Dire Tv - Afaan Oromoo

Dire Tv - Afaan Oromoo You can follow us Here.

This is the official Dire Dawa Administration Mass Media Enterprise (Dire Tv - Afaan Oromoo) page - where you can get all the latest news in Afaan Oromoo.

 :- ‎‎‎Jaappaan Doolaara miiliyoona 10 fi kuma 500 Itiyoophiyaa deeggarte Amajjii 4, 2018   Dire Tv - Afaan Oromoo Mootu...
12/01/2026

:- ‎‎‎Jaappaan Doolaara miiliyoona 10 fi kuma 500 Itiyoophiyaa deeggarte

Amajjii 4, 2018 Dire Tv - Afaan Oromoo

Mootummaan Jaappaan Doolaara miiliyoona 10 fi kuma 500 Itiyoophiyaa deeggare.

Deeggarsi kun qonna, tajaajila namoomaafi bu’uuraalee misoomaa garaagaraaf kan oolu.

Deeggarsichi karaa ejensiiwwan Mootummoota Gamtoomaniifi dhaabbilee idil-addunyaa biroon pirojeektoota misoomaa Itiyoophiyaatti hojjetaman deeggaruuf kan oolu ta’uu Jaappaanitti Embaasiin Itiyoophiyaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.

Jaappaan Itiyoophiyaaf deeggarsawwan faayinaansiifi teeknooloojii taasisuun hojiilee deeggarsa namoomaafi ijaarsa nageenyaa irratti hojjechaa turuu yaadachiisuun, hojiilee misoomaa garaagaraa irratti tumsaan hojjechuun michummaa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo akka qabdus ibseera.

Deeggarsi ifoome kun hammattoowwan lamaan kan dhiyaate yoo ta’u irra jireessaan hojiilee barnootaa, fayyaa fi bu’uuraalee misoomaa bishaanii deeggaruun misooma waaraa cimsuu fi deeggarsa namoomaaf kan oolu ta’uun eerameera.

Pirojeektoonni misoomaa Jaappaan Itiyoophiyaatti hojiilee misoomaa rakkoolee diinagdeefi hawaasummaa furuuf hojjetaman bu’aalee teeknooloojii Jaappaan akka fayyadamaniif kan dandeessisan ta’uus ibseera.

Maddi:- FMC

Odeeffannoo Waaqtawoo Argachuuf :-

👉Feesbuukii: Afaan Oromoo: https://www.facebook.com/share/1B8KihEAkt/

Amaariffaa:https://www.facebook.com/diretvamharic

Af-Somaalii: https://www.facebook.com/share/199s1kp4Sr/

👉Yuutuubii : https://youtube.com/?si=m-e8hZFG3sNqM4gv

👉Tiiktook: https://www.tiktok.com/.tv

Yeroo mara, waan nu waliin jirtaniif isin galateeyfanna.

Seenessi waloo humna ijaarsa biyyaati Muddee 4,2018: Dire Tv - Afaan Oromoo Konfiraansiin seenessa waloo biyyaalessaa ci...
12/01/2026

Seenessi waloo humna ijaarsa biyyaati

Muddee 4,2018: Dire Tv - Afaan Oromoo

Konfiraansiin seenessa waloo biyyaalessaa cimsuu irratti xiyyeeffate har'aa magaalaa Jimmaatti taa’amuu eegaleera.

Konfiraansii kana irratti Af-yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan, hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa, Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataatti Ministirri itti waamamaa Mootummaa Tasfaayee Baljigee (PhD), Ministirri Nageenyaa obbo Muhammad Idiriisii fi hoggantoonni ol’aanoo Mootummaa Federaalaa, hayyoonnii, qooda fudhattoonnii fi guutuu biyyattii irraa namoonni hawaasa bakka bu'an hirmaachaa jiru.

Konfiraansiin guddicha seenessa waloo biyyaalessaa guyyoota lamaaf taa’amu kun qopheessummaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Ministeera Nageenyaa, Yuunivarsiitii Jimmaa, Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa fi Godina Jimmaa akkasumas dhaabbata 'CRPP' Yookiin 'Center for Responsible and Peaceful Politics'n waliin kan qophaahe ta'uu, odeeffannoon BKOtii argame ni mul'isa.

Dhaabbanni ‘Meta’ akkaawuntiiwwan daa’immanii ugguruu eegaleAmajjii 4/2018 (Gaazexaa Pilaas): Murtiin Paarlamaan Awustir...
12/01/2026

Dhaabbanni ‘Meta’ akkaawuntiiwwan daa’immanii ugguruu eegale

Amajjii 4/2018 (Gaazexaa Pilaas): Murtiin Paarlamaan Awustiraaliyaa daa’imman umrii 16 gadii miidiyaalee hawaasaa akka Feesbuukii, Inistaagiraamii, Yuutuubii, Tiktookii, X, Tireedsiifi kaan akka hinfayyadamne dhorku hojiirra ooluu eegalee jira.

Kana hordofuunis miidiyaalee hawaasaa eeraman kanneen kan bulchu kaampaaniin ‘Meta’ Awustiraaliyaatti akkaawuntiiwwan daa’imman umrii 16 gadii ugguruu eegaleera.

Guyyoota muraasa keessatti akkaawuntiiwwan fayyadamtoota kuma 550 olii ugguramuus beeksisee jira.

Inistaagiraamii qofarraa torban tokkotti akkaawuntiin daa’immanii kuma 330 ol ugguramuus ibseera.

Seera biyyattiin baafte hojiirra oolchuuf dhaabbatichi akkaawuntii daa’immanii cufuu akka ittifufu ifoomsee jira.

Mootummaan Awustiraaliyaa daa’imman umrii 16 gadii miidiyaalee hawaasaa akka hinfayyadamne seera baasuun dhorkaa kan kaa’eef qabiyyeewwan miidiyaalee hawaasaa guddina daa’immaniirratti dhiibbaa uumaa akka jiran komiiwwan dhiyaatan bu’uureffachuuni jedhamee jira.

Kana malees daa’imman barnootasaaniirratti akka xiyyeeffataniif ta’uun himame

Murtoon mootummaa biyyattii maatii heddurraa deeggarsa argatus kampaaniiwwan miidiyaalee hawaasummaa gamasaaniin; guutummaatti ugguruurra qabiyyeewwan daa’imaniif malan seecca’uun akka dhiyaatan gochuurratti xiyyeeffatamuu qaba jechuun mormanii jiran.

Daa’immaan miidiyaa hawaasaa akka hinfayyadamne seeraan ugguruun Awustiraaliyaan biyya jalqabaati.

Biyyattitti dhaabbanni miidiyaa hawaasaa dhorkaa kaa’ame cabsuun mirkaneessa umrii malee daa’immaan umrii 16 gadii akkaawuntii miidiyaa hawaasummaa akka banatan eeyyame doolaara miliyoona 49.5 akka adabamu murtaa’ee jira.

Tarkaanfii Awustiraaliyaa kana hordofuuf biyyoonni Awurooppaa hedduun xiinxalaa jiru jedhamee jira.

Ameerikaattis kutaan bulchiinsa Filooriidaa tarkaanfii walfakkaatu fudhachuun daa’imman miidiyaa hawaasaarraa ugguruuf sochii eegaluu 'BBC’n gabaasee jira.

12/01/2026

Of Danda'uun, Ofirra Dabarree Biyyoota Ollaa Akka Gargaaruu Dandeenyuuf Hawaasni Keenya Jabaattanii Hojjachuudha qabdan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar

Baareloonaan Riyaal Maadriid Moohachuun Waancaa Moohaa Moohattoota Ispeen fudhateMorkiin El Kilaasikoo Baarseloonaa fi R...
11/01/2026

Baareloonaan Riyaal Maadriid Moohachuun Waancaa Moohaa Moohattoota Ispeen fudhate

Morkiin El Kilaasikoo Baarseloonaa fi Riyaal Maadriid Jidduutti gaggeeyfame Olaantummaa Baarseloonaatiin Goolabamee jira.

Taphni waancaa Moohaa Moohattoota Ispeen marsaa 42ffaan Saa'udii Arabiyaatti kilaboonni masaanuun biyya Ispeen Baarseloonaafi Riyaal Maadriid waliin gaggeeysan 3 fi 2'tti injifannoo Baarseloonaatiin xumuramee jira.

Gareen Haansii Filiik Baarseloonaan taphicha injifachuun shaampiyoonaa waancaa moohaa moohattoota Ispeen tahuu mirkaneeyfatee jira.

Taphni istaadiyeemii mootii Abdallaa magaalaa Jiddaatti argamutti taphatame kun taateewwan hedduudhaan kan dabaalame ture. Gareewwan lachuu jalqabarratti if eeggannoon taphachaa turan. Tahuus daqiiqaa 35 booda waa hedduu jijjiirame. Daqiiqaawwan xumuraa boqonnaa duraa keeysatti walitti aansuun gooliiwwan galan miira daawwattootaa akkaan ol kaasan turan.

Baarseloonaan akkuma aadaa isaatti jalqaba irraa kaasee kubbaa toohachuun olaantummaa fudhatee taphachaa kan ture yoo tahu, kubbaa Raafiinaan daqiiqaa 36ffaa irratti galcheen 1 fi 0n duursuu eegale.

Taphattoonni Baarseloonaa gammachuu kana ibsatanii osoo hin xumurin Lammiin Biraaziil Vinishees Juuniyer dandeettii dhunfaa isaatti gargaaramuun daqiiqaa 45+2ffaa irratti goolii ajaa'ibaa Riyaal Maadriidiif galcheen kilaboota lamaanuu walqixxeeyse.

Kanatti aansee daqiiqaawwan muraasa booda, taphataan sarara fuulduraa lammii Poolaandi Rooberti Lewaandoowiskii daqiiqaa 45+4ffaa irratti goolii lammaffaa galcheen gareen isaa Baarseloonaan irra deebi'uudhaan ammaas akka duursan taasise.

Taateewwan Diraamaa fakkaatan ammaas hin xumuramne. Daqiiqaa dhumaa yeroo dabalataa kennameerratti Gonzaalooo Gaarshiyaa goolii galcheen Riyaal Maadriid irra deebiin walqixa tahan.

Taphni boqonnaa duraa haala kanaan morkii cimaan irratti muullate goolii 2 fi 2 walqixaan xumurame. Baarseloonaan boqonnaa boodaas olaantummaadhaan kan itti fufe yommuu tahu, goolii 3ffaa Raafiinaan lakkoofsiseen 3 fi 2'n injifachuun seenaa keeysatti waancaa moohaa moohattoota Ispeen 16ffaa fudhachuu isaanii mirkaneeyfatanii jiran.

Dargaggeeysi sarara fuulduraa Riyaal Maadriid Gonzaaloo Gaarshiyaa ammoo erga Maarkoo Asseensiyoo bara 2017 umrii isaa waggaa 21 fi guyyaa 207'n taphataa umrii xiqqaan tapha El Kilaasikoo irratti goolii galche jedhamuun seenaa hojjate booda halkan edaa umriisaa waggaa 21 fi guyyaa 293'n taphataa umrii xiqqaa tapha El Kilaasikoo irratti goolii galche kan jalqabaa tahuu danda'ee jira.

Gama Baarseloonaatiin taphataan sarara jidduu Firaanki Diyoongi Kiiliyaan Imbaappee irratti balleeysaa raawwateen daqiiqaa 91ffaa irrati kallaattiin kaardii diimaan dirreerraa baafame.

Ahmad Mahammad

Taphni El Kilaasikoo Boqonnaa dura 2 fi 2 qixa xumurame. Taphni waancaa moohaa moohattoota Ispeen kilaboota masaanuu Baa...
11/01/2026

Taphni El Kilaasikoo Boqonnaa dura 2 fi 2 qixa xumurame.

Taphni waancaa moohaa moohattoota Ispeen kilaboota masaanuu Baarseloonaa fi Riyaal Maadriid jidduutti gaggeeyfamaa jiru boqonnaa dura goolii 2 fi 2 walqixaan xumuramee jira.

Tapha Saa'udii Arabiyaatti taphatamaa jiru kanartatti gareewwan lamaanuu jalqabarratti if eeggannoon taphachaa kan turan tahuus, daqiiqaa 35 booda daqiiqaan 45'nan duraa taateewwan diraamaa fakkaatan hedduudhaan dabaalamuun goolabamee jira.

Baarseloonaan kubbaa daqiiqaa 36ffaa irratti Raafiinaan galcheen duursa qabatanii turan. Lammiin Biraaziil Vinishees Juuniyer ammoo dandeeytii dhunfaatti gargaaramuun Daqiiqaa 45+1ffaa irratti Maadriidiif goolii qixxeessituu lakkoofsise.

Turtii muraasa booda Ddaqiiqaa 45+4ffaa irratti Roobert Lewaandowiskii goolii Baarseloonaan ammaas irra deebi'uun akka duursan taasise lakkoofsise. Riyaal Maadriidiis osoo hin turin daqiiqaa 45+6 irratti goolii Gaarshiyaan isaanii lakkoofsiseen 2 fi 2 walqixa tahuun boqonnaa bahuu danda'anii jiran.

Ahmad Mahammad

Maanchistar Yuunaayitid Dorgommii Waancaa FA Ingilaandii Ala Tahe.Tapha Waancaa 'FA' Ingilaandi galgala kana taphatameen...
11/01/2026

Maanchistar Yuunaayitid Dorgommii Waancaa FA Ingilaandii Ala Tahe.

Tapha Waancaa 'FA' Ingilaandi galgala kana taphatameen Maanchistar Yuunaayitid dirree isaarratti Biraayitaniin 2 fi 1'n moohamuun dorgommii ala tahuu danda'ee jira.

Tapha Olditiraafoorditti taphatame kanarratti Daanii Weelbeek fi Giruudaan gooliiwwan injifannoo Biraayitan lakkoofsisanii jiran.

Taphataan sarara fuulduraa Beenjaamiin Seeskoo Yuunaayitidiif goolii tokko galchuus, gareesaa moohamuurraa baraaruu hin dandeenye.

Tapha kanarratti gama Yunaayitiidiin taphataan dargaggeessi Laasiin kan jijjiiramee taphate kaardii diimaan argachuun dirreerraa ariyamee jira.

Leenjisaa duraanii Ruuban Amooriim hojiirraa erga ariye booda Leenjisaa yeroo Daaran Fileechariin durfamaa kan jiru Maanchistar Yunaayitid taphoota jahan dabran keessaa tokko qofa moohate. Taphataan duraanii Maanchistar Yuunaayitid Daanii Welbeek, bara dorgommii kana kilaba isaa duraaniirratti goolii lama lakkoofsisuu danda’ee jira.

Taphataan sarara fuulduraa Biraayitan Daanii Weelbeek taphataa cimaa taphichaa tahuun filatamee jira.

Ahmad Mahammad

Hiriirri Morkii Tapha El Kilaasikoo Halkan Kana Sa'aa 4:00 Irraa Eegalee Baarseloonaa fi Riyaal Maadriid jidduutti tapha...
11/01/2026

Hiriirri Morkii Tapha El Kilaasikoo Halkan Kana Sa'aa 4:00 Irraa Eegalee Baarseloonaa fi Riyaal Maadriid jidduutti taphatamuu ifoomsame

11/01/2026

Sagantaa Jalqabsiisa Hojii Misooma Sululaa Bara 2018 Aanaa Assallisootti Gaggeeyfame

11/01/2026

Barri Kun Bara Itti Biyti Teenya Keessaa Harka Wal qabachuun itti Baatuudha Hogganaa Biiroo Qonnaa Bishaan Albuudaa Fi Inarjii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Nuuraddiin Abdallaa

 : Hojiin Misooma Sululaa Qindaawaan ji'oottan bonaa wabii nyaataa mirkaneeysuu fi Gargaaramtummaa jalaa bahuuf gumaacha...
11/01/2026

: Hojiin Misooma Sululaa Qindaawaan ji'oottan bonaa wabii nyaataa mirkaneeysuu fi Gargaaramtummaa jalaa bahuuf gumaacha olaanaa qabaachuun ibsame.

Hujiin misooma sululaa ji'oottan Bonaa kan bara 2018 Kilaastara asallisoo Araddaa ganda Rigeetti kantiibaa Bulchinsaa eegalchiisanii jiran.

Duulli misooma bishaan ganna walitti hidhame bara 2018 Kilaastara Asilisoo, Godina Gende Rigeetti eegalamee jira.

Hujiin misooma sululaa qindaawaan akka biyyaatti bara 2004 irraa kan eegalame yo tahu akka bulchinsaattiis hawaasa kumaatamiin lakkaawaman hirmaachisuun Sululawwan hidhuun Biyyeefii Bishaan akka eegaman taasisuudhaan hujiin ballaan hojjatamee jira. Bara kanaas akka Bulchinsa Dirree Dhawaatti kilaastara afranirrattuu ammajii 3 bara 2018tii mara duree 'Hijii misooma sululaa Ceehumsa qonnaatiif' ja'uun eegalamee jira.

Hujii misooma sululaa kan Kilaastara Asallisootti Eegalame kan jalqabsiisan Kantiibaan Bulchinsa Dirree Dhawaa kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar haasawa taasisaniin Hujiin Misooma sululaa jalqabarraa kaasee bulchinsa Dirree Dhawaatti adeemsifamaa jiraachuu dubbatanii, Hujiin Kun gammoojjummaa fii jijjirama haala qilleensaa irrisuu keeysatti keeysaahuu Bulchinsa Dirree Dhawaatiif bu'aan inni qabuufii argamsiise olaanaa tahuu addeeysanii hujiin kuniis akka biyyaatiis Muummee ministeeraa Dr Abiyyi Ahmadiin xiyyeeyfannaan olaanaan kennamuuf himanii,kuniis bu'aa gaarii argamsiisaa jiraachuu ibsan.

Hujiin hojjatamu kuniis eeggattummaafii boodatti haftummaa kan nu tarkaanfachiisu ja'anii tattaafii midhaan nyaataatiin biyyi teenya if dandayuuf taasiftuuf ifiis dandeeysee biyyoota ollaatiifillee gayuuf taasiftu keeysatti hawaasni hirmaachuun tumsuu qaban ja'an.
Waltajjii kanarratti kantiibaan dhuma duula misoomaarratti Kilaastaroota caalmayatti hojjataniif beekkamtiin kan kennamu tahuu kaasanii kilaastaroonni marti miira dorgommiitiin hujii qulqullina qabu hojjachuun hujii qabame yaroo qabameef keeysatti akka xumuran dhaamsa Dabarsan.

Sagantaa eegalchiisa hujii misooma sululaa qindaawaa kanarratti Hogganaan Biiroo Qonnaa, Bishaan,Albuudaafii Anniisa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Nuuraddiin Abdallaa Hujii eegumsa Biyyeefii Bishaanii Baroowwan dabran hojjatamaa tureen bu'aan damdaneeysi argamuu kan kaasan yo tahu, baroowwan 14ran dabranitti lafa heektaara kuma 50,600 olirratti hujiin misooma sululaa hojjatamuu kaasan. Kanaaniis bishaan lafa keeysaa dabaluun gamatti oomishaafii oomishtummaa qotee horsiisee bulaa guddisuu keeysatti qooda olaanaa gumaachuu addeeysan.

Bara kanaas Baadiyyaa bulchonsaa lafa heektaara 5500 olirratti hujiin misoo
ma sululaa qindaa'aan kan hojjatamu tahuu addeeysanii hawaasniniis baroowwan dabran caalaa hojjachuun bu'aa misooma sululaa caalmayatti dhandhamuuf kutannoon hojjachuu akka qaban dhaamsa dabarsan.

Hujii misooma Sululaa Kilaastara Asallisoo Araddaa ganda rigee araddaa Ganda Rigeetti eegalame kanarratti Bulchaan kilaastarichaa Obbo Abdii Abdallaa Hujiin misooma sululaa baroowwan dabran hojjataman iddoon haalaan bu'aa gaarii itti argamsiise kilaastara asallisoo tahuu kaasanii bara kanaas daran hojjachuun oomishni mudraafii kudraa caalmayatti akka argamuuf hawaasa sochoosuun xiiqiin kan hojjatan tahuu addeeysan.

Ogeeyyyiin.misoomaatiis hujii misooma sululaa beekkomsaan dabaalame hojjachuuf murannoon kan tumsan tahuu ibsan.

Sirna eegalchiisa Hujii misooma sululaa qindaawaa ji'oottan bonaa kanarratti Hoggantoonni olaanoon Bulchinsaa Kantiibaa Bulchinsaa Dabalatee kan hirmaachuun kan jalqabsiisan yo tahu,Hoggansi kilaastarichaa akkasumaas hawaasni kilaastarichaa hirmaatanii kan jiran yo tahu hujiin kuniis ji'a tokkoof kan itti fufu tahuun beekkamee jira.

Gabaasni: Husseen Yaassiin
Suuraan: Naatnaa'el G/ Yohaannis

  Misooma Sululaa Qindaawaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Suuraan
11/01/2026

Misooma Sululaa Qindaawaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Suuraan

Address

Dire Dawa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dire Tv - Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dire Tv - Afaan Oromoo:

Share