Oromia Muslim Media

Oromia Muslim Media Roga Aartii Islaamaa Hundaan Page Dhiibbaa Guddaa uumuu Dandahuudha �
Follow Gochun Maatii Nuuf Taha

🌹 NABIYYII KEENYA MUHAMMAD ﷺ IRRATTI SALAWAATA BUUSAA! 🌹📖 Rabbiin Subhaanahu wa Ta’aalaa akkana jedha:﴿إِنَّ اللَّهَ وَم...
31/07/2026

🌹 NABIYYII KEENYA MUHAMMAD ﷺ IRRATTI SALAWAATA BUUSAA! 🌹
📖 Rabbiin Subhaanahu wa Ta’aalaa akkana jedha:
﴿إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ ۚ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا﴾
“Dhugumatti, Rabbiin fi maleykonni Isaa Nabiyyii irratti salawaata buusu. Yaa warra amantan! Isinis isa irratti salawaata buusaa, nagaa fi kabaja guutuus ittiin nagaa gaafadhaa.”
📌 Suuraa Al-Ahzaab 33:56

NAAMUSA TEESSUMAA•••••••••••••••••••••••••• Islaamummaan Wantoota jireenya keenya Keesatti Raawaannu hundaaf naamusa Nuu...
30/07/2026

NAAMUSA TEESSUMAA
•••••••••••••••••••••••••

• Islaamummaan Wantoota jireenya keenya Keesatti Raawaannu hundaaf naamusa Nuuf gootee jirti.

• Kutaa Dabre keessatti naamusa Nyaataa irraa Qabxii muraasa kaasnee waliin Laalaa turre. Arra yoo Rabbiin fadhe turtii teenya tana Keesatti naamusa teessumaa irraa dubbanna. Itti Dhihaadhaa Qooda irraa fudhadhaa.

• Naamusa Teessumaa irraa muraasni kanneen armaan Gadii kana. ………

1: Namoota Gaggaarii Rabbi Sodaatu waliin malee hin taa’in.

2: Yeroo Bakka Teessumaa seentu Salaamtaa Qara’uu hin dagatin, Akkasumaas Yeroo teessumti dhumte salaamtaa jettu malee hin bahin.

3: Yeroo Haasooytu Akka Malee Sagalee tee ol hin kaasin.

4: Naamusa Haasawutti jiru haasawa isaa karatti hin murin gurra namaaf kennii naamusaan dhageeffadhuu Yeroo carraa argatte dubbadhu.

5: Namoota lama kan waliin taa’utti jiran jidduu seentee addaan isaan baastee hin taa’in. Sun naamusaa miti.

6: Nama si dura taa’utti jiru iddoo isaatirraa kaaftee ofiif hin taa’in.

7: Teessuma Keesatti Namoota sirra guddaa hunda Kabaji, Namoota sirra Xiqqaa hundaaf Rahmata Godhi.

8: Teessuma keessatti Koflaa fii dubbii faaydaa hin qabne dubbachuu hin heddummeessin.

9: Teessuma keessatti hin rafin.

10: Teessuma keessa osoo jirtuu Namni yoo ol seene kabajaa nama saniitiif ol kaatee hin dhaabbatin.

11: Iccitii Teessumaa Sirritti Eegi, Gad baatee hin facaasin.

12: Teessuma Yeroo xumurtu Du’aa’ii tana Ja’i. “Subhaanaka Allaahumma Wabi Hamdika, Ash’hadu Allaa ilaaha illaa Anta, Astaghfiruka Wa Atuubu ileeyka” Yeroo Teessuma xumurree kaanu Du’aa’ii tana yoo janne haasawa Keesatti Badii nurraa mullatte Rabbiin Nuuf araarama.

• Rabbiin Warra Teessuma isaanii keessatti Naamusa kana hunda eeggatee milkaawu Nu Haa Taasisuu.

Barreeffama kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.
Oromia Muslim Media
Daily Islamic reminders
Fami Dawe
Aardi Tv
Abdulaziz Bin Khalid

30/07/2026

✍️🧭Turkey 🇹🇷 magaalaa Istanbulittii Seenaatu hojjatame‼️
Turkitti 🇹🇷 kantiibaan magaalaa Istanbul Labsii manni barumsa hundi iddoo salaataa barattoota Muslimaatiif qopheessuu Ifoomse
Allahu akbar
🍀Maaltu tahe seeta
Kantiibaan Magaalaa stanbul Obbo
Barattoonni yeroo mana barumsaa oolanitti dirqama amantii isaanii salaata akka sirnaan salaataniif haalota mijjaahaa Iddoolee salaataa qopheessuu, Manneen barumsaa hundi Kutaalee fi iddoo salaataa barattootaaf akka Mijjeessan Ajaja Mootummaa biyyaatiin Ifoomseeti jira.

🍀Yaa Masha Allah

🍀 Itti dabaluudhaan manneen barnootaa haaraan ijaaraman hundi bakka bal'aa salaata Jumu'aa itti salaatamu akka qabaataniis ibse

🍀kantiibaan naannichaa kaayyoo fi barbaachisummaa tarkaanfii haaraa fudhachuu kana ilaalchisee Barattoonni yeroo barnoota isaanii qixa sirriin akka ittii fayyadamanii fi yeroo salaataas akka isaan jala hin dabarreef tarkaanfiin kun kan fudhatame tahuu beeksiseeti jira

🍀kantiibichi Hojii fakkeenyummaa gaarii miira gammachuuf Abdii horannaa Onnee barattoota Muslimaa mara keessatti hortu hojjachuun isaa Addunyaa marattii Gammachuu fi gaaffii taheeti jira ..Kan si Ajaa'ibu
🍀Yeroo barattoonni Muslimoota biyyoota addunyaa Maratti duula adda addaatiin sarbamiinsa mirga Amantii ofii gaggeeffachuu dhabuutiin dubartoonnii hijaabni irraa mulqaman Agarra ...

garuu
🍀Turkitti wannii tahe kun Tarkaanfii fakkeenyumaa gaarii biyyoonnii marti irraa fudhachuu qabaniidha


🤲Rabbiin Irraa Haa Jaalatu Aakhiratti jannataan isa haa gammachiisu
Aamiin Allahumma Aamiin
Share godhaa Obboleeyyan keessaniif qoodaa Addunyaa biraan gahaa

🍀Odeeffannoo addunyaa Islaamaatii fi qophiilee teenya kan asiin isiiniif darbu fuula Page keenyaa hordofaa jzk

✍️ Daily Islamic reminders

Kutaalee Barbaachisoo Ka'abaa Kabajamtuu1. Al-Hajar Al-Aswad (Dhagaa Gurraacha) Dhagaan kun Jannata irraa bu'e jedhamee ...
30/07/2026

Kutaalee Barbaachisoo Ka'abaa Kabajamtuu

1. Al-Hajar Al-Aswad (Dhagaa Gurraacha) Dhagaan kun Jannata irraa bu'e jedhamee amanama. Innis golee kibba-baha Ka'abaa keessa jira. Xawaafni hundi isa irraa jalqabee isa irratti xumurama. Ergamaan Rabbii ﷺ isa dhungatanii turan. Namni isa bira gahuu hin dandeenye ammoo gara isaatti akeekee: "Bismillaahi, Allaahu Akbar" jedha.

2. Ar-Rukn Al-Yamaanii (Golee Yamanii) Kun golee gara biyya Yamanitti garagale dha. Yeroo Xawaafaa achiin darbuun harka mirgaatiin tuquun Sunnah dha. Golee kanaa fi Hajar Al-Aswad jidduutti du'aa armaan gadii jechuun ni jaallatama:

> "Rabbanaa aatinaa fid-dunyaa hasanah, wa fil-aakhirati hasanah, wa qinaa 'adhaaban-naar."

Hiikni isaa: "Yaa Rabbii keenya! Addunyaa keessatti gaarii nuu kenni; Aakhirattis gaarii nuu kenni; adabbii ibiddaas nu eegi."

3. Al-Hatiim (Hijr Ismaa'iil) Kun dallaa geengoo gabaabaa Ka'abaa cinaa jiru dha. Dur durii kutaa Ka'abaa keessaa ture. Ergamaan Rabbii ﷺ akka ibsanitti, namni achi keessatti salaatu akka nama Ka'abaa keessaa salaateetti lakkaa'ama.

4. Al-Multazam Kun iddoo eebbifamaa balbala Ka'abaa fi Hajar Al-Aswad gidduu jiru dha. Namoonni baay'een achitti hammatanii Rabbii kadhatu; iddoo du'aan itti qeebalamu keessaa tokko jedhamee abdatama.

5. Maqaam Ibraahiim Kun dhagaa Nabii Ibraahiim (عليه السلام) yeroo Ka'abaa ijaaranii irratti dhaabbatan dha. Mallattoon miila isaanii irratti ni mul'ata. Xawaafa xumuruun booda Rak'aa lama Maqaam Ibraahiim duubaan salaatuun Sunnah dha.

Guyyaa har'aa Sh Makkataa Muhee prezidantii mana murtii shari'aa waliigalaa Federaalaa tahanii muudamanii jiru,Sheekni w...
29/07/2026

Guyyaa har'aa Sh Makkataa Muhee prezidantii mana murtii shari'aa waliigalaa Federaalaa tahanii muudamanii jiru,Sheekni waggaa 20 booda bakka isaaniitti deebi'uu isaaniitiin hedduu gammadnee jirra,namni obsaaan kaayyoofi tarsiimoo isaarratti ciche galma gahuun isaa waan hin oolle.

Ahbaashiifi warri kuun waltahanii waggaa 22 itti murteessisiisanis,mana hidhaatii bahanii lubbuun jiraatanii sadarkaa kanarrtti argamuun isaanii gammachuu keenna dachaa taasisa.

29/07/2026
29/07/2026

share godhaa gaafaan Ani Qamadii dubbaadheehuu Facebookiin hundii akkasiitti walitti oowwee waan haaram yeroo dubbaannees share godha!

Qur'aana Lakkisuu irraa of eeggadhu... •Irraa fagaachuu hin baay'isin:Yeroon ati Qur'aana irraa fagaattu yoo dheerate, i...
28/07/2026

Qur'aana Lakkisuu irraa of eeggadhu...

•Irraa fagaachuu hin baay'isin:
Yeroon ati Qur'aana irraa fagaattu yoo dheerate, itti deebi’uun kee caalaatti sitti ulfaachaa deema.

"Yeroon fedheetti niin qara’a, yeroon fedhetti mi'aa isaa niin argadha ,yeroon itti deebi’etti xinxaluu (tadabbura) godhuu niin dandaha " jettee hin yaadin. Qur'aana qara’un kennaa (ni'maa) Rabbiiti; yoo isarraa dagatte si jalaa fudhatama.

Guyyaan ati dhugaan gara Qur'aanaa deebi'uuf onneerraa jaalattu dhufuu danda'a; garuu guyyaa san qalbiin tee siif ajajamuu diddi, arrabni keetis qara’uu irraa sitti ulfaata…Qur’aana qara’un akka nama gaara guddaa ol koruu sitti fakkaata, Balballi qur’aana rahmaata Rabbiitiin malee siif hin banamu.

Ni'maa jireenya kee hunda keessatti irra guddoo taate Qur’aana arra Qara’uu kee kanaan hin taphatin. Guyyaa hunda Wirdiin tee waaxiqqo taatus kan addaan hin cinne qabaadhu; hojiin caalaatti Rabbii biratti jaallatamaan xiqqaattulle isa yeroo hunda itti fuftuudha.

Yaa Rabbi ! Qur'aana qalbii teenyaaf jireenya , qoma teenyaaf immoo nuura nuuf taasisi. Warra isa dhiisee irraa fagaatu nu hin taasisin.

🌿Badhaasa Addunyaa Guutuu!Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana jedhan: "Isin keessaa namni qaamni isaa fayyaa ta'ee, nageenya fi t...
28/07/2026

🌿Badhaasa Addunyaa Guutuu!

Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana jedhan: "Isin keessaa namni qaamni isaa fayyaa ta'ee, nageenya fi tasgabbii keessa jiraatee, soorata guyyaa sanaaf isa ga'u qabaatee bariisifate akka nama duniyaa guutuu argateeti."

Yeroo hedduu gammachuun qabeenya baay'ee qabaachuudha jennee yaanna. Garuu Ergamaan Rabbii (ﷺ) gammachuu dhugaan waan sadan kana keessatti akka argamu nu barsiisan:
🤲 Fayyaa gaarii qabaachuu.
🕊️ Nageenya fi tasgabbii keessa jiraachuu.
🍞 Nyaata guyyaa sanaaf nama ga'u qabaachuu.

Har'a yoo wantoota sadan kana qabaatte ati addunyaa guuutuu qabda! Rabbii kee galateeffadhu. Alhamdulillaah!

Rabbiin warra tola Isaa beekee galateeffatu, sirnaan fayyadamu, akkasumas qananiidhaan jiraatu nu haa taasisu. Aamiin.Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan:
“Namni guyyaa keessatti yeroo 100 ‘Laa ilaaha illallaahu wahdahu laa shariika lahu, lahul-mulku walahul-hamdu wahuwa ‘alaa kulli shay’in qadiir’
لَا إِلٰهَ إِلَّا اللَّهُ وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ، وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ
jedhe, akka nama 👇👇👇👇
🕊 Gabroota 10 bilisoomsuun wal qixa ta’a
📈 Hasana 100 argata
🧹 Dilii 100 irraa haqama
🛡 Guyyaa sana sheyxaana irraa tikfama
🏆 Namni san caalaa waan gaarii hojjete hin jiru, yoo isa caalaa baay’inaan zikire malee.
📚 Sahih al-Bukhari
📚 Sahih Muslim

28/07/2026

Nama hin saalanne irraatti salaatun ni danda'ama?

Address

Dire Dawa
Dire Dawa

Telephone

+251924797839

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Muslim Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromia Muslim Media:

Shortcuts

Share