21/12/2025
Miidhaa dubartootaf da’immaan irra gahuu hambisuuf namni kamuu gahee qaba.
Muddee 12/2018, Kutaa Magaalaa Dhibaayyuu Aanaa Horaatti Mariin Hubannoo fi balaaleefannaan miidhaa Dubartootaf Da’immaan irra gahu mariin tasiifameera. Mariin Paanalii kun Dhaadannoo"Miidhaa Dubartoota fi Da’imman irraa gahuu haa dhaabbatu" jedhuun kabajameera! Sagantaa kana irratti Poolisiin, qaamoleen hawaasaa akkasumas hooggansi kan argaman yoo ta'u marii bal'aan taasifameera!
Dabataan ammoo mariin misoomaa fi nageenyaa kan gaggeeffame yoo ta'u hanqinoota akkaataa furuun danda'amuu fi ciminoota itti fufsiisuun danda'amu irratti hawaasa waliin marii bal'aan gaggeeffamuun goolabameera!