23/03/2026
🌍 Olmaya Giddu Gala Bahaa
👉 Iraan Suuraa Donald Trump Misaa’ela irratti hidhanii dhukaasan 😂
👉 "Na eegalchiistanii duuba deebi’uun hin jiru..."
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
US-Amerikaa guyyaa lama dura ture:
"Iiraan sa’a 48 keessatti xurree Hormuz yoo hin banne, maddisiisa annisaa isii dhaweetiin barbadeeysa" jettee doorsiste. Onnee dhawattee dhaadatte.
Deebisaa Iiraan ammoo "Dhiira siin ja’anii koottuu yaali" kan jedhu ture.
Faallaa saniitiin Tehraan "Yoo maddi annisaa kiyya tuqame, Israel dabalatee biyyoota Giddu Gala Bahaa lukeelee Amerkaa tahan hunda jaarraa hedduuf of duuba deebiseetiin lambaa fi faanusa akka shidatan taasisa" jedhe.
Haakaroonni Iiraan marsareetiilee iccitiifi eeggumsa guddaan qabaman cabsanii kaartaa iddoolee maddisiisa annisaatiifi bishaan dhugaatii Israel agarsiisu baasan.
Miidiyaaleen Iiraan kaartaa kana, iddoolee Waardiyaan tika warraaqsa Islaamaa irratti tiilleeffate, ja’anii sarara diimaa jala riganii wal jalaa fuudhanii mul’isan. Iiraan waan dhaadatte hunda gadhuuf irree guutuu akka qabdu torbeewwan dabre waan mirkaneessiteef, ibsa Tehraan kanaan lammiileen Israel fi biyyoota Arabaa baaraga guddaa keessa seenan.
Duba ganamee arraa Donald Trump yaada maddisiisa annisaa Iiraan haleeluuf qaban yeroof akka dhibeeysan himuudhaaf shimbirroon barii isaan hin dursine. Akkuma bariheen gama marsareetii hawaasummaa isaanii Truth seenuun "Dureelee Iiraan gurguddoo waliin marii bu’a qabeessa waan gooneef, Isaaniis nu waliin haasa’uuf amala bareedaa waan mul’isaniif haleellaa teenya irraa dhibeeysuuf murteeysineeti jirra" jedhan.
Angawoonni Iiraan garuu "jaarsi Bazabaza haasawa' ja’anii dhimmicha waakkachuuf daqiiqaa itti hin fudhanne. Pirezdaantii hammaa Af-yaa’ii Paarlaamaa Iiraanitti, Ministera Haajaa Alaatii hamma qondaaltota waraanaatti hundi asbahani. Sheeyxaana guddaafi xiqqaa waliiniis marii takka hin qabu jette Tehraan.
Tehraan ol’aantummaa lola kana irratti qabdu calaqqisuuf, wayta Amerkaan marii jechaa jirtu kanatti, guyyaa arraa hamma sa’a kanaatti dambaliiwwan Misaa’elaatiifi Diroonii ergitee Israel, Saudi Arabiyaa, Qatar, Bahrain, UAE golaati jiran.
Haleellaa arra irraa kan xiyyeeffannaa miidiyaa argate, Iiraan suuraa qoosaa kan Donald Trump:
"Maalo naaf dirmadhaa Hormuz bansiisuuf" jettu Misaa’ela irratti hidhuun dhukaaste 😂 (Maddi: Tasnim fi Royal News – miidiyaan kuni kan waahela Israel tan taate biyya Jordani).
👉 Iiraan haleellaa dhaabuuf yaada akka hin qabne kan hubate, Ministerri Muummee Israel Beenjaamiin Neetaanaahuu gama White House bilbiluu himuu. Muummichi gama miidiyaa as bahuun akka daa’ima gammadetti miira gammachuutiin:
"Amerkaan tiyya kophaa si dhiisee si jalaa hin hafu naan jette" ergaa jettu dabarfate.
Beenjaamiin ibsa arraatiin akka duritti "Ni caaccabsina, ni hurreeysina" jechuun hafeeti, " Faaydaa Israel tiksuuf ni falmanna" jedhan.
Duba haala kanaan, biyyi amma "World Super Power" jattee dhaadachuun malte tami? Deebisaa isiniifiin dhiisa!
👉 Odeeffannoo fiinxaa fiinxa, addunyaa madda amansiisaa qofa irraa saffisaan argachuuf, nu faana bu’aa links armaan gadii hordofaa:
🔗 🔵 Telegram Channel
https://t.me/Birraa_media
💬 Telegram Group
https://t.me/Birraa_media1
📘 page
https://www.facebook.com/profile.php?id=100070494310418
▶ YouTube Channel
https://youtube.com/-media?si=6Y7VHLdWGa07wrZc
🔥 Hashtags:
Barruun✍️✍️ Muhyadiin Abdullahi ti