27/10/2025
itti aanu (Onkoloolessa 27-Sadaasa 02/2025) dhufutti, godinaalee waqtii isaanii ta'e, Booranaa, Booranaa Bahaa, Gujii, Gujii Lixaafi Gammoojjii Baalee irratti, roobni hammaan salphaa hanga gidduugaleessaa ta'e akka itti fufu ni eegama. Akkasumas, godinaalee waqtii gannaan oomishaan, kan akka Wallagga arfan, Iluu Abbaa Booraafi Bunnoo Baddallee irrattis darbee darbe roobni salphaa hanga g/galeessaa akka jiraatu ni'eegama. Haalli midhaan kaafamee faca'ee jiruufi sababa adda addaatiin duubatti harkifamee facaafameef gaarii yoo ta'u, oomisha sassabbiifi gahee jiru irratti miidhaa mataa isaa qaba.
Karaa biraatiin, godinaalee , Arsii laman, Harargee lamaniifi Baalee Bahaa irratti amala waqtii bonaa qilleensa gogaa, aduufi darbee darbee duumessaa akka turu ni'eegama. Haali kun immoo sassabbii oomishaa dursee gahee jiruuf gumacha olaanaa qaba.