Bubbee Salaalee

Bubbee Salaalee All about Oromia

06/10/2023

⭕️BAGA AYYAANA IRREECHAA WALIIN GEENYE‼️

AYYAANNI KAN TOKKUMMAA FI HAAJAAN ITTI NUUF GUUTU YAA TA'U ‼️
©️BubbeeSalaalee

04/10/2023
⭕️Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo, Harargee galma Agamtii😍Ammas irra deebiin, Waaqeffattoonni hundi Baga Nagaan Gee...
30/09/2023

⭕️Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo, Harargee galma Agamtii😍

Ammas irra deebiin, Waaqeffattoonni hundi Baga Nagaan Geechan‼️

Dhaloota Ofta'e‼️
©️BubbeeSalaalee

⭕️Jaarraa akkasii kana jalas hinuma lufne,kan ammaa tuni salphoo dha.Wal dhaggeeffachuu qofa barbaada‼️©️BubbeeSalaalee
29/09/2023

⭕️Jaarraa akkasii kana jalas hinuma lufne,kan ammaa tuni salphoo dha.

Wal dhaggeeffachuu qofa barbaada‼️
©️BubbeeSalaalee

18/09/2023

⭕️ Nuti Oromoon Sanyii lolaan dalallii irra facaate miti. Qoorri Onkoloolessaa nun yaaddessu, Shimbirroon karaa deemtus galaa nun godhattu‼️
©️BubbeeSalaalee

17/09/2023

⭕️Nama wallaalummaa isaan ykn kan biroon ofirraa dhiibaa, balaaleffachaa, diina jechaa,.....warraaqsuu ykn Mobilize/ofduuba hiriirsu irra hiraarsa fi hirrisaa; Sabni ykn Sirni ykn biyyi ykn jaarmiyaan ijaarramu tokko hin jiraatu.

Barichi murannoo fedha. Barichi beekumsa barbaada. Barichi tooftaa ammee barbaada. Barichi dandeetti rakkoo wal xaxaa yeroo yeroodhan bifa jijjiratee dhufu furaa adeemuu gaafata. Walumaagalatti galma mataa qabu tolchuuf mataa mataa qabu barbaachisa. Mataa mataa qabutu humna qaama isaa hunda qindeessee altokkotti itti fayyadamuu danda'a. Yoo kana hin taane ,Mataa qaama tokko adda qoqqoodee itti fayyadamuu fedhu, tiifuutu Yandoo itti ta'a,cabbii fi bakakkaa itta fakkaata. Bishaan fuula ittiin dhiqatetu galoo ta'ee fudhata.

Galmi daandii kaleessas,dheengaddas,bara anchaantus,bara duriis irra deemanii qaqqabuu dadhaban,ammas bifuma saniin deemanii raajiin ittiin gahamu hin jiraatu. Tarii osuma deemtu gufuun lafa si buusa, ykn dulloomtee obbaata. Aangoo gubbaa illee yoo jiraate, seenaa ittiin abaaramtu malee seenaa ittiin eebbifamtu tokko osoo hin qabaatin, duuti teessoo gubbaa dha si gaggeessiti.

Milkiin hawwanii ykn odeessanii qofa dhufu hin jiraatu. Waan harkaa qaban, mataa haga samii qindeessanii, haala jijjiiramaa waliin tarkaanfatanii, sammuu dursee hubatu gabbisaa Irree dafee rakkoo qolatu ijaaraa adeemu. Yoo san taate,galma gahuun illee yoo hafe,milkiin kaayyoo fi karooraa illee yoo hafe, seenaa ija sabaa fuulduraatti,dhaloota boruu biratti nama hin qaanessine dalaganii darbuun danda'ama. Biyyaafis oolma xiqqoo akka ija xaafii taatus gumaachanii darbuun ni danda'ama.

Dilbata Dilbii qabaadhaa ‼️
©️BubbeeSalaalee

14/09/2023

⭕️Hojiin Teeleedhaf galte. Sirba qabsoo fi kan miseensoti W-B-O sirban osoo hin hafin carraa sagalee waamichaa godhachuu namaf laata. Ji'aan qarshii 5 nama irraa sassaaba. Namoota sirba akkasii filatan immoo,bifa barbaaden addaa baasuu danda'u. Siyaasa jechaan akkasi. Dhaqaa fi gala muruu‼️
©️BubbeeSalaalee

02/09/2023

⭕️Gugguban malee Eelee hin sileessani,Yaa Shiibirree too yaa intala jaarsaa,
Rakkatan malee dhiiratti hin dheessani...jennee sirbina dur
©️BubbeeSalaalee

Address

Oromia
Fitche
304

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bubbee Salaalee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Bubbee Salaalee:

Shortcuts

Share