15/05/2026
🔴
Barattoonni Muslimaa University Finfinnee har'a rakkoo barattoota Muslimaa Shamarranii irra gahaa jiruuf gaaffii dhiheessuutti oolan. Naannoo 7:30 hanga halkan sa'aa 4:00 wal ga'anii gaaffii kana irra turan. Gaaffii mirgaa gaafachuutti jiru. Mirga hijaabaan barachuu barattoota dhorguun kun biyyatti fuulduratti gonkumaa waan ceesisuu miti.
Kan gaaffii namatti ta'u qaama mootummaa keessa taa'ee akka mootummaan hin filatamne irratti hojjatutu jiramoo maali?
Yeroo filannoon paartilee siyaasaa hudhatti qabee jiru kana keessa paartii badhaadhinaafi ummata Muslimaa wal lolchiisuu nama hojii manaa fudhate wahiitu jiraa?
Marii paartilee siyaasaa baay'ee yoon hordofee ilaalu hedduun isaanii Muslimaan faallaadha. Kaan baankilee Islaamaa cufuu, mirga shamarran Muslimaa hacuucuufi kkf baay'ee irraa dhaga'ama.
Kan mootummaa yeroo ilaallu imaammanni gubbaa gadi bu'u gaariidha. Mirga Muslimaa kabachiisuu irratti paartilee kam irrayyuu wayyaadha. Garuu hoggantoonni dhaabbata adda addaa kan akka dhaabbata barnootaa kun wanti isaan hojjataaa jiran maali? Kaayyoon isaanii kun waan milkaa'u isaanitti fakkaataa? Nuti hoo maal hojjachuu qabna?
Maalumaafuu halkan kana Majlisa Finfinnee irraa Ustaaz Shihabudin Shenura Abaloko fi kanneen biroos deemaanii Pirezdaantii Univarsitichaa fi barattootas dubbisaniiru. Ammaaf akka tasgabbaa'u godhaniiru. Waan itti aanu immoo walumaan Ilaalla Inshaa Allaah.
Garuu mootummaan kaansarii akka kanaa of keessaa baasuun dirqama. Mirga barattoota Muslimaas kabachiisuu qaba.
Share Godhaa Woliif Qooda!
Fufuu Show ✍️