22/11/2025
Yaa'iin Idilee Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Harargee Lixaa Bakka Dursaa I/A pirezidaantii Majlisa Oromiyaa Sheik Mahamadnuur Ahimad, Hoggansa Mootummaa irraa Bulchaa Bulchituu G/Harargee Lixaa Aadde Ikram Xahaa fi Itti Aanaa Bulchaa Obbo Tashoomee Kabbade fi Ulamootni, Maanguddoota Godinichaa jiranutti Yaa'iin Idilee Dura bu'aa Majlisa Godina Harargee Lixaa Sheik Jamaal Ahimad Haasaa Baniinsaatiin Yaa'icha Saaqanii jiru.
Keessummaa Kabajaa Kan ta'an Dursaa I/A/Pireziidaantii Majlisa Oromiyaa Sheik Mahamadnuur Ahimad Haasaa taasisanin qaamota garagaraa yaa'icha irratti argamaniif ergaa dabarsanii jiruu
Yaa'ii Idilee 1ffaa Bara Hojii 1ffaa kana irratti Majlisni Godina Harargee Lixaa Gabaasa Bara 2017 fi Karoora Idilee bara 2018 Barreessaa Majlisaa Ustaaz Mahammad Dinootiin dhiyaateen booda Miseensa manichaatiin Marii fi Gaaffii akkasumas yaadaan karooricha gabbisuuniin booda Sagalee guutuu Miseensi yaa'ichaa Karoora bara 2018 mirkaneessee jira.
Itti dabaluun Yaa'iichi Koree Odiitii fi Inispekshinii Muuduun Qaadii Godinaa Harargee Lixaa Sheik Abdulhakiimin Sirna Kakuu fi Waadaa galchisiisee jira Jira.
Majlisni Godina Harargee Lixaa Qaama Dhaabbata Islaamaatiif Deeggarsa fi tumsa Diinagdeen bira dhaabbatan turaniif Kanneen akka Waajjira Bulchiinsaa Godinaa, Poolisii fi Nageenya, Maanguddootii
Ulamootaa, Abbootiin Qabeenyaa fi Daa'iiwaniif Waraqaa Ragaa fi Galataa kennuun Aantummaa fi Jaalala isaanif qaban Maqaa Majlisa Godinichaa fi Hawaasa Muslimaatiin Galateeffatee jira.
Yaa'ii Kanaan Aanolee Godinicha keessatti Sochii Hojii tajaajila dhaabbatichaa fi Hawaasa Muslimaa tumsuu keessatti dursanii Caalaatti Sochoo'aa turan 1 hanga 5tti ba'aniif Waraqaa Ragaa fi badhaasa kennee Jira.
Xumura irratti Amiira Majlisa Godina Harargee Lixaa duraanii Sheik Muhammad Abdulrahamaan yeroo hogganaa turanitti Sochii kidmaa Diinii keessatti Aarsaa fi Wareegama guddaa kafaluun jijjiiramaa Ajaaibaa taasisaa turanii yeroo filannoon boodaa kanatti Karaa Nagaa,Kabajaa fi Jaalalaan Amiirummaa isaanii dabarsanii kennaniif Hoggansi Majlisa Godina Harargee Lixaa Kabajaa fi Jaalalaan Badhaasa Addaa Addaa badhaasuu fi Waraqaa Ragaa kenneefii Aarsaa isaan Kaffalaa turaniif Maqaa Hawaasa Muslimaatiin sheik Muhammad Abdulrahamaan Galateeffatee jira.
Maddi: Aalam Media
Xirroo Media