
01/10/2025
“Qophaahuu Qabna-injifachuuf qophaahuu qabna” – Pete Hegseth, Ministira (Barreessaa) Ittisaa, Ameerikaa
*****************
Kiibxata gara ganamaa akka lakkoofsa biyya isaaniitti, galma ajajoonnifi hooggantoonni waraanaa gameeyyii keessa guutanitti, dubbii jajjaba dubbate keessaa waa’ee ‘heddummina keessummeessuufi miira nama hundaa eeguu jedhu haa dhiifnu’ amma kan nu barbaachisu “miira loltummaa, duudhaa waraanaa cimaa” qofa jedhe Barreessaan Damee Waraanaa Ameerikaa.
“Qophaahuun keenya dirqama- ijifachuufi qophaahuu qabna” kana jechuun kutannoo olaanaa daangaa hinqabne, kan wamaa irraa haftee hinqabne, karaan walakkaa hinjiru xumurree lolaaf qophaahuu qabna jechuu akka ta’e gabaasaaleen ni’agarsiisu.
“Amma booda jeneraalota fufurdaa arguu hinbarbaannu; miseensi waraanaa hundi gahumsa qaamaa cimaa qabaachuu qaba; amma booda shuukkee(yuukkee) taanee, sansakkaa fudhatama hinqabne qabaachuun nu gaha” jedhe Pete Hegseth, Ministirri (Barreessaa) Ittisaa Ameerikaa.
Dabalataanis “Yoo gahumsa qaamaa hinqabaanneefi dhaabbii hintolle yookaan qormaata kanaaf qophaahe hindabartan taate, iddoo isiniif malu barbaadadhaa; yookaan ogummaa biraatti maqaa” jedhe.
Haga ammaatti qajeelatti eenyuuf qophaahuu akka barbaadan ibsamuu baatus, Doonaldi Tiraampi, haasawa Pete waan fakkaatu “waraanni keenya cimaa, sodaatamaa, ariifataa, kan duraanii caalaa humna qabeessaa ta’uu qaba” jedhan.
Haasawa Pirezidaantichaa irraa hubachuun kan danda’amu ammatti “weera keessaa”, waan jedhaniin ofirraa cabsuudha kaayoon. Hojiin waraanaa, sodaachisaa alaa dhufu qofaa osoo hintaane, kan keessaallee biyyarraa ittisuudha. Magaalota rakkoo qaban keessatti leenjii waraanaa eegaluu qabnas jedhan Pirezidaantichi.
Maqaa Damee Ittisaa jedhamu Damee Waraanaatti kan jijjiiran dhiheenyuma kana. Laafuufi sodaatamuu dhabuu humna waraanaatiif, hooggansa duraan ture komatanii jiru, Pirezidaanti Tiraampi.
Aadaa lallafuufi momooqqa’uu kana kan nutti fide hooggansa duraan ture dubbiin jettu jara lameeniinuu irra deddeebiin dubbatamte.
Kaayoon humna waraanaa cimsuu yoo waan keessaa isaan sodaachisu ofirraa cabsuu qofaa ta’e biyyuma hundatu akkas godha; yoo kana qofaa hintaane, eenyuuf akka qophaahaa jiran yerootu deebisa.
ABC news, Department of War
Ramzi Media