Dire News

Dire News Odeeffannoo Dhugaa irratti hundaa'e hawaasa keenyaan ga'uun hawaasni keenya beekumsa irratti hundaa'ee sochiwan idilee irraa akka fayyadamu gochu

Itoophiyaa 1-0 MaalaawiiGareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itoophiyaa Tapha Michoomaatiin Maalaawii goolii 1 fi 0'n duurs...
06/06/2026

Itoophiyaa 1-0 Maalaawii

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itoophiyaa Tapha Michoomaatiin Maalaawii goolii 1 fi 0'n duursaa boqonnaa bahe.

Tapha gareewwan lamaanii istaadiyeemii idil addunyaa Dirree Dhawaatti waliin taphachaa jiru kanarratti Fistuum Alamuu Daqiiqaa 1ffaa irratti gareen biyyaalessaa Itoophiyaa goolii ittiin duursu galchuun Taphni boqonnaa Duraa goolabameera.

Tapha Itiyoophiyaa fi Maalaawwii Sa'aa 12:00tti irraa jalqabee Istaadiyamii Idil Adunyaa Dirree Dhawaatti taphatan eegam...
06/06/2026

Tapha Itiyoophiyaa fi Maalaawwii Sa'aa 12:00tti irraa jalqabee Istaadiyamii Idil Adunyaa Dirree Dhawaatti taphatan eegamaati jira.

26/05/2026
Arsenaal shaampiyoonaa Piriimeer Liigii Ingilaandi ta'e Tapha piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 37 har'a taphatameen Ma...
19/05/2026

Arsenaal shaampiyoonaa Piriimeer Liigii Ingilaandi ta'e

Tapha piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 37 har'a taphatameen Maanchiister Siitiin Boornimaawuuz waliin qixa bahuu hordofee Arsenaal Shaampiyoonaa bara kanaa ta'uu mirkaneeffateera.

Kana hordofee Arsenaal taphni tokko osoo isa hafuu waggoota 22 booda shaampiyoonaa Piriimeer Liigii Ingilaandi bara 2025/26 ta'eera.

Filannoon Biyyaalessaa 7 Xalayaan Kenna Sagalee Lama ta'uu beektuu?Inni 1ffaan Kaadhimamtoota Mana Maree Bakka Bu'oota U...
11/05/2026

Filannoon Biyyaalessaa 7 Xalayaan Kenna Sagalee Lama ta'uu beektuu?

Inni 1ffaan Kaadhimamtoota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf kan Sagalee kan Itti laatan yoo ta'u.

Inni 2ffaan ammoo Kaadhimamtoota Mana Maree Naannoo ykn Bulchiinsaaf kan Sagalee kan Itti laataniidha.

Murtee ‘VAR’ tapha Weestihaam VS Arsenaal irratti maaltu jedhame?*******************************Murteen ‘VAR’ (Video Ass...
11/05/2026

Murtee ‘VAR’ tapha Weestihaam VS Arsenaal irratti maaltu jedhame?
*******************************

Murteen ‘VAR’ (Video Assisted Referee) tapha Weestihaamii fi Arsenaal gidduutti Istaadiyeemii Landanitti taphatamee ture irratti, goolii daqiiqaa dhumaarratti Weestihaam galche akka haqamu taasifte, Piriimiyer Liigii keessatti murtee yeroo kamiyyu caalaa hiika guddaa qabudha jedhameera.

Arsenaal goolii Tiroosaard galcheen dursaa otoo jiruu saatiin dhumuuf otoo jedhuu gooliin falmsiistuu kun galte.

Daqiiqaan afurii fi Sekoondiin 11 ciniinsuu turte.

Daqiiqattiin afran sun seenaa Arsenaal, akkasumas kan Weestihaam jijjiiruuf humna qabdi turte.

Arsenaal waggaa 22 booda waancaa argachuuf tarkaanfiin tokko gara isa hafutti ceehuuf, Weestihaam ammoo sadarkaa Liigicha keessaa bahuu keessaa xiqqoo morma ol baafachuuf moo'achuuf ijibbaata keessa turan.

Kanaaf, murteen ‘VAR’ kun morkii Piriimiyer Liigii bara kanaa murteessuuf gahee waan qabuuf hunduu qalbiin rarra'ee eegaa ture.

Warri Weestihaam gammachuun lafa dhiituu jalqabanii ture, leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa mataa qabatee Sekoondii muraasa hafte keessatti qaanofnee jechuun yeroof waan dubbachuu qabu kan wallaale fakkaate.

Garuu dhimmee ilaalaa waan tureef, Arteettaan karra eegaan Arsenaal Daavid Raayaa mormi hudhamee, harki qabamee kubbaa galte oolchuu otoo danda'uu yakki waan irratti hojjetameef jechuun mallattoon murteessitootatti agarsiisaa ture.

Karra Tiroosaard Arsenaaliif daqiiqaa 83ffaa irratti galche dursa akka qabatu qofa otoo hin taane, Liigicha dursummaa isaa qabatee imala waancaa isaa tarkaanfiin tokko isa hafetti siqaa jira ture.

Haata'u malee, daqiiqaa dabalataa dhumaarratti taphataan Weestihaam jijjiiramee seene Kaalum Wilsan kubbaa 'Koornaa' irraa dhufte manii Arsenaal keessa buusee ture.

Yeroo kana ture murteessaan 'VAR' gargaarumuun akka murteessuuf kan yaanni dhihaateef.
Murteessaan kun Karra eegaa Arsenaal irratti yakki raawwatameera jechuunis goolii kana haqe.

Diraamaa, dirfaamaa....West Haam 0 - 1ArsenaalArsenaal goolii Liyaandiroo Tiroosaard lakkoofsiseen tokkoon West Haamiin ...
10/05/2026

Diraamaa, dirfaamaa....
West Haam 0 - 1Arsenaal

Arsenaal goolii Liyaandiroo Tiroosaard lakkoofsiseen tokkoon West Haamiin mo'ateera.

Diraamaa ture.

West Haam daqiiqaa dhumaarratti goolii tokko lakkoofsisanii wal qixaatanii ture, garuu gooliin sun hirreen taphataa West Haam tokko morm David Raayyaa hidhee akka kubbaa hin qabnne waan godhee tureef haqameera.

Arsenaal waancaatti dhiyaateera. Tapha lama qofatu hafe.

KAADHIMAMTOOTA BADHAADHINAA  YAA BARRU Bulchiinsa Dirree Dhawaa Bakka Bu'uunMana Mario Bakka Bu'oota Ummataaf  Jimmaa Na...
06/05/2026

KAADHIMAMTOOTA BADHAADHINAA
YAA BARRU

Bulchiinsa Dirree Dhawaa Bakka Bu'uunMana Mario Bakka Bu'oota Ummataaf Jimmaa
Naannoo Filannoo Gommaa 2

Filannoo Waliigalaa Marsaa 7ffaa
Kaadhimamtoota Paartiin Badhaadhinaa Mana Marii Bakka Bu'oota Ummataaf Qaadhimamtoota Paartii Badhaadhinaa

KAADHIMAMTOOTA BADHAADHINAA  YAA BARRU Godina Jimmaa Naannoo Filannoo Gommaa 2Filannoo Waliigalaa Marsaa 7ffaa Kaadhimam...
06/05/2026

KAADHIMAMTOOTA BADHAADHINAA
YAA BARRU
Godina Jimmaa Naannoo Filannoo Gommaa 2

Filannoo Waliigalaa Marsaa 7ffaa
Kaadhimamtoota Paartiin Badhaadhinaa Mana Marii Bakka Bu'oota Ummataa fi Caffeedhaaf Dhiyeesse

05/05/2026

Guyyaan Gootota Itoophiyaa 85ffaa

Address

Beyon Goro Street
Dire Dawa

Telephone

+251915039254

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dire News posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category