27/09/2026
“Biyya diigaa biyya baraaruun ni danda’amaa?''
Hayyuun Biyyaa, Qorataa Seenaa, Barreesssaa Kitaabaa, Barsiisaa Amantaa USTAAZ Ahmedin Jabal “Biyya diigaa biyya baraaruun ni danda’amaa?'' mata duree jedhuun barreefama haala yeroo Irratti barressan guutuu isaa haala armaan gadii kanaan dubbisaa waliif qoodaa.
“Biyya diigaa biyya baraaruun ni danda’amaa?''
Itti gaafatamummaan duraa kan mootummaa kamiyyuu nagaafi tasgabbii biyyaa mirkaneessuu, lubbuufi qabeenya lammiilee eeguu, akkasumas seerataafi heera kabachiisuudha. Kanaafuu, mootummaan itti gaafatamummaa isaa kana bahachuu yoo dadhabe, "mootummaan ummata eeguu hin dandeenye" jedhamee qeequun sirriidhuma. Mootummaan badii raawwateefis ta'ee waan hojjechuun irra ture osoo hin hojjetin hafeef itti gaafatama. Haata'u malee, mootummaan gaafatamuun isaa mormitoota itti gaafatamummaa jalaa bilisa hin baasu.
Haala amma keessa jirru kana akkamitti geenye?
📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶
Bara 2010 A.L.I booda dirreen siyaasaa yeroo bal'atu, hidhamtoonni yeroo hiikaman, mormitoonniifi humnoonni hidhatanii biyya alaa turan gara biyyaatti deebi'anii karaa nagaatiin akka qabsaa'an carraan guddaan uumamee ture. Hundi keenya qilleensa jijjiiramaa kanaan gammannee turre. Egaa carraan sun maaliif gara siyaasa nagaa isa waaraatti ce'uu dhabe? Eessatti lafa dhiite? Mootummaan, mormitoonni, hidhattoonniifi qaamonni siyaasaa kaan hundi ga'ee akkamii qabu turan?
Mootummaas ta'ee mormitoonni, namoonni dhiibbaa uumaniifi miidiyaaleen, dhaabbileen amantiis ta'ee ummanni bal'aan waan ta'eefi waan ta'uu qabee osoo hin ta'in hafetti ga'een isaanii maal ture? Hundi dhaabbatee waan keessa darbe of duuba mil'atee of qorachuu qaba.
Gaaffilee kana of hin gaafatin haala har'aa qofa qabatanii murtii kennuun seenaa gidduudhaa jalqabanii akka dubbisuuti.
si laaffiseera; garuu erga ati dadhabdee ani si caalaa filannoo gaarii dha!
✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅
Humna tasgabbii-eegumsaafi bulchiinsaa kan mootummaa dadhabsiisuuf qawween lolaa, yookiin qabsoo kana miidiyaadhaan madaallii malee deeggaraa erga turtee booda, yeroo humni mootummaa laafu "ilaalaa, mootummaan humna hin qabu; ummata eeguu dadhabe" jettee quba gara mootummaa qofatti qabuun, atumti iyyuu badii uumtee himataa of gochuun qaanidha. Qoodaafi itti gaafatamummaa mataa keetii dhiiftee isa biraa qofa yakkuuf kaachuun haqa akkamii fiduu danda'a?
Balleessaa mootummaa qeequuniifi mormii nagaa gaggeessuun sirrii ta'us, sana dabartee ibidda qabsiistee, yeroo qabsiisan immoo ittisuu dhiistee callistee ilaalta taanaan, yookiin warra ibidda qabsiisan "jabaadhaa gootota koo" jettee jajjabeessita yookiin humna isaanii cimsita taanaan, yookiin dhugaa jiru itti gaafatamummaan gabaasuu dhiiftee uwwisa miidiyaa qaama tokko qofa faarsu kennitee afuuffa taanaan, abbaa manaa ibidda dhaamsuun "maaliif daftee hin dhaamsine?" jettee qeequu hin dandeessu.
Kutaan ibidda dhaamsu hanqina isaatiif haa gaafatamu; garuu inni ibidda qabsiisee boba'aa itti naqes ga'ee qabaatureef itti haa gaafatamu.
Haala Itoophiyaa isa har'aas fuula dhumaa irraa jalqabanii dubbisuun hin ta'u. "Har'a maaltu ta'e?" kan jedhu hanguma gaafatamu, "Akkamitti as geenye?" kan jedhus qoratamuu qaba. Boolla keessa lixne kana keessaa bahuuf duraan durse akkamitti akka keessa buune sirriitti xiinxaluun dirqamadha.
Ummata, Kaayyoo fi Tarsiimoo Filatame
💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥
Qabsoo siyaasaa keessatti dogoggorri seenaa inni hamaaan kan eegalu ummata, paartii, kaayyoofi tarsiimoo gargar baasanii beekuu dhabuu irraayi. Paartiin ummata miti; paartiin yookiin gareen hidhate kan yerooti, ummanni garuu ka'umsaafi galma qabsoo kan ta'e abbaa dhimmaa isa dhaabbataadha. Dhaabbanni tokko gaaffii ummataa kaasuus ta'ee deeggarsa ummataa qabaachuu danda'a. Kun garuu dhaabbatichaafi ummata tokkuma hin godhu; ummatichas gocha dhaabbatichaatiif walumaagalatti itti gaafatamaa hin taasisu.
Gama biraatiin, sirrii ta'uun kaayyoo tokkoo (right cause) tarsiimoon qabsoo filatame sirriidha jechuu miti. Kaayyoowwan qulqulluun akka haqa, walqixxummaafi bilisummaa fa'a karaan itti deeman yoo dogoggore manca'iinsa qofa uumu.
Qaamni balleessaa lolaafi ulfina lubbuu namaa sirriitti hubate kamiyyuu qawwee akka filannoo duraatti hin ilaallatu. Karaaleen nagaafi seeraa hundi dhugumaan cufamuu isaanii osoo hin mirkaneeffatin "filannoo biraa hin qabnu" jedhee ummata gara dhumatiitti hin oofu. As irrattis, ofirraa ittisuuf du'arraa ooluufi aangoof jecha qabsoo nagaa dhiisanii lola filachuun wantoota gargar fagoodha. Haala har'aa keessattis, biyya keenya keessatti karaaleen nagaa hundi cufamaniiru jedhanii murteessuun, yookiin "qawween ala filannoon biraa hin jiru" jedhanii ummata waraanaaf kakaasuun balaa qaba.
Paartiifi ummata, kaayyoofi meeshaa lolaa walitti makuun, akkuma gareen sun kufen ummatas rakkoo hamtuuf saaxila; kaayyoo qulqulluu sanas gatii dhabsiisa. Kanaafuu biyya keenya keessatti paartileenis ta'an gareewwan hidhatan ummata abaluuf dhaabbanna waan jedhaniif yookiin maqaa ummata tokkoo waan moggaafataniif isaan jechuun ummata sana jechuu miti.
Ifatti dubbachuuf: ABOn ummata Oromoo miti, TPLFnis ummata Tigraay miti, Faanoonis ummata Amaaraa miti, Paartiin Badhaadhinaas guutummaa ummata Itoophiyaa miti. Tokkoon tokkoon dhaabbilee deeggarsa, miseensotaafi ejjennoo siyaasaa mataa isaanii qabu; ummanni garuu dhaabbilee kanneen hundumaa irra bal'aa, fagoofi dhaabbataadha.
Dhugaan kun dhaabbilee amantiifis akkasuma. Majlisni hordoftoota Islaamaa, Waldaan Ortodoksii hordoftoota ishee, Mana Maree Waldaalee Wongelaas miseensota isaanii bakka bu'uu danda'u. Garuu amantoonni dhaabbilee kana hundarra ni caalu. Dhaabbanni meeshaadha malee ummaticha mataa isaa miti.
''Mootummaan gaafatamuun warra kaan bilisa hin baasu!''
⭕⭕⭕⭕⭕⭕⭕⭕⭕⭕⭕⭕⭕
Mootummaan nagaafi nageenya lammiilee eeguuf dirqama heeraa qaba; dirqamni kunis qaamoleen hidhatan waan jiraniif hin hafu. Haaluma kanaan, heeraafi seera biyya keenyaas ta'ee kan addunyaa keessatti humnaan meeshaa kaafanii mootummaa heera qabu kuffisuuf socho'uun yakka cimaadha. Kanaafuu "mootummaa qofatu itti gaafatama" jechuudhaan humnoota hidhatan gaaffii jalaa baasuun matumaa hin danda'amu.
''Mootummaan biyya bulchuu hin dandeenye — eenyutu isa laaffisee ree?''
❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌
Humnoonni hidhatan, loltoonni mootummaa dhiibbaa waraanaatiin yookiin rakkina nageenyaatiin naannoo tokko dhiisanii yoo ba'an, "injifanneerra; loltoota mootummaa ariinee baasneerra" jedhanii lallabu. Sana booda naannicha keessatti jeequmsi yeroo uumamu immoo "ilaalaa mootummaan ummata eeguu hin dandeenye" jedhanii balleessaa hunda mootummaa irra kuusu; kun wal faallessa.
Kanaafuu "mootummaan biyya bulchuu dadhabe" yeroo jedhamu akkuma jirutti callisanii fudhachuu dura, qaamni akkas jedhu sun mataan isaa mootummaa laaffisuufi jeequmsa babal'isuu keessatti harka qabaachuu isaa baruun itti gaafatamummaa isaa gaafachuun dirqama. Mootummaan dadhabbina isaatiif haa gaafatamu; qaamni qaawwa nageenyaa uumes qooda isaatiif itti haa gaafatamu.
Kun propaagandaa TPLF yeroo Dargii sana na yaadachiisa. TPLF yeroo aangoo qabattu of sirrii fakkeessuuf mootummaa Dargii "nama nyaataa" jechuun maqaa balleessuu hojii godhattee turte. Isaan keessaa tokko "Dargiin dargaggoota dirqiin waraanaatti naqee fixe" kan jedhudha.
Dhuguma Dargiin dargaggoota dirqiin guuree waraanaaf bobbaasuun isaa yakka gaafatamuudha; garuu "Dargaggoonni sun dirree erga gubbatanii booda eenyu waliin lolan? Rasaasaan eenyutu isaan fixe?" jennee yoo gaafanne, deebiin isaa "TPLFfi michoota isheeti" ta'a. Dargiin dargaggoota waraanaaf naquu isaatiin ni gaafatama; TPLFnis isaan fixuu keessatti harka guutuu qabdi. Of qulqulleessanii "Dargii qofatu fixe" jechuun garuu soba adii dha.
''Waraanichi haa itti fufu; garuu qaala'iinsi jireenyaa nutti hammaate!''
💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢
Qabatamaan qaamni waraana bane, dheeresse, horiin deeggare yookiin haleellaa jajjabeesse hundumtuu dhiibbaa lola kanaan jireenya ummataafi diinagdee irratti dhufuuf itti gaafatamummaa baachuu qaba.
Waraanni lubbuu namaa galaafata. Qaama namaa hir'isa. Lammiilee nagaa mara reebichaafi du'aaf saaxila. Waraanni dirree lolaa qofatti hin daangeffamu; jireenya gatii jabaa fida, daa'imman barumsa dhowwa, qonnaan bulaan akka hin qonnee, daldalaanis oomisha akka hin daddabarsine godha. Qabeenyaafi bu'uuraalee jireenyaa diiga.
Waraanni oomisha gabaa alaatiif dhiyaatu (export) waan danquuf biyyattiin sharafa alaa akka dhabdu taasisa. Bakka nagaan hin jirretti daawwataan hin dhufu. Kun hundumtuu gatiin bittaafi gurgurtaa akka qaala'uufi galii lammiilee akka gadi bu'u fida.
Waraanni baasii mootummaa dabala; kanaan kan ka'es mootummaan liqii keessa gala, gibira dabala, maallaqa diinagdeen hin baanne maxxansee baasa. Kun hundi immoo jireenya lammiilee irratti ba'aa cimaa uuma.
Jireenyi yeroo hadhaa'u ummanni ni dheekkama. Dheekkamsa kanas mormitoonni mootummaa ittiin kuffisuuf akka carraatti fayyadamu. Kun immoo marsaa badii dabalataa dhalcha. Ummannis furmaanni jijjiirama mootummaa qofa se'ee hawwii sana keessa dhidhiba.
Mootummaan biraa yoo dhufeeyyuu marsaan kun akkuma itti fufetti hafa. Kanaafuu lola deggeraafi afuufaa, balaa lola sanaan dhufe hundaaf garuu mootummaa qofatti quba qabuun dogoggora guddaadha.
''Itoophiyaan diigamaa jirti! Furmaanni hoo?''
🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴
Qaamni "Itoophiyaan diigamuufi" jedhee labsu kamiyyuu, "labsiin kee kun yookiin karaan ati furmaataaf dhiyeessite diigamuu sana ni hambisa moo daran hammeessa?" jedhamee gaafatamuu qaba.
Dimokiraasii fiduuf jecha waraanaafi jeequmsa lallabaa, gama biraatiin immoo "biyyi diigamte haa baraarru" jechuun wal faallessa. Balaa himaa, balaadhuma sana hammaachisuun wal hin simu. Mootummaanis hojii isaatiin wal-dhabdee babal'isee dhaabbilee yoo laaffise itti gaafatamummaa kana jalaa hin ba'u.
"Biyyi diigamaa jirti" jedhanii iyyaa, karaa lola dheeressu, dhaabbilee dadhabsuufi nageenya booressu irra deemnaan rakkinichaaf furmaata fiduun hin danda'amu.
Kun mootummaa balleessaa malee gochuuf miti; mootummaan dirqama guddaa qaba, hanqina isaatiifis ni gaafatama. Haa ta'u malee humnoota hidhatan qulqulleessanii mootummaa qofa balaaleffachuun sirrii miti. Qaamonni hidhatanis badii raawwataniif gaafatamu qabu. Isa tokko yakkamoo gochuun isa biraa bilisa hin taasisukaa.
"Biyyi badii keessa jirti" kan jedhu hundi furmaata ofii dhiyeessus qorachuu qaba. Karaan nuti filanne kun waraana ni gabaabsa moo ni dheeressa? Nageenya lammiilee ni fida moo balaa dabala?
''Murtee qabsoo hidhannoo irratti bobba’uu fi bu’aa isaa''
🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥
Seeraan humna fayyadamuuf mootummaatu aangoo duraa qaba. Aangoo kana mormuuf jecha meeshaa kaasee kan lole hundi, mootummaan deebii seeraa akka kennu tilmaamuu qaba.
Mootummaa fudhachuun seera kabajuu gaafata. Garuu kun mootummaan waan fedhe haa godhu jechuu miti; tarkaanfiin mootummaas seera-qabeessa, madaalawaafi lammiilee nagaa kan eegu ta'uu qaba.
Humni qabsoo hidhannoo filate gatii siyaasaa, seeraafi namoomaa murtiin sun hordofsiisu herreeguu qaba. Haata'u malee kuni ajjeechaa seeraan alaa, gidiraafi dararaa lammiilee nagaa irratti raawwatamu kamiyyuu sirrii hin godhu.
Maraamartoo aangoo irraa gara furmaata dhaabbataatti
🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴
Badii lubbuufi qabeenya ummataa barbadeessu kana afaan qawweetiin qofa dhaabuuf yaaluun of gowwoomsuudha. Qaamonni lolaa jiran humna qofatti amanuu dhiisanii, miidhamtoonni lolaa lammiileefi biyyattii ta'uu hubatanii gara marii dhugaatti dhufuu qabu.
"Ummataafi biyyaaf nan dhaabbadha" kan jedhu hundinuu bu'aa siyaasaa osoo hin ta'in, lubbuu lammiileefi nagaa biyyaatiif dursa kennuu qaba. Nagayni kan dhufu yoo qaamonni of-tuulummaa dhiisanii, dhimma biyyaafi ummataaf jedhanii waliigaltee isaan hin tolleefillee qophii ta'anidha. Nagaadhaaf jedhanii kanneen gadi of qaban seenaa keessatti ol ka'anii mul'atu.
Dhimma biyyaa irratti "maaltu na dhibe" jechuunis ta'ee, "mee kan mo'u haa ilaallu" jedhanii taa'uun fashala. Nagaan Itoophiyaaf, nagaan biyya keenyaaf haa ta'u! jechuun goolabanii jiru.