababoota adda addaatiin qabeenya namaa ulaagaa taa’een argachuun hin danda’amnetti haala qabatamaa Aanichaa yookiin Magaalichaa tilmaama keessa galchuun nama sadarkaa barnootaa dippiloomaafi isaan ol qabu haala addaan hooggansa irratti ramaduun ni danda’ama.

❓Ulaagaa kana malees ulaagaale filannoo hoggansa Gandaa jechun keewwata 14 jalatti tumee kan jiru yo tahu kuniis.

👉14.Ulaagaalee Filannoofi Ramaddii Hooggansa Gandaa
✍️1. Hooggantoonni Gandaa muudamtoota yookiin ogeessota ol’aanoo yookiin ogeesotsa Gandaa ulaagaa guutan keessaa filatamanii muudamuun kan ramadaman ta’a.

✍️2. Namni akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 tiin muudamee sadarkaa Gandaatti Bulchaa, Itti Aanaa Bulchaafi Sadarkaa Itti Aanaa Bulchaatti Gorsaa Gurmaa’insa Dhimma Ummataa ta’ee filatamu kamiyyuu ulaagaalee Barnootaafi
muuxannoo hojii Qajeelfama kanaan tumame guutuu qaba.

✍️3. Namni akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 tiin muudamee sadarkaa Gandaatti Itti gaafatamaa Waajjiraa ta’ee ramadamu kamiyyuu ulaagalee armaan gadii guutuu qaba:
👉a. Imaammataafi tarsiimoo mootummaatti kan amanu;
👉b. Dandeettii Gaggeessummaafi Gahumsa Ogummaa kan qabu;
👉c. Ogeessota Ol’aanoo Aanaa yookiin Magaalaa keessaa kanneen ulaagaa qophii barnootaafi muuxannoo hojiin guutan;
👉d. Umriin isaanii dargaggeessa yookiin ga’eessa kan ta’ee; fi
👉e. Muuxannoon hojiifi barnoonni isaanii kallattiin damee irratti ramadaman waliin kan walisimu ta’uu qaba.

Qajeelfama kana ala bahuun qaamni namoota hoojjetaa mootummaa hin tahiin warri muudu itti gaafatamummaa yakkaa hordofsiisuu akka danda'u beeytaanii dogoggoraa uumtan akka sirreesitan jenna.
Hubannoo Seeraa qabdan gabbifachuuf fuula media hawaasaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa hordafaa

Maddi:: Fuula FB Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa

Konkolaachisaan Taarifa Murtaa’een Ol Kanfalchiise Seera Kamiin Gaafatama; Namni Boba’aa Seeraan Ala Jaarikaaniin Otuu G...
21/05/2026

Konkolaachisaan Taarifa Murtaa’een Ol Kanfalchiise Seera Kamiin Gaafatama; Namni Boba’aa Seeraan Ala Jaarikaaniin Otuu Geejjibsiisu/Gurguru Argame Hoo Itti gaafatamummaa Akkamii Qaba?
==============================================================================================
Labsii lkk 813/2015 kwt, 22(12&14), 25(2) fi 43(3); Murtii Dha Ijb MMWF glm Lkk 168067 (Jld 24)fi; Labsii lkk 1363/2017 kwt 25 waliin kan xiinxalame.
================================================================
1. Kaayyoo fi daangaa raawwi labsii lameenii
Labsiin Lkk 813/2015 kaayyoowwan ijoo baheef keessaa hawaasa daldalee bulu hoj-maata haqa dhabeesaa fi farra dorgommii gabayaa bilisaa irraa eeguu fi shamattoota meeshaa fi tajaajilaa odeeffannoo gabayaa fi mi’aa dogongoraa irraa tiksuu, sababa babal’atuu daldalaan walqabatee sochoowwan meeshaalee fi tajaajiloota fayyaa fi nageenya shamattootaa miidhuu danda’an toohachuu fi sirna gabayaa shammaatonni meeshaaalee fi tajaajiloota gatii madalaawaa kanfalaniin walgitu akka argatan dandeessisu diriirsuu akka ta’e seensa labsichaa keessatti fi kwt 3 jalatti ibsamee jira.
Meeshaalee fi tajaajiloota bu’uraa jechuunis meeshaa fi tajaajila fedhii guyyaa guyyaa shammaatotaaf barbaachisaani fi hanqini isaa gabayaa keessatti yoo uumame/mudate gochaa daldala sirrii hintaane ykn haqa dhabeessaaf karaa banu ykn saaxilu akka ta’e labsicha kwt 2(3) jalatti tumamee jira. Akkasumas shammataa jechuun nama uumamaa hojii oomishaaf ykn gurgurtaaf otuu hintaane fedhii dhuunfaa ykn Maatii mana keessaa guutuuf jecha meeshaalee ykn tajaajiloota bitatu akka ta’e labsicha kwt 2(4) jalatti kan tumame yoo ta’us kunis shammatan daldalaa fi namoota qaama seerummaa meeshaa fi tajaajila faayidaa oomishaaf ykn gurgurtaaf gabayaa irraa bitan kan hinilaallanne akka ta’e agarsiisa.
Bu’ura kanaan labsiin Lkk 813/2015 akka waliigalaatti dorgommii daldala haqa qabeessa, naamusaa fi seera gabayaa biilisaan qajeelfamu mirkaneessuu ta’us kallattii fi addatti immoo shamattoota fedhii guyyaa guyyaa mana keessaa ykn jireenya idilee dhuunfaa isaanii ykn maatii isaanii guuttachuuf meeshaalee fi tajaajiloota bu’uraa gabayaa irraa bitatan eeguuf kan kan labsame ta’uun isaa ifaan hubatama .
Akkasumas daangaa raawwii labsichaa ilaalchisee hojii daldalaa fi meeshaalee ykn tajaajiloota daldalaa daangaa biyya Itoophiyaa keessatti gaggeeffamu kamuu irratti raawwatiinsa kan qabu ta’uu fi garuu hojiilee toohannoo fi tarkaanfilee bulchiinsaa bu’ura Seerota biroon tumaman kan hambisu akka hintaanes labsichi kwt 4 jalatti ibsamee jira.
Gama biraan labsiin boba’aa lkk 1363/2017 immoo boba'aan amala isaatiin qabeenya faayidaa diinagdummaa fi hawaasummaa ol’aanaa qabu waan ta’eef haalli kuusaa, dhiyeessii, raabsaa, eegumsii nageenya, qulqullinaa fi gatii isaanii akkaataa sadarkaa Idil-adunyaa eeggateen fi fayyaa namaa fi beeyladootaa akkasumas nageenya qabeenyaa fi naannoo irratti miidhaa hingeessineen akka gaggeeffamu mirkaneessuu kan kaayyeffate akka ta’e seensa irratti ibsamee jira. Akkasumas fichisiisaa (importer) irraa kaasee hanga fayyadamaa isaa dhumaa bira gahutti bifa teknolojii ammayyaan deeggarameeni fi haala ifa , si’ataa, amansiisaa, haqa qabeessaa fi dhaqqabamaa ta’een sirna dhiyeessii, raabsaa fi gurgurtaa qinixxaaboo diriirsuun gochaalee seeraan alaa gabayaa keessatti sirna raabsaa fi gurgurtaa boba’aa irratti raawwataman too'achuu haala dandeessisu uumuunis kaayyoo ijoo labsichaatidha.
Kana malees, dhaabbilee fi ogeeyyii hojii daldala boba’aa irratti bobba'an sadarkaa ga’uumsa muxannoon Idil-adunyaa gaafatu irra jiraachuu isaanii mirkaneessuun sirna dhiyeessii, raabsaa fi gurgurtaa boba’aa nageenyummaa isaa eeggatee fi seera qabeessa ta’e lafa qabsiisuunis kaayyoo labsichaa akka ta’e ibsamee jira,
Walumaagalatti kaayyoowwan labsichaa kanneen irraa hubachuun akka danda'amutti hojiin dhiyeessii fi raabsa akkasumas gurgurtaa boba’aa amala isaatiin eegumsaa fi sadarkaa ga'uumsa addaa kan barbaadu waan ta’eef meeshaalee biroo irraa addatti seera addaa ofdanda’een akka too'atamuu fi bulu seera baastuun yaadee labsicha kan baase akka ta’edha.
Daangaa raawwii isaa ilaalchiseeis hojiiwwan boba’aa barbaaduu fi misoomsuu fi akkasumas tajaajila ittisa biyyaa irraan kan hafe labsiin lkk 1363/2017 hojii sirna boba’aa fichisiisuu kaasee , kuusuu fi raabsuu hanga gurgurtaa qinixxaabootti daangaa biyya Itiyoophiyaa keessatti raawwatamuu fi qaamolee hojicha keessatti hirmaatan hunda irratti kan raawwatu akka ta’e kwt 3(1) jalatti ibsamee jira. Kunis dhimmi boba’aa fichisiisuu eegalee hanga gurgurtaa qinixxaaboo fayyadamaa dhumaa bira dhaqqabutti jiru ykn raawwatamuu kamiiyuu Labsii kanaan kan hammatamu akka ta’e kan agarsiisu waan ta’eef Labsiin lkk, 813/2015 dhimma boba’aa ilaallatu irratti raawwatiinsa hinqabu. Kanaaf , gochaaleen boba’aa ilaalchisee konkolaattotaa fi konkolaachistoota dabalatee nama kamiinuu raawwataman Labsii lkk 1363/2017 jalatti kan ilaalaman ta’a.
Hojirra oolmaa labsiilee lamaan kanaan walqabatee gaaffileen ijoon qabatamaan rakkoo ta’anii fi ogeessonni hedduun yeroo hedduu irra deddeebiin kaasaa jiran:
A) konkolaataan gatii geejjibaa taarifa murtaa’een olitti kanfalchiise labsii lkk 813/2015 jalatti yakkaan gaafatamuu nidanda’a moo miti?
B)Konkolaataan seeraan ala boba’aa jaarikaaniin konkolaataa fe’uumsa ummataan otuu geejjibsiisu qabame Labsii fi tumaa seeraa isa kamiin gaafatama, kan jedhan isaan barreeffama kanaan ilaaluuf filatamanidha.
2. Tajaajila geejjibaan walqabatee konkolaataan taarifa mootummaan murtaa’een olitti kanfalchisee seera kamiin gaafatama?
Gaaffii isa jalqabaa ilaalchisee konkolaataan hojii daldala geejjiba deddeebisaa ummataa irratti eeyyama baafate boba’e tokko gurgurtaa tajaajila geejjibaa irratti kan hirmaate yoo ta’uu fayyadamtoonni tajaajilichaatis faayidaa ykn fedhii dhuunfaa guyya guyyaaf tajaajila geejjibaa kan fayyadaman waan ta’eef labsii lkk 813 jalatti akka gurgurtaa tajaajilaatti ilaalamuu danda’a jechuun labsicha kwt 2(3) caqasuun ogeeyyiin gala man nijiru. Asirratti tajaajilli geejjibbaa hiika meeshaalee ykn tajaajila bu’uraa jireenya guyyaa guyyaaf barbaachisuu fi hanqini yoo mudate gochaalee seeraa alaaf hawaasa saaxilu jedhamee labsicha kwt 2(3) jalatti ibsame kan guutu akka ta’ee fi konkolaataan ykn konkolaachisaan gatii taarifa murtaa’een ol dabalee fe’e ykn sababa taarifaan ala imalaan kanfaluu dideef tajaajila kennuu dhoowwate/ dide labsii Lkk 813/2015 kwt 22 -25 fi 43(3) jalatti yakkaan gaafatamuun adabamuu akka danda’u ogeessonni falmanii fi hojjetan akka jiran qabatamni jiru niagarsiisa..
Haata’u malee jalqabarratti akkaataa Labsii Lkk 813/2015tti tajaajjilli geejjibaa gosa meeshaalee fi tajaajila bu’uraa fedhii guyyaa guyyaa shammattootaaf barbaachisuu fi hanqini yoo uumame gabayaa keessatti gochaa seeraan alaa akka raawwatamu saaxilu jedhamee labsichi kwt 2(3) jalatti hiikni itti kenname keessatti kan hammatamu moo miti kan jedhu ilaalchisee gosa meeshaalee fi tajaajilaa hiikkoo labsichaa kanaan hammatamuu qaban karaa ministeera Daldalaa adda bahuun garii isaa waliin tarreeffamuun karaa mana Maree ministeerotaa dambiin ykb beeksisa ibsamuun kan murtaa’u akka ta’e labsicha kwt 25(1) fi 26 jalatti kan tumame irraa nihubatama. Akkaataa kanaan meeshaan ykn tajaajilli tokko gosa meeshaa ykn tajaajila labsichaan hammatamee ta’uu fi dhiisuun isaa dambii ykn beeksisa gosa meeshaa fi tajaajilaa fi gatii/taarifa ministeerri daldalaa baasu keessatti yoo hammatame qofa waan ta’ee dambicha ykn beeksisa akkasii yoo jiraate ilaaluun dirqama ta’e. Haala kanaan tajaajilli geejjibaa gosa meeshaalee fi tajaajilaa labsichaan hammatame ta’uu isaa dambii ykn beeksisa ministeera daldalaa rogummaa qabu caqasuun yoo hinagarsiifamin tumaa labsichaa kwt 2(3), 22(12&14), 25(2) fi 43 qofa ilaaluun konkolaataan ykn konkolaachisaan taarifaan ala fe’e ykn sababa taarifaan olitti kanfaluu didaniif tajaajila kennuu Labsii Lkk 813 jalatti yakkaan gaafatame jechuun bu’ura seeraa kan qabu ta’ee hinmul’atu.
Kanumaan walqabatee dhimma taarifaan ala kanfalchiisuu ykn tajaajila kennuu diduu kallattiin kan ilaallatu ta’uu yoo baateeyyuu meeshaan ykn tajaajilli tokko Labsii Lkk 813/2015 jalatti hammatama moo miti kan jedhu murteessuuf dambii ykn beeksisa miniteera daldalaan bahu keessatti tarreeffamuu akka qabu kan agarsiisu hiikkoo Dhaddacha IJibbataa MMWF glm Lkk 168067 (Jld 24) akka agarsiiftuutti fudhachuun nidanda’ama. Kanaaf walumaagalatti gochaan tajaajila geejjibaan walqabatee taarifaan ala gatii dabaluu, sababa taarifaan ala kanfalamuu didameef tajaajila kennuu diduu ykn darbaa fe’uu fi kan kkf akkaataa dambii tiraafiikaa rogummaa qabuun kan gaafachiisu ta’uun alatti Labsii Lkk 813/2015 jalatti yakkaan kan himachiisuu miti.
3, Konkolaachisaan/namni boba’aa jaarikaanaan konkolaataa ummataatti fe’ee qabame seeraa fi tumaa kamiin gaafatama, kan jedhu qabxii ijoo lammafaa ilaalchiseetis Labsii boba’aa Lkk 1363/2017 jalatti kwt 25 jalatti ibsamee jira. Labsicha kwtni 25(1-11) jalatti akka tumametti gosa gochaalee badii yakkaan gaafachiisan gurguddoo 11 ta’an adda bahanii adabbii hordofsiisan waliin tumamanii jiru. Sana keessaa boba’aa jaarikaanitti konkolaataa ummataan geejjibsiisuu ilaalchisee gochaalee gurguddoo lama labsicha kwt 25(5) jalatti tumamanii keessatti ilaalamuu kan danda’udha.
Haaluma kanaan inni tokko ragaa eeyyamaa (calibration certificate ) otuu hinqabaatin gochaa boba’aa irratti raawwatamu yoo ta’u innis nama kamiiyyuu certificate boba’aa daldaluu otuu hinqabaatin geejjibsiise ykn gurgure ilaallata ( Ragaa akkasii qabaachuu fi dirqama walqabatu labsicha kwt 8 jalatti bal’inaan ibsamee jira). Kana jechuun ragaa eeyyama “calibration certificate” jedhamu qabaachuun dirqamadha. Ragaa kana otuu hinqabaatin hojii daldala boba’aa irratti bobba’uun , geejjibsiisuu dabalatee gurguruun dhoorkaadha . Kanaaf ragaa kana otuu hinqabaatin boba’aa kuusuun, geejjibsiisuun ykn gurguruun gochaa yakkaan adabsiisuudha.
Inni lammaffaa immoo gosa meeshaa bob’aan itti qabatamuu qabuu fi hanga qabachuu qabuu waliin kan walqabatu yoo ta’u eeyyama calibration kan qabu yoo ta’eeyyuu standanrdiiwwan/sadarkaalee fi ulaagaalee meeshaalee boba’aan ittiin gurguramuu fi hanga boba’aa meeshaaleen sun akka qabatan eeyyamame waliindhahuun jijjiiruu, xiqqeessuu ykn hanga eeyyamameen olitti ykn gaditti akka qabatan gochuun hanga boba’aa ykn gatii isaa waliindhahuun gurguruun yakkadha (sadarkaalee, standardiiwwanii fi gosti meeshaalee eeyyamamanii labsicha kwt 6 fi 7 jalatti ibsamee jira).
Kunis fkn bootteen ykn tankarri tokko boba’aa hangam akka qabachuu qabu , paampiin isaa hangam akka raabsuu danda’uu fi qabu , gatii hangam akkamitti lakkaa’uu akka qabuu fi kkf sadarkaan qajeelfamaan ta’eefii jira waan ta’eef isa kana cabsuun geejjibsiisuu ykn gurguruun badii yakkaan gaafachiisudha. Akkaataa kanaan hanga eeyyame jedhame honqabaannetti ykn eeyyamame qabaatus gosa meeshaa amala boba’aaf addatti qajeelfamaan taa’ee fi eeyysmameen alatti jaarikaanas ta’ee meeshaa kan biraa kamiiyyuu boba’aa geejjibsiisuun tumaa labsichaa olitti caqafame jalatti yakkaan adabsiisa.
Jemal K Keweti

https://t.me/speaklawinabsentia

Address

Hararghe
Deder

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dabbaal Show Fuula Hubannoo Seeraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share