Jaal Liben

Jaal Liben Nama icciti nama biraa sitti himu
yoomiyyuu hin amanin Keetiis deemee
odeessa waan ta'eef ✍️🙏

Baga guyyaa waraana bilisummaa oromoo Amajji,1,2025 nagaan geessanBarrii 2025 bara milkii kan ijiifannoo hundaa keenyaaf...
01/01/2025

Baga guyyaa waraana bilisummaa oromoo Amajji,1,2025 nagaan
geessan
Barrii 2025 bara milkii kan ijiifannoo hundaa keenyaaf ha ta,uu
Jaal Liben

Amajji 1,2025 Waraa-nni Bilisummaa Oromoo kanneen falma hadhooftuutti jirtan, akkasumas Qeerroon Qilisummaa Oromoo fi uu...
01/01/2025

Amajji 1,2025 Waraa-nni Bilisummaa Oromoo kanneen falma hadhooftuutti jirtan, akkasumas Qeerroon Qilisummaa Oromoo fi uummanni Oromoo hundumtuu baga geessan!
Jaal Liben 🙏🏻

01/01/2025

Happy new year _2025. 🎉
Jaal Liben

01/01/2025

Amajjii 1,/2025

BIRBOO fi GUYYAA WBO

Amajjiin 1 waggaa waggaan Uummata oromoo sabboonoo ta'an, waan ofii jaalatan biratti haala adda ta'een kabajama!

1ffaa, BIRBOO (bara haaraa Oromoo) akka dhaha Oromotti.

Sabni guddichi gaanfa Afriikaa Uummatni Oromoo abbaa kalaqaawwaan garagaraa ta'uu waan namuu beekudha.
Kalaqaawwan kanneen keessaa madda sirna diimokiraasii Addunyaa har'aa kan ta'e Sirni Gadaa Isa tokkodha.

Akkuma beekkamu Sirni Gadaa marsaalee ittiin abbaa irraa gara Ilmaatti itti darbu seera mataa Isaa qaba. Marsaalee Sirni Gadaa itti naanna'ee Gadaan abbaa ilma ittiin dhaqqabu kana beekanii lakkaa'uuf Kalaandariin/dhahi Oromoo/ Kun itti yaaddamee Qorannoo abboota keenya Urjilee fi ji'a/addeessa lakkaa'aniin kan kalaqame dha.

Haa ta'u malee, argannoo guddaan Kun sababa dhiibbaa alagaatiin akka dhalootaaf ta'utti Dookumantii ta'ee beekkamtii Addunyaalessaa argachuu baatus, dhalootni sabboonoon seenaa awwalame qotanii boollaa baasan hoji-manee akka godhatan shakkii hin qabu! Hangasitti dhalootni har'a jirru Kun itti fufiinsa seenaatiif hoggayyuu waggaa waggaadhaan akka BARA HAARAA OROMOO tti kabajaa, seenaa Wal yaadachiisaa kan deemnu ta'a jechuudha. Barri Haaraan Kunis BIRBOO Jedhama.

2ffaa, Amajjiin 1 Ayyaaneffannaa Guyyaa Waraana bilisummaa oromoo (WBO) ti.

Guyyaan Kun guyyaa itti qabsaa'onni sabaa garbummaa fi roorroo saba isaaniirra gahaa jiru irraa fonqolchuuf dammaqanii Wal ijaaranii, Bilisummaan Oromoo afaan Qawwee keessa jiraachuu dhagaa bu'uuraa kaa'uun rasaasa Bilisummaa Oromoo yeroo jalqabaaf itti dhukaasani dha.

Dhukaasni jalqabaa Kunis jaal ELEMOO QILXUU tiin Harargee CARCAR XIRROO tti, "Kun sagalee dhukaasa waraana bilisummaa Oromoo ti" jechuun yeroo jalqabaaf dhukaate!
Akkasiin Amajjiin 1 sabboonota oromoo fi Waraana bilisummaa Oromoo biratti ayyaana dachaa ta'uun kabajamuu eegalee, itti fufe.

Maarree yeroottii ayyaana kana kabajnutti, waan keenya jabeeffachuuf hangam tokko dammaqoo akka taanee Fi Qaanqeen bilisummaa gaafas jaallan sunneeniin qabsiifamte eessaa kaatee eessa geese of duuba deebinee yaadachaa, bu'aa isheen qabsoo sabichaatiif buuste gamaaggamaa fuulduree keenyaaf haa Onnanuun dhaamsa Koo Jaallummaati!

Ayyaana gaarii isiniif/nuuf haa ta'u jechaa,
Barri bara Bilisummaa fi qabsoon Oromoo xumura itti argattu akka nuuf taatun hawwii Koo ibsadha !

Ayyaana gaarii!
Leensa Oromo

01/01/2025
01/01/2025

Baga guyyaa waraana bilisummaa oromoo Amajji,1,2025 nagaa keessan
Geessan
Barrii 2025 bara milkii kan ijiifannoo hundaa keenyaaf ha ta,uu
Jaal Liben !

Baga guyyaa waraana bilisummaa oromoo Amajji,1,2025 nagaan geessanBarrii 2025 bara milkii kan ijiifannoo hundaa keenyaaf...
01/01/2025

Baga guyyaa waraana bilisummaa oromoo Amajji,1,2025 nagaan
geessan
Barrii 2025 bara milkii kan ijiifannoo hundaa keenyaaf ha ta,uu
Jaal Liben,

Address

Dire Dawa
ORO

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jaal Liben posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share