Never Give Up

Never Give Up Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Never Give Up, Digital creator, Ejersa Goro.

With Kasim Mld Adem – I'm on a streak! I've been a top fan for 5 months in a row. 🎉
20/02/2026

With Kasim Mld Adem – I'm on a streak! I've been a top fan for 5 months in a row. 🎉

With Yeroon Siif Haa Dhiistu – I'm on a streak! I've been a top fan for 15 months in a row. 🎉
08/02/2026

With Yeroon Siif Haa Dhiistu – I'm on a streak! I've been a top fan for 15 months in a row. 🎉

28/01/2026

Adii uffannee Adii dubbanna ; Aadaan teenya eenyummaa keenyaa ittiin boonna yeroo kamiyyuu 💚

Buusaa Gonofaa —Imala Gara Humna Misoomaa AmansiisattiHaaromsi aadaa keenyaa, humna ganamaa aadaa san keessa jiru iddoot...
28/01/2026

Buusaa Gonofaa —Imala Gara Humna Misoomaa Amansiisatti

Haaromsi aadaa keenyaa, humna ganamaa aadaa san keessa jiru iddootti kan deebisudha. Kanaaf humnoonni waloo akka Buusaa Gonofaa Oromiyaa fakkeenya guddaadha. Aadaan ummataa kun haaromee sirnoomuu isaatiin, gargaarsaa olitti deemuun humna misoomaa ta’uuf yeroo irraa hinfudhanne.

Deeggarsa yeroo cinaatti, aadaa hojii jajjabeessufi amala hirkattummaa hambisuun humna hawaasaa baldhaa gara oomishtummaatti deebisaa jira. Bara omishaa kana qofa yaadama ‘hirkattummaarraa gara oomishtummaatti’ jedhuun lafa hekt. kuma 11’tti dhiyaatu qotuun callaa kuntaala kuma 380 ol eegaa jira.

Kana malees, sagantaa dhiyeessii nyaata barataa naannichaa barattoota mil. 7.3 ol hammate keessattis humna amansiisaa ta’ee tajaajilaa jira. Bara kana qofa lafa hekt. kuma 17’fi 200 nyaata barataaf oolu qotee sassaabaa jiruun, callaa kuntaala kuma 400 dhiyaatu akka argamu eegama.

Gama mekaanaayizoomsafi kurfeessa omisha qonnaatiinis fakkeenya ta’ee bahuuf kan yeroo irraa fudhatuu miti. Tiraaktarootafi kombaayinaroota qabuun, ofirraa hafee qonnaan bultoota keenya cinaa dhaabbachaa jira. Invastimantii kurfeessa omisha qonnaa horata isaa baay’isuuf jalqabaa jiruunis, ce’umsa qonnaa akeeknef faana akka gadi dhiisu hinshakkamu.

Walumaagalatti, humni ummataa gama Buusaa Gonofaatiin sirnoomee muldhate kun, galmoota qabsoo Oromoo sadanuu utubuu irratti argama:
1. Ummata dinagdeen aangomsuu;
2. Dhaloota saayinsiifi teknolojiin dorgomaa ta’e umuu; fi
3. Sirna ummataawaa ijaaruu.

Carraa kanaan, ummata keenya wareegama olaanaan aadaa boonsaa kana nuuf tursiise, akkasumas har’a erga sirnoomeen boodas waliin dhaabbachuun gara humna misoomaa amansiisatti ceesise kana maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada.

Click here to my advisor
21/01/2026

Click here to my advisor

Channel • 0 followers • Joining

With Kasim Mld Adem – I'm on a streak! I've been a top fan for 4 months in a row. 🎉
21/01/2026

With Kasim Mld Adem – I'm on a streak! I've been a top fan for 4 months in a row. 🎉

United States of African Birr
21/01/2026

United States of African Birr

Waancaan Afrikaa taateewwan dinqisiisoon dabalame olaantummaa Seneegaaliin xumurame.Waancaan Afrikaa 35ffaan qopheessumm...
19/01/2026

Waancaan Afrikaa taateewwan dinqisiisoon dabalame olaantummaa Seneegaaliin xumurame.

Waancaan Afrikaa 35ffaan qopheessummaa Morookootiin magaalota Morookoo garagaraa keessatti adeemsifamaa ture kaleessa Shaampiyoonummaa Senegaaliin goolabame jira.

Gareen Biyyaaleessa Senegaal Leenconni Terangaa garee biyyaalessa misraa mo'achuun xumuraaf yoo dhaqqabu, gareen biyyaalessa Morookoo leenconni Atilaas garee biyyaaleessa Naayjeeriyaa moo'achuun xumuraaf dhaqqabe.

Tapha xumuraa waancaa Afrikaa 35ffaa Magaalaa Raabaat Istaadiyeemii Mootii Moolaay Abdallaa irratti Morookoo fi Seneegaal jiddutti adeemsifameen diraamaan seenaa kubbaa miilaa Afrikaa keessatti yeroo hundaa dubbatamu umame.

Gareen biyyaalessa Senegaal Leenconni Terangaa kan Paap Tiyaawu'n leenji'u waancaa isaa 2ffaa injifachuuf staadiyeemii Molaay Abdallaa yoo seenuu, gareen biyyaalessa Morookoo leenconni Atilaas kan Walid Reegraaguwiin leenji'us waancaa isaa 2ffaa injifachuuf istaadiyeemii seene.

Paap Tiyaawu taphicha injifachuuf Eduwaard Meendii goolii eegaa, Antoonii Meendii, Mohammaduu Saarr, Muussaa Nayaakeet, Maalik Di'uuf taphattoota sarara ittisaa, Lamin Kamaaraa, Geey fi Paap Geey utubdoota sarara jidduu, Ilimaan Daayee, Nikolaas Jaaksan fi Saadiyoon Maneen jifattoota garee biyyaalessa Senegaal taasisuun tooftaa taphaa 4, 3, 3 dirree morkii seene.

Leenjisaan Morookoo Walid Reegraaguwii Yaasin Boonoo gooli eegaa, Maazaraawi, Maasinaa, Guerd fi Ashraf Hakim Ittistoota leencota Atilaas, Neeyil Aynaawii, Abdee Ezzalzuwaali, Ismaa'il Saaybaarii, Bilaal El-Kannuus, Brahim Diyaas, taphattoota saraa jidduu, Ayyuub El-Kaabii jifataa taasisun tooftaa tapha 4, 1, 4, 1 dirree seene.

Taphni biyyoota lamaan jiddutti adeemsifame hanga daqiiqaan 90 xumuramutti tapha sadarkaa kubbaan miilaa Afrikaa dhaqqabde kan mul'isee fi tapha hawwataa ture. Daqiiqaa 90 guutuu goolii malee kan xumuran biyyoonni lachuu, abbaan murtee daqiiqaa 8 dabale.

Seneegaaliif daqiiqaa 92ffaa irratti Ismaa'ilaa Saar goolii galche. Garuu abbaan murtee lammii 'DR' Koongoo, 'Jiyaan Indaalaa' balleessaan Ashiraaf Hakiimii irratti raawwatame jechuun goolii Seneegaal 'VAR' osoo hin ilaalin haqe.

Morookoon rukuttaa rogaa argattee, yeroo kubbichi dhiitamu, taphataan Seneegaal Maalik Di'uuf, sanduuqa peenaalitii keessatti kan Morookoo, Braahim Diyaaz harkisee lafaan dhahe. Abbaan murtee 'VAR' ilaalee daqiiqaa 90+8 irratti Morookoof peenaalitii kenne.

Daqiiqaa 102 irratti mormii dheeraa booda leenjisaan garee biyyaalessa Seneegaal Paap Tiyaawun, taphattoota isaaniin dirree gadhiisaa bahaa jedhee waame. Sadiyoo Maanee irraa kan hafe, taphattoonnis ajaja isaa fudhatanii gara kutaa hidhannoo deeman.

Sadiyoo Maaneen duubatti hafee leenjisicha waliin erga mari'atee booda, daqiiqaa 121 irratti taphattoota Seneegaal waamee dirretti deebise.

Daqiiqaa 124 irratti peenaalitii Morookoon argatte, balleessan kan irratti raawwatameefi dorgommii kanaan goolii shan kan galche Biraahim Diyaaz rukute. Inni bareecha galchuuf jedhee Paaneenkaa tooftaa jedhamuun dhiitee goolii eegaa Seneegaal Iduwaardi Meendiif harkumatti kenne.

Akkuma Peenaalitiin rukutameen abbaan murtee tapha xumuruun biyyoonni lamaanuu goolii malee xumurani taphni gara daqiiqaa dabalataa cee'e.

Biyya moo'atu adda baasuuf daqiiqaa 30 dabalame. Taphataan kilaba Ispeen Vilaariyaalif taphatu Paap Geey daqiiqaa 94ffaa irratti Seneegaaliif goolii galche. Deeggartoonni Morookoo Istaadiyeemii Molaayi Abdallaa namoota 69,500 qabatutti argaman gaddaan liqinfaman.

Walumaagalatti tapha daqiiqaa 157 fudhateen Seneegaal goolii 1 fi 0'n qopheessituu dorgommichaa Morookoo injifachuun yeroo 2ffaa shaampiyoonii Afrikaate.

Sadiyoo Maaneen kubbaa miilaa Afrikaafi biyya isaa Seneegaal kan baraare taphataa cimaa waancaa Afrikaa bara kanaa yoo ta'u, Yaassin Boonoon Morookoo irraa gooli eegaa cimaa ta'un Giloovii Warqee badhaafame. Brahim Diyaas taphataa goolii heddu galche ta'uun kophee warqee yoo fudhatu, Seneegaal waancaa 35ffaa biyyoonni Afrikaa 24 irratti wal dorgomaa turan injifachuun shaampiyooni taate.

Walmorkiin saa'atii 3f ture kun hokkoraawwan garagaraan kan guuttame yoo ta'u, taatee waancaa Afrikaa hin irraanfatamne ta'ee galmaa'ee jira.

Taphaan booda leenjisaan Morookoo Waalid Reegraaguwi, ''gochaan Senegaal kan nama qaanessudha, waan Afrikaa kabachiisu miti,'' jedhe.

Leenjisaan Senegaal Paap Tiyaawu, ''Walii hingalle. Waan mudate hundaa tokko tokkoon ibsuu keessa hin galu. Garuu deeggartoota kubba miilaa dhiifaman gaafadha'' jedhe.

''Erga irratti dubbannee akka deebi'anii galanii taphatan godheera. Yeroo muddama akkasiitti miira keessa galtee dubbachuu dandeessa. Dogogora murteessaa fudhanneerra, akkas gochuu hin qabnu ture. Amma erga tahee ammo dhiifama gaafanna,'' jedhe.

Yeroo Leenjisaan Senegaal taphattoonni akka dirree bahan ajaju deeggartoonni Senegaal hokkora kaasuun wantoota garagaraa dirree keessatti darbataa turan.

Urjiin kubbaa miilaa Afrikaa fi Seneegaal Saadiyoo Maneen ''Kubbi miilaa waanuma addaati. Addunyaa guutuun nu daawwataa ture. Kanaaf kubba miilaaf ilaalchaa fi maqaa gaarii kennuu qabna, osoo deebinee hin taphanne tahee maraatummaadha ture. Rukuttaa peenaaliitii kennamee nuyimmoo dhiisnee bahuumo? Akkan yaadutti gochaan akkasii kubba miilaa Afrikaa keessatti gochaa badaa tahee galmaa'a ture. Kubba miilaa keenya keessatti waan akkasii mudachuu isaa irra mo'amnee bahuu keenyan filadha'' jedhe.

Karra eegaan Senegaal Eduwaardoi Mendiin ''haala Saadiyoo Maaneen Senegaal itti gaggeessee fi dirreetti deebisee waancaa Afrikaa lammaffaa akka mo'annu nu godhe hedduu na boonseera,'' jedhe.

''Waan walitti himne nu gidduutti haa hafu. Walumaan waan goonu goone, walumaan dirreetti deebinee taphanne. Ofitti boonna'' jedhe.

Taphataan duraanii Naayijeeriyaa Ifaan Okookuu, balleessaa taphataan Senegaal hojjetee peenaaliitiin kenname sun of eeggannoo kan hin qabne ture. Diyuuf balleesseera. Murtoon murteessaa kabajamuu qaba ture jedhe.

Joon Obii Mikeel tapha dhiisanii bahuu isaanii hin deeggarre. Garuu miira isaanii nan hubadha jedhe.

Gareen Biyyaaleessa Senegaal Leenconni Terangaa Shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 35ffaa ta'uu hordofee Mootummaan Seneegaal har'a akka biyyaaleessattii guyyaa injifannoo labsuun kabajaa jiru.

Address

Ejersa Goro

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Never Give Up posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share