25/06/2024
Gufuu Daandii Kee Irraa Kaasi!
Bara durii ture! Mootii tokkotu dhagaa guddaa tokko daandii namoonni irra deeman irra keessise. Akkuma kun ta'eenis, bakka ta'e dhokatee namni dhagaa kana karaa irraa kaasu yoo jiraateef daawwachuu eegale. Namoonni baay'een arganiima irraa goranii darbuu turani. Gariin immoo, maaliif akka mootichi karaa qulqullinatti eegsisuu dhiise wal harkaa fuudhanii ceepha'u. Garuu, isaan keessaa yaada dhagaa kana karaarraa kaasuu kan qabu tokkoyyuu hin turre. Mootichi hamma kana ilaaleema ajaa'ibsiifata. Ajaa'ibas!
Dhumarratti, qonnaan bulaan tokko ba'aa baatee itti dhufe. Akkuma itti dhiyaateenis, ba'aa isaa lafa godhee dhagaa guddaa kana karaarraa kaasuuf dhiibuu eegale. Inuma dhiiba; dhiibee dhiibees, dadhabbii guddaan booda ni milkaa'e. Akkuma dhagaa kana kaasee daandii cina godheen, baattuu xinnoo bifa reektaangilii qabdu tokko, iddoo dhagaan sun ture jalaa arge. Yeroo banee ilaalu, waan lama ofkeessa qaba. Kunneenis warqee gatii jabeessaafi ergaa barreeffamee jiru tokkodha. Ergaan sinis akkana jedha; "Warqeen kun, kan nama dhagicha karaarraa kaaseeti!" Ergaa mootichaati!
Qonnaan bulaan kunis, waan namoonni kaan hin hubanne baratee darbe. Bu'aa dadhabbii isaas argatee deemsa isaa itti fufe. Akkas malee!
- Ba'aa keessa bu'aatu jira! Watonni gufuu nutti fakkaanii isaan dheessinu baay'een, anniisaa deemsa keenya fuulduraa nuuf ta'uu malu. Wanta anniisaa namaaf ta'ummoo, baqachuu osoo hintaane baachuutu nama baasa. Baachuu keessa dadhabuun ni jira; garuu dadhabbiin sun, gonfoo dadhabuun keenya nuuf qopheessuun yoo wal bira qabamu, ofumaati. Eeyyeen, baachuu keessa nyaachuutu jira; ba'aa keessaas bu'aa hedduutu argama. Waan kamuus badhaasa mataa isaa niqabaata. Gatii har'aa baafnu keessaan badhaasa keenya boruuf haalatu mijata. Ifaaja keenya ammaa keessaanis fuuldura keenya mil'anna. Dhugaadha! Biqiltuu har'a dhaabuuf dadhabnu bor gaaddisa yeroo dadhabbii nuuf ta'u. Yoo kun hinjirres sun hinjiru,....hindagatiin!