Naif Digital

Naif Digital Hulmi Tech

Hamid Muudee: English - Oromo Dictionary AppDictionary Afaan Oromoo kan yeroo dheeraaf tajaajila ture, bifa applicationt...
17/11/2025

Hamid Muudee: English - Oromo Dictionary App

Dictionary Afaan Oromoo kan yeroo dheeraaf tajaajila ture, bifa applicationtti qophaawee jira. Applikaashiniin kun kaka'umsa dictionary Hamid Muudee irraa fudhachuun isa bira dabree, jechoota 300,000+ ol of keessaa kan qabuudha, akkasumas makmaaksoota (proverbs) 5,000+ ol of keessaa kan qabuudha.

Qabiyyee Application:

- Jechoota 300,000+
- Daily Words (Jechoota Guyyaa Guyyaa)
- Makmaaksa Oromo 5,000+ ol
- Word History
- Bookmarks (Favorite Words)
- UI dinqisiisaa fi ajaa'iba tahe
- Jechoota Fayyaa (Medical Terms)
- Jechoota Technology (Tech Terms)

Kana waliin, appiin kun "The Most Comprehensive English–Oromo Dictionary" tahe jira.

Download gochuuf “Play Store” irraa argattu:

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.hamidmuudee.plus

Hamid Muudee: English–Oromo Dictionary (Plus) is now available on Google Play!

I developed this app based on the legacy of Hamid Muudee’s original dictionary. It includes all the words from the original dictionary and goes even further with 300,000+ additional words, which is why we call it “Plus.” It also features 5,000+ Oromo proverbs (Makmaaksa)!

App Features:
- 300,000+ Words
- Daily Words (Jechoota Guyyaa Guyyaa)
- 5,000+ Oromo Proverbs (Makmaaksa)
- Word History
- Bookmarks (Favorite Words)
- Beautiful and intuitive UI
- Medical Terms
- Technology Terms

With all this, the app stands as the most comprehensive English–Oromo dictionary available.

Download it now:
https://play.google.com/store/apps/details?id=com.hamidmuudee.plus

Support the app: Share it, contribute new words, or help in any way. Next, we’ll be adding more languages!

🇹🇷 Ibsa Iskoolaarshiipii Diyanet fi Iskoolaarshiipii Türkiye Bursları Gadi fageenyaan. 🇹🇷Barreeffamni kun Iskoolaarshiip...
29/12/2024

🇹🇷 Ibsa Iskoolaarshiipii Diyanet fi Iskoolaarshiipii Türkiye Bursları Gadi fageenyaan. 🇹🇷

Barreeffamni kun Iskoolaarshiipii lamaan kan gadi fageenyaan isiniif ibsu ta'a
Odeeffanno dabalataan fi Iskoolaarshiipii birootiifis channel keenya Naif Digital join godhaa


📱 📱 📱

✅ 1. Iskoolaarshiipii Diyanet

✅ ● Xiyyeeffannoo: Amantii irratti kan xiyyeeffateedha, innis kan Pirezidaantii Dhimma Amantiitiin kan kennamuudha. Barattoota barnoota Islaamaa fi ti'ooloojii irratti leenjisuuf kan akeekuudha.

✅● Ulaagaa: Barattoota barnoota amantii hordofuuf fedhii qabaniif banaadha, keessumaa Manneen Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Imaam Hatip, barnoota digirii jalqabaa, ykn digirii lammaffaa ti’ooloojii wajjin walqabatee.

✅● Iddoowwan ( Field Barnootaa ): Qur’aanaa, ti’ooloojii Islaamaa, fi gosoota amantii biroo.

✅● Deeggarsi Kennamu: Kaffaltii barnootaa guutuu, bakka jireenyaa, inshuraansii fayyaa, deeggarsa ji’a ji’aan fi wantoota kana fakkaatan.

✅● Adeemsa Iyyannoo: warreen fedhii cimaa barnoota Islaamaa irratti qabdan criteria Diyanet guutuundhaan guutuu dandeessu.

✅ 2. Iskoolaarshiipii Türkiye Bursları

✅ ● Xiyyeeffannoo: Bal’aa fi kan addunyaa (International) iddoo hunda irraa dorgomuu danda'aniidha, barnoota qulqullina qabu damee adda addaa irratti kennuudhaan hariiroo idil-addunyaa guddisuuf kan kaayyeffateedha.

✅ ● Ulaagaa: Barattoota addunyaa guutuutti digirii jalqabaa, lammaffaa fi Ph.D. sagantaalee gosoota barnootaa hunda keessatti kenna.

✅● Iddoowwan (Field Barnootaa) : barnoota Fayyaa (Medicine), injinariingii, saayinsii hawaasaa, aartii fi kkf of keessatti qabata.

✅● Deeggarsi Kennamu: Kaffaltii barnoota guutuu, ji’a ji’aan kan kennamu, bakka jireenyaa, inshuraansii fayyaa, fi barnoota afaan Turkii bilisaa.

✅● Adeemsa Iyyannoo: Dorgommii fi gahumsa irratti kan hundaa’e, galmee barnootaa cimaa fi bu’aa barnootaa olaanaa kan barbaaduudha.

✅Garaagarummaa Iskoolaarshiipii Lamaanii.

✅● Amantii fi Barnoota idilee: Iskoolaarshiippiin Diyanet barnoota Islaamaa irratti cimsee kan xiyyeeffate yoo ta’u, Türkiye Bursları ammoo damee barnootaa bal’aa kan tajaajiludha.

✅● Sadarkaa Barnootaa: Lamaanuu carraa digirii jalqabaa fi digirii lammaffaa kan kennan yoo ta’u, Diyanet barnoota sadarkaa lammaffaa amantiis ni deeggarti (Highschool) Jechuu.

✅Namoota Akkamiif qophaa'an

Diyanet warra barnoota Islaamaa barbaadaniif kan qophaa'eedha; Türkiye Bursları barattoota gosa barnootaa hunda of keessatti hawwata namni kamiyyuu kan ulaagaa isaa guutu, guutuu danda'a.

👍Kam Filachuu qabda ?

Xiyyeeffannaan kee ti'ooloojii Islaamaa ykn qo'annoo amantii irratti yoo ta'e, Iskoolaarshiippiin Diyanet filannoo sirrii dha.

Barnoota academics irratti kan xiyyeeffatu yoo ta'e Turkey burslari siif sirriidha.

Odeeffannoo dabalataaf channel Telegram keenya JOIN gochuuf gaaffiifii yaada qabdan nu gaafachuu dandeessu Join Naif Digital ✅

Barnoonni Sadarkaa Addunyaatiifi Qulqullina Qabu Ijoollee Teenyaaf Haa ta'u 📱

🌟 Akkamitti JumpTask irraa Torban Lamaa Gadi Keessatti Doolaara 170 akka Argannu!  💸 Heey, Naif Digital fam! JumpTask fa...
16/12/2024

🌟 Akkamitti JumpTask irraa Torban Lamaa Gadi Keessatti Doolaara 170 akka Argannu! 💸

Heey, Naif Digital fam!

JumpTask fayyadamaa turre, innis Application Web3 kan coin Dollaraan kafaluudha! Guyyoota Torban lama hin guunne keessatti hojiiwwan salphaa kanneen akka Survey fi Game irra doolaara 170 Dalage. Inni seera qabeessa, jalqabuuf kan mijatu, fi nama Dollar barbaadu kamiifuu mijataa dha.

🎥 Oduu gammachiisaa!
Viidiyoo TikTok yeroo dhiyootti akkamitti akka hojjenne tartiibaan sirriitti agarsiifna Nu eegaa, carraa maallaqa dabalata argachuuf channel keenya hordafaa

🔗naif digital

Telegram: https://t.me/naifteam
Telegram: https://t.me/naifdigital
Facebook: https://facebook.com/naifdigital
tiktok: https://tiktok.com/

 🇹🇷 Turkey Scholarships 2025 📅 GUYYAA Muraasaa Hafe 📚 Are you ready to begin your journey for higher education in Turkey...
14/12/2024



🇹🇷 Turkey Scholarships 2025
📅 GUYYAA Muraasaa Hafe

📚 Are you ready to begin your journey for higher education in Turkey?
The application process for Turkey Scholarships will officially open in January! 🚀

📞 Odeeffanno Dabalataaf :
📱 0938810259 | +251713269849

📝 QOPHII KEESSAN AMMUMA JALQABAA

📍 Don’t miss this golden opportunity to study abroad and pursue your dreams! 🌍

✨ Start preparing now. Share this with your friends and family!

Address

Dire Dawa

Telephone

+251968144761

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Naif Digital posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share