
16/07/2025
Qaroominni Seenaa Keeysatti Addunyaan galmeeysiste marti, kan Jaalalaafi Ulfina Lammiileen Biyya isaaniif qaban irraa maddeedha. Itti Aantuu Pir/Gob/Dar/ Paartii Badhaadhinaa, Aadde Fadiilaa Biyyaa
Itti aantuun Pirezidaantii Goblaa Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Aadde Fadiilaa Biyyaa turtii Istuudiyoo Tv Dirreetti taasisaniin, Dargaggummaan Umrii Qormaatiilee hedduun marfame tahuu ibsanii, qormaatiilee kanniin ciminaafi kuttannoodhaan bira taruun dandahamnaan bu'aan argamu kan nama dhuunfaa qofa otuu hin taane kan dhalootaaf fayyaduudha jedhan.
Seenaa Addunyaa keessatti Biyyoonni sadarkaa Guddinaarratti argaman aarsaa ulfaataa lammiileen jaalalaa biyya isaaniif qabaniin kaffalaniifi humna dargaggeessaa qaban waan sirritti itti fayyadamaniif tahuu Aadde Fadiilaa Biyyaa ibsaniiti jiran.
"Sochii gara jijjiiramaatti taasifnu keeysatti Rakkoofi Gufuuleen nu mudatan yoomiyyuu imala keenyarraa gara duubaatti nu deebisuu hin qaban" kan jedhan Aadde Fadiilaa Biyyaa, Daandii jijjiiramaa biyyi teenya qabattee imalaa jirtu milkeeysuuf dhaloonni Dargaggeeysaa Humna, Qabeenya, Yeroofi Bekkumsa qabutti fayyadamuun dhimma filannoof dhihaatu akka hin taane addeeysaniiti jiran.
Ilaalcha Siyaasaa Biyyattii amma dura tureen dhaloonni Dargaggeysaa ilaalcha dogoggoraa bilchina Sammuu hin qabu jedhuun gara cinaatti maqfamaa turuu kan ibsan Aadde Fadiilaa Biyyaa, Paartiin Badhaadhinaa dandettii umriin dargaggummaa Biyya jijjiiruu keeysatti qabu waan hubateef, Hirmaannaafi Fayyadamtummaa Dargaggoonni Guddina roga maraa Biyyattii keeysatti qabu ol guddisuuf Xiyyeffannaa olaanaa laatee hojjachaa jiraachuus kaasaniiti jiran.
Dargaggeeysi, Olola Sobaa Qaamootni Farra guddinaa Miidiyaa hawaasaarratti raabsaa jiraniin osoo hin burjaajawin, Miidiyaa Hawaasaa akka Meeshaa Guddinaafi Jijjiiramaatti itti fayyadamuun abjuusaa itti dhugomsuuf itti fayyadamuu akka qabu dhaamsa isaanii dabarsaniiti jiran.
Aadde Fadiilaan turtii addatti Televiziyoona Dirreetii waliin taasisaniin, Sirna dabre keessatti itti yaadamee guddina Magaalaa Dirree Dhawaa qancarsuuf hojii hojjatameen, bulchiinsi Dirree Dhawaa bifa Nama naasisuun carraalee jijjiiramaa dhabee, Nageenyaafi Jaalala bulchiinsichi bifa addaatiin itti beekkamu booreessuun, obbolummaa Sabootaa diiguuf shirri baayyeen kan xaxamee ture tahuu kaasanii, qabsoo jiraattoonni Magaalattii tokkummaadhaan qaamoota farra nageenyaarratti taasisaniin karoorri diinaa akka fashalaawu taasisuu himaniiti jiran.
Dabalataaniis Xiyyeffannaa Hoggansi jijjiiramaa Magaalattiif Laateen, Magaalattiin yeroorraa gara yerootti guddina qabatamaa roga maraa galmeeysisaa akka deemtu kan carraa laateef tahuu Aadde Fadiilaa Biyyaa kaasaniiti jiran.
Aadde Fadiilaa Biyyaa Jaalala Ummata Dirree Dhawaatiif qaban agarsiisaniin "Ummata Qashtii Ummata Fannaana Dirree Dhawaa, Simannaa nuu taasiftaniifi Obbolummaa nu garsiiftaniif galatoomaa, Ummanni Itoophiyaa Guututti isin jaalata isin kabajaas" jedhaniiti jiran.
Anwaar Mahammad
Suuraa, Israa'el Muluu