Oromia Global News Network - OGNN

Oromia Global News Network - OGNN Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia Global News Network - OGNN, Media/News Company, Oromia, Fitche.

Ityoophiyaatti dabalataan namoota 95 irratti vaayrasiin koroonaa argameQorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 95 irratti va...
30/05/2020

Ityoophiyaatti dabalataan namoota 95 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 95 irratti vaayrasiin koroonaa argamu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan laabraatoorii samuudaa 5034 hojjetameera.

Vaayrasichi namoota 95 argamuu mirkanaa'era.

Namoonni 30 seenaa imala biyya alaa qabu .

Namoonni 4 namoota vaayrasichaan qabamaniin tuttuqqaa qabu.

Namoonni 61 ammoo tuttuqqaas ta’e seenaa imala alaa kan hin qabnedha.

Namoonni 56 magaalaa Finfinneedhaa.

Namoonni 3 naannoo Tigiraay.

Namoonni 5 naannoo Amaaraa.

Namoonni 3 naannoo Hararii.

Namoonni 2 magaalaa Dirre Dawaa.

Namoonni 3 Naannoo Somalee.

Namoonni 22 naannoo Oromiyaa.

Namni 1 naannoo Afaarii ta’uu himameera.

Koorniyaadhan dhiirri 71 yoo ta’an, dubartoonni 24.

Umriin isaanii waggaa 15 hanga 80 ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Namoonni 94 lammiilee lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an namni 1 lammii Hindiiti.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 1063 ga’aniiru.

Haaluma kanaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasichaan lubbuu isaanii dhaban 8 ga’aniiru.

Namoonni haaraan 11 vaayrasicharra dandamataniiru.

Waliigalaan namnoonni 208 dandamataniiru.

Vaayrasichi Ityoophiyaatti argamuun ega ibsamee eegalee qorannaan samuudaa namoota 106,615 gaggeeffameera.

ባለፉት 24 ሰዓት ውስጥ በተደረገው 5034 የላብራቶሪ ምርመራ ዘጠና አምስት (95) ሰዎች የኮሮና ቫይረስ ተገኝቶባቸዋል፡፡ በአጠቃላይ በሀገራችን ቫይረሱ በምርመራ የተገኘባቸው ሰዎች ቁጥር አንድ ሺህ ስልሳ ሶስት (1,063) ደርሷል፡፡

በሌላ መልኩ በትላንትናው ዕለት አስራ አንድ (11) ሰዎች (ሁለት ከትግራይ ክልል እና ዘጠኝ ከአፋር ክልል) ከበሽታው ያገገሙ ሲሆን በአጠቃላይ በሀገራችን ከበሽታው ያገገሙ ሰዎች ቁጥር ሁለት መቶ ስምንት (208) ነው።

Moosaa Faakii: Dura taa'aan Komiishinii Gamtaa Afrikaa ajjeechaa Joorji Filooyid balaaleffatanDura taa'aan Komishinii Ga...
29/05/2020

Moosaa Faakii: Dura taa'aan Komiishinii Gamtaa Afrikaa ajjeechaa Joorji Filooyid balaaleffatan

Dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamat ajjeechaa Ameerikaatti nama gurraacha irratti raawwate balaaleffatan.

Muusaa Faakii ajjeechaa qaama seera kabachiisuun Joorji Filooyid irratti raawwatame hadheessanii balaleffatani, gadda guddaa isaanitti dhagahames ibsuun maatii fi jaallattoota isaaf jajjabina hawwaniiru jedha ibsi AU.

Joorji Filooyid Wiixata darbe kan du'e yoo tahu viidiyoon waraabame akka agarsiisutti poolisiin adiin tokko morma isaa irra jilbeenfatee inni ammoo jalaa afuura baafachuu hin dandeenye jechaa ture.

Komishinarichi maal jedhan?

Yaa'ii bara 1964 yeroo sana Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa jedhamuun waamamu kan har'a Gamtaa Afrikaa jedhamu dhimma qoollifannaa fi cunqursaa Ameerikatti gurrachota irratti raawwatu akka hiikamu taa'ame yaadachiisaniiru.

Yaa'ichi Masirii magaalaa Kaayirootti kan gaggeeffame yoo tahu dureewwan biyyoota Afrikaa qoollifannaa fi miidhaa Ameerikaatti lammiilee gurraacha irra dhaqabu furamuu akka qabu mari'atanii ture.

Ammas gaggeesitootni Afrikaa miidhaa fi ajjeechaa gurraachota Ameerikaa irra dhaqqabu cimsanii akka balaaleffatan himaniiru.

Aanga'oonni Ameerikaa loogii sababa sanyii ykn sabummaattiin gurraachotarra gahu dhabamsiisuuf carraaqqii taasisan akka jabeessanis gaafatanii jiru.

Ajjeechaan poolisiin Ameerikaa lammilee gurraachotaafi saboota biyyattii kees

Qorannoon Maal jedhaa?***********************Qulluubbii adiin afaan ingiliffaan “Garlic” maqaa saayinsaawaan ammoo “Alli...
28/05/2020

Qorannoon Maal jedhaa?
***********************
Qulluubbii adiin afaan ingiliffaan “Garlic” maqaa saayinsaawaan ammoo “Allium sativum L.” jedhamu, mataasaa danda'ee akka qorichaatti dhukkubootaaf kennamuu baatus, qorannoowwan baay'ee irratti dhibeewwan tokko tokkoof yaala kennamu irratti akka dabalatatti akka gargaaru ibsama. Kanneen keessaa muraasni:
***********************
1. Dhiibbaa dhiigaa fi koolesteroolii irratti: qorannoowwan keessumaa biyya jaappan keessatti geggeefaman irratti, dhiibbaa dhiigaa olka'e fi kolesteroolii qaama keessaa dhukkuboota adda addaaf nama saaxilu akka gadi buusu himu.
2. Kaanserii ittisuu irratti: Bara 1990 dhaabbanni kaanserii biyyoolessaa Ameerikaa (U.S National cancer institute), gosoota nyaataa keessaa kanserii ittisuu keessatti nyaanni ga’ee ol’aanaa qabu kam akka ta’e adda baasuuf qorannaa geggeessanii, dhuma irratti qullubbii adiin kanneen biroo irra dhukkuba kaanserii ittisuuf ga’een inni qabu ol'aanaadha kan jedhuun xumuran.
3. Dhukkuba sukkaaraa: dhukkuba sukkaaraa keessatti Qullubbii adiin qaamni dhala namaa haala gaariin akka hormoonii insuuliinii fudhatu godha.
4. Tiruu keemikaala addaa addaan miidhame akka dandamatu gochuu keesatti ga’ee gaarii taphata.
5. Amala lubbu qabeeyyii akka baakteeriyaa fi pirootozowaa ajjeesuu waan qabuuf yaalaa infeekshinoota addaa addaa kessatti ni gargaara.
***********************
Miidhaa akkamii qabaachuu malaa?
1. Laphee gubaa (heart burns).
2. Foolii qaamaa fi afaanii balleessa.
3. Daa'imman xixiqqoof hin gorfamu.
***********************
Fayyaan Faayaa.
Dr Gurmeessaa irraa

Ameerikaa Kutaa Biyyaa Miniyaapoolisiitti, namoonni gocha ajjeechaa nama gurraacha irratti raawwate mormuun bahaniifi po...
28/05/2020

Ameerikaa Kutaa Biyyaa Miniyaapoolisiitti, namoonni gocha ajjeechaa nama gurraacha irratti raawwate mormuun bahaniifi poolisii gidduutti guyyaa lammaffaaf walitti bu'insi itti fufeera.
____________________//______________
Lamiin Ameerikaa gur'aacha ta'e poolisiidhaan mormarraa jilbeeffatamuun ukkaamfanee du'e nama harki duubatti hidhamee tureefi meeshaa hidhatee hin turredha.

Namoonni morniidhaaf bahan poolisiitti dhagaa darbannaan poolisiin ammoo gaazii imimmaaneessaa itti dhukaasaaa oolan. Manneen daldalaas saamamuun dhaga'ameera.

Joorji Filooyiid gaheessa waggaa 46 yoo ta'u, guyyaa Wiixataa osoo inni 'maaloo haruufa baafachuu dadhabe' jedhee kadhatuu akkuma harki isaa duubatti hidhameen poolisiin adii mormasaarra jillbeeffatee akka ajjeefame viidiyoon mullisu qoodamee ture.

Gochicha raawwataniiru kan jedhaman poolisoonni afur hojiirraa ari'amaniiru. Kantiibaan bulchinsichaa gochicha balaaleffachuun gurraacha ta'uun ''murtee du'aa miti,'' jedhaniiru.

Walitti bu'iinsi mormitootaafi poolisii Roobii kunis kan akka haaraatti umamee, erga kantiibaan magaalichaa miseensa poolisiichaarratti himannaan yakkaa haa banamu jedhee sa'aatiiwwan muraasaan booda ture.

Bakka hiriirri mormii gaaggeeffametti hanniifi qabeenyaa barbadeessuun kan raawwatame yoo ta'u, gamoonis ibidaan gubateera.

Taateen kun ajjeechaa Eriik Gaameer kan bara 2014 keessa Niiw Yoorkiitti poolisiin raawwatame yaadachiise.

Ajjeechaan sunis gara jabeenya poolisoonni agarsiisan kan dheekkamsa kaasisee ture yoo ta'u, 'Sochii Lubbiin Gurraachaa Nu Galcha' jedhuuf ka'umsa qabsoo uumeera.

Namoota beekamoofi ateletoota kan akka Joon Booyegaa, LeBron Jeems, Beyoonseefi Justiin Biber dabalatee, gocha jibba sanyii kanrratti dheekamsa isaanii ibsaniiru.

Mormiin attamiin itti fufee?

Mormiin kutaa biyya Miniyaapooliis keessatti gaggeefamu guyyaa Kibxataa sa'aa boodee eegale. Hiriirrichis kan eegale erga namoonni dhibbaan lakkaa'aman bakka namtichi itti ajjeefameetti wal gahanii booda ture.

Qindeessitoonni moriimiichaa garuu durarratti haala nagaa qabeessa ta'eefi koronaavaayirasiif jecha walirraa fageenyi haaluma eegameen akka gaggeefamuuf yaadanii ture.

Namoonni ajjeefamuu lammii Ameerikaa gurraachaa mormuuf bahan poolisii waliin walitti bu'an
Mormiitoonnis dhaadhannoo ''afuura baafachuu hindanda'u'' fi ''Ana ta'uu danda'ayyuu'' jedhu qabatanii deemaa turan.

Namoonni dhibba hedduun lakkaa'amanis gara bakka poolisiin ajjeechaa raawwate jedhame sun ni hojjata jedhameetti qajeelaa turan.

Mormii halkan guyyaa lamaffaatiif itti fufeen namoota hiriiraaf bahan keessaa tokko tokkoos dhagaafi wantoa harkaa qaban poolisooa gaaza imimmaanessu itti dhukaasaa turanitti daddarbaachaa turan.

Alkan guyyaa lamaaffaa ammoo namoonni hiriiraa bahaan gara kuma hedduuttti baayyataa dhufan. Isaanis fuldurra buufata poolisii dhaabbachuun dheekkamsa isaanii dhageessisaa turan.

Jiddugalli daldalaa dhiheenyatti argamuus barbadaa'eera. Akkasumas, namoonni meshaa hatanii wayita fiigan mullataa ture.

Dhaabbanni daldalaa kan biroo ammoo gutummaan guutuutti kan barbadaa'an yoo ta'u tokko, ibiddi itti qabatee mullataa ture.

''Mormiin harraa kan halkaan duraatiin baayyee addaa,'' jechuun dubbi himaan pooliisii Niiw Yoorki Taayimsitti himeera.

Kaantiibaa Miniyaapooliis Jaakoob Fireeyiin erga mormii booda deegarsa garee biyyaaleessaa gaafatan.

Isaan duras: ''Hiriira naga-qabbeessa ta'ee gaggeeffachuu ni dandeenya. Garuu nagaan jiraattoota magaalaa keessa jiraatanii eeguu narra jiraata,'' jedhee ture.

BB Afaan Oromootu gabaase.

Ammallee lakkoofsi namoota vaayirasii koronaatiin qabaman gar-malee dabalaa waan jiruuf of eeggannoo cimaa haa taassifnu...
28/05/2020

Ammallee lakkoofsi namoota vaayirasii koronaatiin qabaman gar-malee dabalaa waan jiruuf of eeggannoo cimaa haa taassifnu.
↪ Harka keenya Saamunaa dhan sirriitti haadhi qabnu
↪ Yeroo hunda fageenya keenya haa eegan nu
↪ Hamma danda'ametti mana keenya haa teenyu.

ከፍተኛ የትምህርት ተቋማት የሁለተኛ እና የሦስተኛ ዲግሪ ተማሪዎቻቸውን ትምህርት ማስጨረስ ጀመሩ_______________________//__________________በኮቪድ-19 ወረርሽኝ ምክን...
28/05/2020

ከፍተኛ የትምህርት ተቋማት የሁለተኛ እና የሦስተኛ ዲግሪ ተማሪዎቻቸውን ትምህርት ማስጨረስ ጀመሩ
_______________________//__________________
በኮቪድ-19 ወረርሽኝ ምክንያት የሁለተኛ እና ሦስተኛ ዲግሪ ትምህርት በቴክኖሎጂ በመታገዝ ትምህርቱን እንዲከታተሉ እና ከአማካሪዎቻቸው ጋርም የሚገናኙበት ምቹ ሁኔታ በመኖሩ ትምህርታቸውን ማጠናቀቅ ጀምረዋል።

በሳይንስ እና ከፍተኛ ትምህርት ሚኒስቴር የአካዳሚክ ጉዳዮች ዳይሬክተር ጀነራል ዶ/ር ኤባ ሚጀና፣ የምረቃ ሥነ ሥርዓቱ ባይኖርም ጅማ እና ሐሮማያ ዩኒቨርሲቲዎች ተማሪዎቻቸውን ትምህርት ማስጨረስ መጀመራቸውን ጠቅሰዋል።

ሆኖም ግን ትምህርታቸውን የማይጨርሱ ተማሪዎች እንደሚኖሩም ጠቁመዋል።

ተማሪዎቹ ትምህርታቸውን ለመጨረስ የቻሉት በተመቻቸው የቴክኖሎጂ የማስተማሪያ ዘዴ በአግባቡ መጠቀም በመቻላቸው እንዲሁም በተማሪው እና በአማካሪዎቻቸው ጥንካሬ እንደሆነ የጠቆሙት ዶ/ር ኤባ፣ የትምህርት ተቋማቱም በየጊዜው አስፈላጊውን ክትትል እና ግምገማ በማድረግ ውጤታማ መሆኑ መቻላቸውን አመልክተዋል።

የመጨረሻ ዓመት የመጀመሪያ ዲግሪ ተማሪዎችን በወረርሽኙ ምክንያት ባለመማራቸው፣ አንዳንዶችም የመጀመሪያ መንፈቅ ፈተና ባለመፈተናቸው በዚህ ክረምት ትምህርታቸውን የሚያጠናቅቁ ተማሪዎች አይኖሩም ብለዋል-ዶ/ር ኤባ።

ሆኖም የተማሪዎቹን ቀጣይ ሁኔታ በተመለከተ ወረርሽኙ ቢቆም መደረግ ስላለበት ሁኔታ በየሳምንቱ ከየትምህርት ተቋማቱ የትምህርት አመራሮች ጋር ግምገማ እየተደረገ እንደሚገኝ ተናግረዋል።

በወረርሽኙ ምክንያት ትምህርት እንዲቋረጥ ሲደረግ የትምህርት ተቋማት ተማሪዎቻቸው በቤታቸው የሚያነብቡአቸው የትምህርት ሰነዶች እንዲሰጣቸው የሚል አቅጣጫ ተሰጥቶ እንደነበርም አመልክተዋል።

ከዚህ ጎን ለጎን በተለያዩ የቴክኖሎጂ ዘዴ ተማሪዎችን ተደራሽ ለማድረግ ጥረት እየተደረገ መሆኑን እና ጥረቱ ተማሪዎች ጊዜያቸውን እንዲጠቀሙ እንጂ ወደሚቀጥለው የትምህርት ምዕራፍ እንዲያልፉ የሚረዳቸው እንዳልሆነ ገልጸዋል።

አሁን ባለው ወቅታዊ ሁኔታም ተማሪዎች በየትምህርት ተቋማቶቻቸው የሚላኩላቸውን ሰነዶች በማንበብ እንደሚቆዩ አስታውቀዋል።

የመጨረሻ ዓመት የመጀመሪያ ዲግሪ ተማሪዎች ደግሞ ከየትምህርት ተቋሞቻቸው የሚላኩላቸውን የትምህርት ሰነዶች እያነበቡ እንደሚቆዩ ከኢትዮጵያ ፕሬስ ድርጅት ያገኘነው መረጃ ያመለክታል።

ባለፉት 24 ሰዓት ውስጥ በተደረገው=4950   የላብራቶሪ ምርመራ  100 ሰዎች የኮሮና ቫይረስ ተገኝቶባቸዋል❗️በአጠቃላይ በሀገራችን ቫይረሱበምርመራ የተገኘባቸው ሰዎች ቁጥር 831  ደርሷል...
28/05/2020

ባለፉት 24 ሰዓት ውስጥ በተደረገው=4950 የላብራቶሪ ምርመራ 100 ሰዎች የኮሮና ቫይረስ ተገኝቶባቸዋል❗️

በአጠቃላይ በሀገራችን ቫይረሱ
በምርመራ የተገኘባቸው ሰዎች ቁጥር 831 ደርሷል፡፡

94ቱ ከአዲስ አበባ ከተማ የተገኙ ናቸው

🚨የዕለቱ ታማሚዎች የጉዞ ታሪክና በበሽታው ከተያዘ ሰው ጋር ያላቸው ግንኙነት ፦

• የውጭ ሀገር የጉዞ ታሪክ ያላቸው - 3

• በበሽታው ከተያዘ ሰው ጋር ግንኙነት ያላቸው -35

• የውጭ ሀገር የጉዞ ታሪክ እና በበሽታው ከተያዘ ሰው ጋር ግንኙነት የሌላቸው - 62

በሌላ መልኩ በትላንትናው ዕለት ሰዎች ከበሽታው ያገገሙ ሲሆን በአጠቃላይ በሀገራችን ከበሽታው ያገገሙ ሰዎች አስር

📌ተጨማሪ አንድ ሰው በቫይረሱ ህይወቱ አልፏል።

..............  ግንቦት 20 ........... ግንቦት 20 ስናከብር ያለፈውን ስህተቶች በመለየት የወደፊት አቅጣጫ በመቀየስ መሆን አለበት። 👉 ግንቦት 20 ለኦሮሞ ህዝብና ለሌሎች ...
28/05/2020

.............. ግንቦት 20 ...........

ግንቦት 20 ስናከብር ያለፈውን ስህተቶች በመለየት የወደፊት አቅጣጫ በመቀየስ መሆን አለበት።

👉 ግንቦት 20 ለኦሮሞ ህዝብና ለሌሎች ብሔር ብሔረሰቦች ያመጣው ትልቁ ድል እራስን በራስ የማስተዳደር እና ብሔሮች በራሳቸው ቋንቋ እንድጠቀሙ አስችሏቸዋል። ይህ የማይካድ ሀቅ ነዉ።

👉 ከዚህ በላይ ግን ግንቦት 20 በኦሮሞ ህዝብ ላይ ያመጣቸው አያሌ ጣጣዎችና ግፎች ተቆጥሮ የማያልቁ ናቸው።

ለማንኛውም ለጥሩም ሆነ ለመጥፎ እንኳን አደረሳችሁ።

Oduu Sinbirtuu/Breaking News Barattuu Yuunvarsiitii Finfinnee, Damee Xuqur Anbassaatti Digirii Lammaffaa kan taate barat...
27/05/2020

Oduu Sinbirtuu/Breaking News

Barattuu Yuunvarsiitii Finfinnee, Damee Xuqur Anbassaatti Digirii Lammaffaa kan taate barattuu kutaa laabraatorii keessatti duutee argamte. Odeeffannoon gara garaa akka eerutti barattuun kuni qorannoo barreefama eeba isheedhaf hojjachaa jiraachuu ishee eeran. Akka odeefannoon kuni eerutti reeffi ishee qorannoo olaanodhaaf fudhatamee jira jedhu.

Maatii, hiriyootaf firoottan ishee maraa dhaabbanni OGNN jajjabina hawwa.

Address

Oromia
Fitche
0000

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Global News Network - OGNN posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share