People Oriented

People Oriented People oriented is Leadership styles Galatoomaa!�

Odeeffannoon oowwituu bakkuma jirtanitti akka isin biraan geenyuuf fuula miidiyaa hawaasaa keessan
�Raammis Media�
╚════════╝ hordofa.

� � � ��
𝒍𝒊𝒌𝒆 𝒓𝒆𝒂𝒄𝒕 𝒄𝒐𝒎𝒎𝒆𝒏𝒕 𝒔𝒉𝒂𝒓𝒆

Gaaddis sabaa!

በአለም ምናልባትም የመጀመሪያ የሆነዉን የፍፁም ቅጣት ምት አመታት በጨዋታዉ ተመልክተናል👌🥰
30/06/2024

በአለም ምናልባትም የመጀመሪያ የሆነዉን የፍፁም ቅጣት ምት አመታት በጨዋታዉ ተመልክተናል👌🥰

Today's Best photo ❤❤❤
29/06/2024

Today's Best photo
❤❤❤


















Finfinneedha
28/06/2024

Finfinneedha

25/06/2024

Increase your visibility here ⚠️
GRAB 100 FOLLOWERS HERE ✅

🩵❤️🩵Follow me
25/06/2024

🩵❤️🩵
Follow me

Gufuu Daandii Kee Irraa Kaasi!Bara durii ture! Mootii tokkotu dhagaa guddaa tokko daandii namoonni irra deeman irra kees...
25/06/2024

Gufuu Daandii Kee Irraa Kaasi!
Bara durii ture! Mootii tokkotu dhagaa guddaa tokko daandii namoonni irra deeman irra keessise. Akkuma kun ta'eenis, bakka ta'e dhokatee namni dhagaa kana karaa irraa kaasu yoo jiraateef daawwachuu eegale. Namoonni baay'een arganiima irraa goranii darbuu turani. Gariin immoo, maaliif akka mootichi karaa qulqullinatti eegsisuu dhiise wal harkaa fuudhanii ceepha'u. Garuu, isaan keessaa yaada dhagaa kana karaarraa kaasuu kan qabu tokkoyyuu hin turre. Mootichi hamma kana ilaaleema ajaa'ibsiifata. Ajaa'ibas!

Dhumarratti, qonnaan bulaan tokko ba'aa baatee itti dhufe. Akkuma itti dhiyaateenis, ba'aa isaa lafa godhee dhagaa guddaa kana karaarraa kaasuuf dhiibuu eegale. Inuma dhiiba; dhiibee dhiibees, dadhabbii guddaan booda ni milkaa'e. Akkuma dhagaa kana kaasee daandii cina godheen, baattuu xinnoo bifa reektaangilii qabdu tokko, iddoo dhagaan sun ture jalaa arge. Yeroo banee ilaalu, waan lama ofkeessa qaba. Kunneenis warqee gatii jabeessaafi ergaa barreeffamee jiru tokkodha. Ergaan sinis akkana jedha; "Warqeen kun, kan nama dhagicha karaarraa kaaseeti!" Ergaa mootichaati!

Qonnaan bulaan kunis, waan namoonni kaan hin hubanne baratee darbe. Bu'aa dadhabbii isaas argatee deemsa isaa itti fufe. Akkas malee!

- Ba'aa keessa bu'aatu jira! Watonni gufuu nutti fakkaanii isaan dheessinu baay'een, anniisaa deemsa keenya fuulduraa nuuf ta'uu malu. Wanta anniisaa namaaf ta'ummoo, baqachuu osoo hintaane baachuutu nama baasa. Baachuu keessa dadhabuun ni jira; garuu dadhabbiin sun, gonfoo dadhabuun keenya nuuf qopheessuun yoo wal bira qabamu, ofumaati. Eeyyeen, baachuu keessa nyaachuutu jira; ba'aa keessaas bu'aa hedduutu argama. Waan kamuus badhaasa mataa isaa niqabaata. Gatii har'aa baafnu keessaan badhaasa keenya boruuf haalatu mijata. Ifaaja keenya ammaa keessaanis fuuldura keenya mil'anna. Dhugaadha! Biqiltuu har'a dhaabuuf dadhabnu bor gaaddisa yeroo dadhabbii nuuf ta'u. Yoo kun hinjirres sun hinjiru,....hindagatiin!

11/06/2024

Tokkoon tokkoon namaa addunyaa jijjiiruuf malee of jijjiiruuf yaadee hin beeku.~(Liyoo toolis tooy )

10/06/2024

Quxisuun yoo boo'e Hangafatu sossoba,Hangafni yoo boo'e Quxisuun isa waliin boo'a!Oromoon Hangafa!
Dr💕

Guddinniifi Miidhaginni Magalaa   yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira. Kessumattuu hojiin Kooriidarii Magaalaa Finfinne...
10/06/2024

Guddinniifi Miidhaginni Magalaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira. Kessumattuu hojiin Kooriidarii Magaalaa Finfinnee Miidhagina Magalaa daraan dabalaa jira. Kana hordofee Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Adanech Abiebie-"Finfinnee ijaaruuf waadaa seenne gochaan raawwachaa jirra" jedhan. Hojiilee Misoomaa baatiiwwaan sadi keessatti goolabaman kanneen Ministira Muummeefi Hooggantoota Olaanoo biroo waliin akka gamaagaman aadde Adaanechi karaa fuula miidiyaa isaanii ibsaniiru.

Falaasama Gaggeessummaa fi Tooftaa GaggeessummaaLeadership Philosophy         Vs Leadership Style'''''''''''''''''''''''...
09/06/2024

Falaasama Gaggeessummaa fi Tooftaa Gaggeessummaa
Leadership Philosophy
Vs
Leadership Style
'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Milkaa'ina gaggeessummaa keenyaa irratti dhimmoota dhiibbaa uumuu danda'an keessaa:(1) haala dhaabbatichaa fi amala hojii; (2) Haala Hordoftootaa/ namoota waliin hojjennuu; (3) Haala gaggeessummaa fi kkf akka ta'e ni beekama.
Haala gaggeessaa tokkoo dhimmoota ibsuu danda'an heddu keessaa tokko 'Falaasama Gaggeessummaa' namtichi hordofuudha. Hayyuun 'Douglas McGregor' jedhamu akka barreeyssetti.Falaasama_gaggeessummaa jechuun akkaataa gaggeessaan tokko amala dhala namaa/namoota isa jala jiran itti hubatuufi ibsu jechuudha. Tooftaan gaggeessummaa (Leadership Style) gaggeessaa tokkoo adda durummaan kan maddu falaasama gaggeessummaa (leadership philosophy) isaa irraa akka ta'e beektotni heddu ni ibsu.
Hayyuun 'Douglas McGregor' jedhamu falaasama gaggeessummaa ilaalchisee yaadama lamatu jira jedha. Isaanis (1) Yaadama X (Theory X) fi (2) Yaadama Y (Theory Y) jedhamanii beekamu. Akka barreessan kun jedhetti:
Gaggeessitootni yaadama 'X' hordofan namaaf/ hordoftoota isaaniitiif ilaalcha armaan gadii qabu jedha:
- Namni uumamaan hojii hin jaalatu,
- Namni Ittigaafatamummaa fudhachuu hin fedhu/ irraa baqata,
- Namni fedhii dhuunfaa/ wabii dhuunfaa isaa irratti xiyyeeffata,
- Namni kaka'umsa hojiifi miira aantummaa hin qabu waan ta'eef itti dhiheenyaan hordoffuu fi to'achuu barbaachisa jedhanii amanu.

Gaggeessitootni yaadama 'Y' hordofan immoo ilaalcha armaan gadii qabu:
- Namni uumamaan jaalala hojii qaba;
- Haalli iddoo hojii (working conditions) mijannaafiin namni ittigaafatamummaa itti kenname bahuu qofa osoo hin ta'aane I/G dabalataa fudhachuu fedha;
- Namni kaka'umsa hojii keessoo isaa irraa maddu qaba;
- Namni ofiin of to'achuu waan danda'uuf qaama biroo irraa hordoffiifi to'annoo baay'ee hin barbaadu jedhanii amanu.
Yeroo baay'ee Tooftaan gaggeessummaa (Leadership Style) nama tokkoo yaadama/ falaasama gaggeessummaa (Leadership philosophy) isaa irraa madda jedha. Kanaaf, gaggeessitootni yaadama 'X' qaban yeroo baay'ee tooftaa gaggeessummaa humnaa/ hacuuccaa (Autocratic/ Authoritarian leadership style) fayyadamu. Gaggessitootni yaadama 'Y' qaban immoo tooftaa gaggeessummaa dimokraatawaa (Democratic Leadership Style) hodofu jedhee barreesse hayyuun 'Douglas_McGregor' jedhamu.
Anaa miti McGregor'tu jedhe

Halkan gaarii!

09/06/2024

09/06/2024

Address

Dire Dawa
1929

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when People Oriented posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to People Oriented:

Share