Ibrahim Ademo

Ibrahim Ademo Barnoota fayyaa

  Qaroomaa, Sammuu Namoota doomaa! #Jaarraa 21ffaa kana Namoonni Addunyaa kanarra jiran hundi bara qaroomaa fi Teeknoolo...
07/06/2026

Qaroomaa, Sammuu Namoota doomaa! #
Jaarraa 21ffaa kana Namoonni Addunyaa kanarra jiran hundi bara qaroomaa fi Teeknoolojiitti hubatu.

Garuu jaarrichi Jaarraa;_
1. Gara jabummaan itti daangaa dabre namni siyaasaafi bu'aa tiqqaaf jecha akka horiitti wal gorra'u tahe.

2. Bara dubartiin saalfii dhiiftee akka re'eetti qullaa deemtu tahe Yoo intala sodaa Rabbii qabdutaatemalee.

3. Bara dhugaan haqa dhabee haqni sobaaf daboo shiraa bahu tahe.

4. Bara doofummaan mana hayyootaatti galee beekkomsi Mana wallaaltotaatti haara galfatu tahe Yoo Mana warra haqa Rabbiifi namaa eegu taate malee.

6. Bara namni qaroo dhabeessi waan fagoo jiru nama qaroo qabu caalaa argu tahe.

7. Bara Abbootiin qabeenyaa akaahii nyaachaa hiyyeessaafi durriyyeen kitfoo fi xibsii muratu tahe.

8. Bara namni amaanaa biyya eeguu fudhatee Amaanaa nyaachuu bira darbee nama haqaaf mirga namaa gaafatu yakkaan farraju tahe.

9. Bara namni fayyaa fakkaatu maraatee Maraatuun fayyaa caalaa waa qaanfatuu fi beeku tahe Yoo nama Rabbiin qajeelche tahe malee.

10. Bara namni Seenaa nama du'ee faarsuu malee namni Seenaa hojjetu dhabamu tahe. Yoo Aalima Rabbiif if kennee Diin Rabbii barsiisu tahe malee.

11. Bara namni hundi garee ana malee jaaratee hayyuu fi ogeeysa biyyaa qumaara siyaasaaf galaafatee garee kaanitti quba qabu tahe.

12. Bara Sobni badhaafamee dhugaan hidhaa bulu tahe.

13. Bara haadhaaf Abbaan ilmoo isaaniin doorsifaman fi wareegaman tahe.

14. Bara firaafi hiriyaan diina hamaa huccuu jalaa tahee wal nyaatu tahe.

15. Bara Abbootii Amantaa biraa amanamummaan badee wallaalaan amaanaa tiiysu tahe Yoo nama aqiidaa qulqulluu kan karaa salafaa qarrinfaan qabatee jiru tahe malee.

16. Bara hunduu wal abaaree wal xiqqeeysuu fi wal tuffachaa jiraatu tahe Yoo nama Rabbiif jecha waljaalate tahe malee.

Meeree qaroominni. kan.agartan naaf himaa mee.


Meeree barri qaroomaa.

Bara komachuu dhiifnee Towbaa gara Rabbii haa deebinuu. Rabbiin hidaayaa nuuf haa kennu.

11/05/2026

Rabbiin Karaa ifiif Jaalatu irra nu haa buusu. Warra duniyaa fi Aakhiratti milkaahu nu haa godhu.

25/02/2026

Sammuu gaarii qabaachuun qabeenya guddaa qabaachuu caalaa boqonnaa gaarii siif kenna.

08/01/2026
29/12/2025

Enjoy the videos and music you love, upload original content, and share it all with friends, family, and the world on YouTube.

Address

Ambo
Ejaji

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ibrahim Ademo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share