Oborraa Show

Oborraa Show Oborraa enterteimentin aadaa fii afaan oromoo guddisuuf kan hoojjatuudha

Baggage gammadde obboleessa kiyya Baga firii ifaajii keetii argatte
05/09/2024

Baggage gammadde obboleessa kiyya
Baga firii ifaajii keetii argatte

20/01/2024

Ganda Kana beektuu
Mee tilmaamaa

17/11/2023
akka naannawa ati jiraattuutti nyaanni kun maal jedhama?Comment  godhaa
17/11/2023

akka naannawa ati jiraattuutti nyaanni kun maal jedhama?
Comment godhaa

Mareen Biyyaalessaa Aadaa Ilaaf-Ilaamee Cimsuun Ijaarsa Biyyaalessaa Tumsa-----------Itoophiyaan biyya sabdaneettii, sab...
12/11/2023

Mareen Biyyaalessaa Aadaa Ilaaf-Ilaamee Cimsuun Ijaarsa Biyyaalessaa Tumsa
-----------
Itoophiyaan biyya sabdaneettii, saboonni, sablammoonnifi uummattoonni Afaan, Aadaa, amantaafi ilaalcha garaa garaa qaban keessatti argamanidha. Hariiroofi walitti dhufeenyi hawaasummaa uummattoonni kunneen barootaaf uuman biyyi keenya qormaatilee keessaafi alaan uumaman damdamattee akka har'a geessu taasiseera. Kunis, biyyi keenya birmadummaafi bilisummaa ishee kabachiiftee turuun fakkeenya akka taatu taasiseera.

Haatau malee, seenaafi dhugaawwan waloo akka biyyaatti waliin qabnu irratti xiyyeeffatamee sirnaan hojjetamaa waan hin tureef jaalalliifi kabajni biyyaa, ilaalchi sabdaneessummaa obbolummaaf walqixxummaa sabaa, sablammootaafi uummattoota sirnaawaa akka ta'uuf waan hin hojjetamneef biyyi keenya baroota ishee walwaraansa keessa turtu taasiseera.

Kunis, ilaalcha sabummaafi biyyaalessummaa jidduu jiru madaallii sirnaawaa akka qabaatu waan hin taasifneef tokkummaa biyyaalessaa, ijaarsi biyyaafi sirnaa irratti dhiibbaa guddaa uumaa dhufeera. Aadaan mariin dubbii hiikuu waan hin dagaagneef wal dhibdeewwan turanis karaa humnaan hiikuuf yaaluun ykn qawween qofa fala argachuu qaba jechuun aadaa siyaasaa keenya yeroo dheeraaf dhuunfatee tureera.

Mootummaan rakkoo kana hundeerraa furuun siyaasni biyya keenyaa gara siyaasa yaadaatti akka ce'uuf falli jiru maree biyyaalessaa ta'uu hubachuun itti amanamee hojiin erga eegalamee bubbuleera.

Marii biyyoolessaa kana keessatti Oromoos ta'ee sabni kamiyyuu akka sabaatti ajandaa akkamii qabatee gara marii biyyaaleessaatti deemuun rakkoo jiru karaa ilaaf-ilaameen furachuun ijaarsa biyyaafi sirnaa keenya xumurra waan jedhurratti sirriitti mari'atamuu qaba. Dhibdeefi garaa garummaa yaadaa karaa ammayyaa'aa ta`een furuuf qaamni hunduu qophiifi tumsa barbaadamu taasisuu qaba.

Muuxannoon biyyoota hedduus kan agarsiisu rakkoo bara hedduu keessa turan keessaa ba'uu kan danda'an karaa marii biyyaalessaa hunda hirmaachisaa ta'eenidha.

Misoomni Qamadii jallisii bonee Oomishaa fi Oomsh*tummaa Dabaluuf Baay'ee Murteessaadha.Maayaa Sadaasa 2/2016 Magaalaa M...
12/11/2023

Misoomni Qamadii jallisii bonee Oomishaa fi Oomsh*tummaa Dabaluuf Baay'ee Murteessaadha.

Maayaa Sadaasa 2/2016 Magaalaa Maayaa Kutaa Magaalaa Addeelleetti Facaan Qamadii Jallisii Bonee lafa hektaara 22 irratti jalqabsiifameera.Sagantaan Facaa Kilaastara Qamadii jallisii Bonee kun Itti Gaafatamaa Waajjira Kantiibaa Magaalaa Maayaa Obbo Buzaayyoo Caalchisaa, Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Magaalaa Maayaa Obbo Zallaqaa Abdataa, Bulchaa Kutaa Magaalaa Addeellee Obbo Aalim Bakar fi Itti Gaafatamaa Waajjira paartii Badhaadhina kutaa Magaalaa Addeellee Obbo Aliyyii Abraahimiin kan jalqabsiifame yoo tahu Itti Gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Maayaa Obbo Buzaayyoo Caalchisaa Inisheetiiviiwwan Mootummaan Baase hunda hojiirra oolchuun carraa misoomaa Magaalichi qabu hunda fayyadamnee oomishaa fi omishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jira jedhan .
Itti dabaluuniis bu'aa qabeessummaa qonnaa dabaluuf baay'inaa, qulqullinaa fi Ariitiin oomishuun fayyadamummaa ummata keenyaa akkasumaas wabii nyaataa mirkaneessuun badhaadhina maatii dhugoomsuuf haala qonna duraan rooba Gannaa qofa irratti hirkatee ture hambisuuf Inisheetiivii Qonna Qamadii jallisii Bonaa fayyadamuun hojjetamaa jira jedhan . Facaan Qamadii Jallisii Boneetiis haala Gaariin jalqabsiifameera.

10/11/2023
Magaalaa Maayaa kutaa magaalaa Addeelleettii simanaa ho'an keeysumotaa keenyaaf  bakkaa kantibaan magaalaa maayaa Dr.Ifr...
10/11/2023

Magaalaa Maayaa kutaa magaalaa Addeelleettii simanaa ho'an keeysumotaa keenyaaf bakkaa kantibaan magaalaa maayaa Dr.Ifraha Waziriifii bulchaan godinnaa Harargee bahaa Kabajamoo addee Miskiiin argamnitii bifa gaariin gagahefama ooleeti jira

Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa Hooggaansa Mootummaa Marsaa 3ffaan Giddu Gala Leenjii Yunivarsitii Haramaayaatti ba...
10/11/2023

Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa Hooggaansa Mootummaa Marsaa 3ffaan Giddu Gala Leenjii Yunivarsitii Haramaayaatti bakka Hoogganaan Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii argamanitti kennamuu eegaleera.

Leenjichi dandeettii raawwachiisummaa Hooggaantoota Mootummaa cimsuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuurratti kan xiyyeeffate yoo ta'u mata duree "Ba'aa Irraa Gara Bu'aatti" jedhuun gaggeessitoota naannoolee biyyattii hunda irraa walitti dhufaan hirmaachisuun guyyoota 12f itti fufee kan kennamu ta'a.

Address

Dire Dawa

Telephone

+251938028230

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oborraa Show posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share