Dire News

Dire News Odeeffannoo Dhugaa irratti hundaa'e hawaasa keenyaan ga'uun hawaasni keenya beekumsa irratti hundaa'ee sochiwan idilee irraa akka fayyadamu gochu

15/09/2025
15/09/2025

Hidha haaromsaa

Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar Ayyaana Moowliidaa sababeeyfachuun Ergaa Baga Ittiin Is...
03/09/2025

Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar Ayyaana Moowliidaa sababeeyfachuun Ergaa Baga Ittiin Isin Gahee Dabarsan.

Kabajamoo kantiibaan akka ibsanitti 'Ayyaana Moowliidaa yeroo kabajnu barsiifata Nabi Muhaammad (SAW) Amantaa Islaamaatiif barsiisaniin ilmi namaa garaagarummaa gosaafi amantaatiin osoo gargar hin qoodamne uumamni hundi walqixa tahuu isaanii nu barsiisanii jiru, nutiis hordoftoonni amantichaa warreen ayyaana kana kabajnu barsiifata Nabi Muhaammad (SWA) hordofuudhaan hojiirra oolchuun kabajuu qabna' jechuudhaan ergaa isaanii dabarfatan.

Ayyaanni kun kan namoota rakkatan itti gargaarru, dhukkubsattoota itti gaafannu, warreen gaddan itti jajjabeessinuufi hojiiwwan gaarii hunda itti raawwannu akka tahuun hawwaas ja'an ergaa isaaniitiin.

Ayyaana Gaarii!

Guyyootni ji’a 13ffaa Qaamee Itoophiyaan addatti qabdu ta’uu himanii.Moggaasawwan garagaraatiin yaadatamaa qophii bara i...
02/09/2025

Guyyootni ji’a 13ffaa Qaamee Itoophiyaan addatti qabdu ta’uu himanii.
Moggaasawwan garagaraatiin yaadatamaa qophii bara ittaanutti taasisaa guyyaa ittice'amu ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan:

Qaam’ee 1 Guyyaa Cichoominaati

“Cichoomina bu’uura qabeessaan biyya jabduu”

‎Qaam’ee 2 Guyyaa Waloomaati.

Waloomina miidhagina Itoophiyaaf”


‎Qaam’een 3 Guyyaa Omishtummaati.

“Omishtummaa Itoophiyaa ittifufiinsa qabu”

‎Qaam’ee 4.Guyyaa Bayyanachuuti.

“Bayyanachuu Itoophiyaa misooma ittifufiinsa qabu misooma biyyaaf”

‎Qaam’ee 5.Guyyaa Egereeti.

“Dijitaala Itoophiyaa Dhugoomsuu ”

30/08/2025

Fiigichi Guddaan Digitaal Dirree Dilbata Dhufu Hagayya 25,2017 Gaggeefamu irratti hunduu akka hirmaatu waamich dhiyaate.

Gaggeessa qormaata gidduutti injifannoo galmeessu 💪Hoogganaa rakkoo kumaatamaan lakka’amu bira kutee milkaa'inaan goolab...
30/08/2025

Gaggeessa qormaata gidduutti injifannoo galmeessu 💪

Hoogganaa rakkoo kumaatamaan lakka’amu bira kutee milkaa'inaan goolabe. Kophaa isaa diina gamaaf gamana itti gamuu irraa aane.Abbichuun qormaataf hoogganaa hin jilbiifanne qormaata xaxamaa isa muudatu akka carraatti fayyadamuun milkaa’inatti jijjiiruf humna kan qabu Abbichuu qofadha.

Abiyyi hoogganaa goota qormaata gidduuttillee injifannoo addaa galmeessuu danda'uu dha. Imala badhaadhina biyya keenya haalota mijata keessatti miti kan milkeessa jiru.Rakkoo fi gidiraa gidduutti qormaata gurguddaa ogumma addaatin bira darbee fakkeenya yoomiyyuuu hin dagatamne nuuf ta’e.

Agarsiistun milkaa’ina badhaadhinaa biyya keenya kan arginu haala tasgabbaa’aa qofa osoo hin taane qormaataa fi gufuu cimaa gidduutti hogganaa badhaadhina mirkaneessuu danda’u ta’uu isaatini Abbichuun biyya keenya fuulduree dhaloota keenya nama miidhagsuu danda’u hoogganaa humna guutudhaan deeggaramuu qabuudha.Si waliin dhaabbachuun badhaadhina Itiyoophiya milkeessudha.

Ejensiin Teeknolojii, Saayinsiifi Innooveeshinii bulchiinsa Dirree Dhawaa Appilikeeshinii tuttuqqiifi waraqaarraa bilisa...
29/08/2025

Ejensiin Teeknolojii, Saayinsiifi Innooveeshinii bulchiinsa Dirree Dhawaa Appilikeeshinii tuttuqqiifi waraqaarraa bilisa tahe kan kenna tajaajilaa saffisiisu, 'Cheechee' jedhee moggaase hojiirra olcheera

‎Ministeerri Innooveeshinii fi Teknooloojii, Ejensicha waliin tahuun bakka qaamoonni gahee Naannoolee argamanitti sagantaa Appilikeeshinicha beeksisuu gaggeeyseeti jira.

‎Ejensiin Innooveeshinii sayaanisii fi Teknooloojii bulchiinsa Dirree Dhawaa hojii Dirree Dhawaa Dijitaalaa jireenya lammiileetiif mijjattuu uumuuf hojjachaa jiruun bu'aalee teeknolojii gara garaa tajaajila hawaasaatiif oolchuurratti argama.

‎Ejansichi Appilikeeshinii dararaa hawaasaa salphisuun tajaajila si'ataa hawaasni barbaadu laachuu isa dandeeysisu kan 'Cheechee' jadhee moggaase bakka ministeerri Saayinsiifi Innooveeshinii, Qamooleen gahee Naannooleerraa dhufaniifi Baankoonni argamanitti hojiirra oolchuu ifatti beeksiseeti jira.

‎Watajjicha Hasawaan kan banan Daayrektarri Abbaa Taaytaa Teknoolojii Itiyoophiyaa obbo Salamoon Geetaachoo, hojii Magaalaan Dirree Dhawaa mula'ata Itiyoophiyaa roga Teknooloojii dhugoomsuuf hojjechaa jirtuun, gahee adda durummaa bahachaa jiraachuu ibsaniiti jiran.

‎Hogganaa Ejansii Teknooloojii, Sayaanisiifi Innooveeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Injiinar Abdulaziiz Shaafii kayyoon waltajjichaa hojiilee roga Dirree Dijitaala tasiisuutiin hojjetamaa jiran beeksisuufi itti fufsiisuun fakkeenyummaa Magaaloota birootiif qabdu cimsuu akka tahe ibsaniiti jiran.

‎Injiinar Abdulaziiz itti dabaluudhaan Appilikeeshinni 'Chechee' hawaasni karaa salphaa taheen kaffaltii raawwachuus tahee haala tuttuqqiifi waraqaarraa bilisa taheen gargaaramuu akka danda'an kan isaan dandeeysisu tahuu himanii, Baankiilee wajjiin waliigaltee waliin hojjechuu isaan dandeessisu uumuu ibsaniiti jiran.

‎Sagantaan Appilikeeshina beeksisuu kun bakka ministeerri Sayaansii, Teeknooloojiifi Innooveeshinii, Qamooleen gahee bulchiinsaafi Naannoolee argamanitti gaggeeffameeti jira.

DHAAMSA CIMAA: Barattootaf qoodaa! Bara 2018 yeroo ramaddiin dhabbilee barnoota olaanoo taasifamutti barattoonni deeggar...
26/08/2025

DHAAMSA CIMAA: Barattootaf qoodaa!
Bara 2018 yeroo ramaddiin dhabbilee barnoota olaanoo taasifamutti barattoonni deeggarsi isinii haa godhamuu barbaaddan kanneen akka lakkoota, Haadholii hoosisan fi akkasumas rakkoo fayyaa adda addaa kan qabdan hanga qabxiin kutaa 12ffaa bara 2017 gadhiifamutti qophii barbaachisaa akka taasiftan ministeerri barnoota beeksiseera.

Sanadoonni barbaachisan:-

1. Lakkoota Saala walfakkaataaf
➫ Waraqaa dhalootaa lachuu
➫ Mana barumsa itti baratan irraa xalayaa deggarsaa

2. Iyyattoota Haadholii harma hoosisaniif

➫ Kaardii talaalli daa’imaa ji’a jaha(6) hin guunne

➫ Mana barumsaa itti baratan irraa xalayaa deeggarsaa

3. Iyyattoota Rakkoo fayyaa adda addaa qaban

➫ Hospitaala mootummaa irraa waraqaa ragaa boordiin murtee itti kenne

➫ Mana barumsaa itti baratan irraa xalayaa deeggarsaa

"Kitaabni Mootummaa Ida'amuu imala Itoophiyaan addunyaa egeree keessatti qabdu sirriitti addeessa!" MMI Dr. Abiyyi Ahime...
25/08/2025

"Kitaabni Mootummaa Ida'amuu imala Itoophiyaan addunyaa egeree keessatti qabdu sirriitti addeessa!" MMI Dr. Abiyyi Ahimed
= = =

Kitaabni Mootummaa Ida'amuu bu'aa argameefi muuxannoo qabatamaa irratti hundaa'ee kan barraa'e ta'uu Ministeerri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad kitaaba 4ffaa "Mootummaa Ida'amuu" jedhu barreessan ilaalchisee yaada miidiyaaf kennaniin ibsaniiru.

Kitaaba ida'amuu adda kan taasisu muuxannoo bu'a qabeessarraa kan waraabame ta'uu ibsuun, Kitaabni mootummaa ida'amuu fedhii biyyaalessaa tokko, seenessa biyyaalessaa tokko yoo hin uumne faayidaa Itoophiyaa eegsisuuf qormaata jiru agarsiisa, karaa ittiin keessaa bahamus kan agarsiisu ta'uu dubbataniiru.

Kitaabni ‎'Mootummaa Ida'amuu' muuxannoo qabatamaarraa kan waraabame ta'uu kaasuun, Mootummaan Ida'amuu' seenaawwan ergama isaaf fayyadaman duubatti deebi'uun akka xiinxalu himaniiru.

Gara fuulduraattis tarkaanfachuun waa'ee addunyaa yeroo ilaallu, imala Itoophiyaan addunyaa egeree keessatti qabdu sirriitti kan addeessu ta'uu kaasuun, Kitaaba 'Mootummaa Ida'amuu' wanti adda isa godhu yaad-rimee irraa qofa ka'uudhaan kan barreeffame osoo hin taane bu'aawwan adeemsaan argamanirratti hundaa'uun bilchaachaa, bal'achaafi sirreeffamaa barreeffamuu isaa eeeaniiru.

Seenaa Itoophiyaafi Afrikaa keessatti mootummoonni haala Bulchiinsa isaanii ilaalchisee sana qopheessan akka hin argine dubbachuun, 'Mootummaan Ida'amuu' isa adda dureefi fuulduraaf kallattii agarsiisuu malu akka ta'ellee ibsaniiru.

Yaadamni kitaaba Mootummaa Ida'amuu sadarkaa nama dhuunfaa, Gareefi Dhaabbileetti kan raawwatamuu danda'u ta'uus himaniiru.

Address

Beyon Goro Street
Dire Dawa

Telephone

+251915039254

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dire News posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category

Madda Oddeefannoo Dhugaa

Madda Oddeefannoo Dhugaa