John Moti

John Moti Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from John Moti, Digital creator, .
(1)

02/03/2026

Next stop, the top!

The Inner Compass!Forget the distant, charted mile....The external,fleeting style....Your true north lies within your so...
22/08/2025

The Inner Compass!

Forget the distant, charted mile....
The external,fleeting style....

Your true north lies within your soul....
The only star that makes you whole....

✍️

Ishee: Jaalallee koo ati anaan ala dubara kan biraatti haasoftee beektaay?Isa: Lakki, gonkumaa haasa'ee hin beeku.Ishee:...
08/01/2024

Ishee: Jaalallee koo ati anaan ala dubara kan biraatti haasoftee beektaay?

Isa: Lakki, gonkumaa haasa'ee hin beeku.

Ishee: Obsee fi Caaltuu kan jedhaman kan ati Messenger dhaan waliin haasoftu sun anuma.

Isa: Kunoo simalee nama kan biraatti akkan hin haasofne kuniyyuu ragaa tokko 🔨

05/12/2023

Dadammaqsaa/Motivator Hirkoo yeroo inni Tiyyaa dadammaqsu! 🤣🤣

Ammas deeggarsa keessan na barbaachisa!Maal irraa akkan jalqabuuf akkamiin akkan isinii ibsu hin beeku. Dhimma kana isin...
23/11/2023

Ammas deeggarsa keessan na barbaachisa!

Maal irraa akkan jalqabuuf akkamiin akkan isinii ibsu hin beeku. Dhimma kana isiniin ga'uu akkan qabu murteessuu koo qofa beeka!

Yeroo hunda gaaffii deeggarsaa Oromoo rakkatee isin gaafadhee na qaanessitanii, duubatti jettanii hin beektan. Sababa isin na wajjiin dhaabattaniif yeroo hunda maqaan koo haa dhahamu malee kan na wajjiin turan hedduudha. Galatoomaa!

Qindeessaa muuziqaa fi weellisaa Dinqisaa Dabalaa rakkoo dhibee namatti himachuuf ulfaatuu fi yoo himatanis salphaa fakkaatu garuu immoo taa'uu fi ka'uu nama dhoorkuun Kintaarotii (Hemorrhoid) eega qabamee bulee, tutturee jira.

Dhukkubni kun eega itti dhufee har’a waggaa 10 guuteera. Ka’uumsi dhukkuba kanaas yeroo hedduudhaaf taa’aa turuu fa'a irraa akka namatti dhufu beekamaadha. Innis hojiin isaa qindeessaa muuziqaa waan ta’eef hojii kanammoo taa’ee waan hojjachaa tureef kanumarraan dhukkuba kanaaf saaxilame.

Hojiif biyya Baahireen yeroo deeme yaala baqaqsanii wal'aanuu argatus, wal'aansa san seeraan osoo hin xumurin biyyatti deebi'ee. Madaan sunis deebi'ee itti hammaatee ammas haala dhagahuus ta'ee ilaaluuf nama rakkisuun madaa kana baachaa dhiiga harcaasaa imaluun dirqama eega itti ta'ee bubbulee jira. Sababuma kanaan erga hojii dhaabees turee jira. Maatiin isaatis rakkoo ulfaataa keessa jiru. Waan dandeessaniin mucaa kana cinaa akka dhaabbataniif waamicha Oromummaa kabajaan isinii dhiheessa. Karaa TikTokn guyyaa jimaataa kan walitti qabamuuf yoo ta'u, Gofund me warri banuun akka gargaaramu warri gargaaruu dandeessan yoo jiraattan nu cinaa dhaabbadhaa. Qunceen wal gargaartee arba hiiti.
Ulfaadha !

1000480185386 Dinkisa Debela
Commercial Bank of Ethiopia

013201247568900 Dinkisa Debela
Awash Bank!

Jaalallee ofiitiin "ATI WAAN HUNDUMAA KOOTI" jechuun ana biratti hammam dogoggora akka qabu kunooti. Yoo isin fayyade is...
22/11/2023

Jaalallee ofiitiin "ATI WAAN HUNDUMAA KOOTI" jechuun ana biratti hammam dogoggora akka qabu kunooti. Yoo isin fayyade isinis itti dhiyaadhaa fayyadamaa!
👇👇👇👇
JAALALLEE KOOTIIF!

Jechoota babbareedoo fi jechuuf iyyuu qaalii ta'an kitilaan si ibsachuu nan danda'a. Jecha homaanuu bakka bu'aa hin qabne kan arraba nama kamiin iyyuu jedhamee hin beekamneen jaalalan siif qabu addeessuu nan danda'a.
Siif jechan dhaba utuun taane bissii jechootaa kitila kitilaan siif tarreessuun nattin cimu.
Garuu jechan ittiin tasuma si ibsachuu hin dandeenye tokkon qaba. Jechi sun anaaf jecha tokko qofa utuun taane, hima jecha tokko ta'ee hiiknisaa kitaaba tokkoon iyyyuu ibsamee hin dhumne dha.
Kanaafin ati waan hundumaa kooti jedhee si ibsachuuf arraba dhabe. Hanga har'aatti arraban isa ittiin sitti dubbadhu hin arganne, boris hin argadhu. Jechi sun humna arrabaan oli. Waan hundumaa kooti jedhee sitti dubbachuuf arrabni aboo akka hin qabne kanarrattin bare.

Eeyyee maaliifan si soba?
Nama jaallatan akkamitti sobu?
Namni an jaalladhu yoo na sobe sun giroo koo miti. Ani garuu waanin si jaalladhuuf sin sobu. Sobee jecha sin madaalleen si arbeessee of sin jaallachiisu.
Isan siin jedhee si ibsachuu hin dandeenye kanaan yoon si ibsadhe malee nan jaallattu yoo ta'e nama nan jaallanne akka ati taate haqa dha.

Eeyyee ATI ABDII KOOTI jedhee gonkuma si ibsachuu hin danda'u. Kun haqa jireenya koo geggeessuudha. Haqni immoo haqxuu ittiin haqamu hin qabu. Nama miti uumaan iyyuu haqa hin haqu.

Abdii malee jiraachuu hin danda'u.
Abdiin hamileen ittiin bor eeguudha.
Abdiin agarsiiftuun ittiin jireenya koo borii ilaaluudha.
Abdiitti lubbuu kiyyan amanee itti kennadha.
Abdiin utuun jirree ani amma lubbuun jiraadhee jaalalan siif qabu kana arrabaan sitti hin himun ture ykn yaada kiyyaan cuunfee fuulbarruu kanarrattiyyuu hin barreessu.

Aniif abdiin gargar baanee sekondii tokkoyyuu hin turu.
Aniif abdiin gargar baanee anatu jireenya hin qabu.
Namni abdii malee akkamiin jiraata?

Yoon abdii kiyya si godhadhe kana hundumaaf itti gaafatamummaa ni fudhattaa?
Ani kanaaf deebii si irraa hin eegu. Itti gaafatamummaa nan fudhadha kan naan jettu yoo ta'es kanarratti sin amanu, dhiifama naaf hin godhin.
Abdii kiyya ta'ee itti gaafatamummaa kan fudhatee fi anis amanee abdii kooti kanin ittiin jedhe qaama tokko qofatu jira. Anis amaneen abdii kiyya godhadhe. Qaama lama immo abdii godhachuu hin danda'u. Abdii kee na godhattu malee sin jaalladhu yoo naan jette nagaatti. Isa dhiisee siin abdii kiyya godhachuu hin danda'u.

Kanaafuu ati abdii kooti akkan siin jedhu anarraa hin eeggatin!
Anis abdii kee akkan siif ta'u nan eegin!


✍️ John Moti!

28/07/2023

Guyyaan kun har'a anaaf si jidduutti yaadannoo seenaati!

Gaaftokko akka nu gootu nu taphachiistee turte!
Surprise,n kee kana ta'uu yoomin yaade an.

Yeroo waliin jiraachaa turre sana hunda of duuba deebi'ee ilaaleen jajjabaachuu dadhabe 😭😭
Har'a kunoo geggeessaa kee isa dhumaa illee dhufee si geggeessuu hin dandeenye!😭😭😭

Keessumaa isa nuti "utuma dafee sadan keenya keessaa nama tokkoof darbee....." jechaa turre sanatu keessaa kootii boqonnaa na dhowwatee hamilee koo laamshesse! 😭😭
Irbuu baay'ee qabna turre! 😭😭😭
Si deebifachuu hin dandeenyu!

Garuu waan tokko waadaa siifan seena:-
Mata-dureewwan jajjaboon si keessaa finiinaa turan sun garuu akka isaan galma ga'an hin shakku! Nutu xumura!

Nagaatti siin jechuun natti ulfaata😭😭😭😭😭

Yeroo Booranni citaa ittiin Mana isaa ijjeerrate loon isaa lubbuu baraaruuf diigee kennuuf kana iji akkamiin callisee il...
23/02/2023

Yeroo Booranni citaa ittiin Mana isaa ijjeerrate loon isaa lubbuu baraaruuf diigee kennuuf kana iji akkamiin callisee ilaalee darba.
Waan dandeenyu goonee horii isaa haa baraarru.
Inni waan danda'u godhee citaa mana isaarraa diigee kenneef.

Akmon Initiative for DevelopmentAkmon Initiative for Development -AID

Qe'ee Booranaa!😭O Creator of all creation, do not be harsh with the creation you created!
22/02/2023

Qe'ee Booranaa!😭

O Creator of all creation, do not be harsh with the creation you created!

"Qaamoleen hidhataniifi Mootummaan biyya bulchaa jiru kan wal dhabdan faayidaa ykn haqa ummataaf yoo ta'e ummata keessan...
21/02/2023

"Qaamoleen hidhataniifi Mootummaan biyya bulchaa jiru kan wal dhabdan faayidaa ykn haqa ummataaf yoo ta'e ummata keessaniif dursa laadhaa!

"Dhugaan kan waaqaati. Nageenyis akkasuma.
Lafa dhugaan hin jirre nagaan hin jiru. Qaamni hidhatee bosona jiruu fi mootummaadhaaf an kan dhaamu nagaa yoo barbaaddan ummata keessan dursiisaa.

Wanti isin wal dhabdaniif haqa ummataa yoo ta'e dhimmi kun kan keessan miti. Dhimma Ummataati. Kanaaf ummata keessaniif dursa kennaa.

Dhugaan kan waaqaati.
Waaqni dhugaa irratti nama hin dhiisu.
Isin immoo waaqa miti.
Lafa kana Oromoof kan kenne waaqa.
Gaafa waaqni Oromoodhaaf lafa kana kennu isin immoo achi hin jirtan.

Yoo ni dandeessu ta'e ummata kanaaf nagaa kennaa; ummanni kun nagayaan haa bulu. Ummanni kun hiyyeessa; nagaa kennaafii.

Lafa dhugaan hin jirre nagaan hin jiruu dura dhugaa irratti waliif galaa.
Dhugaan isin irratti waliif galtan immoo dhugaa ummataa ta'uu mirkaneeffadhaa.

Yoo kun ta'uu baate maqaa ummataan hin nagadinaa. Eenyuyyuu.

Akka Oromoo tokkootti hamman beeku, biyya kana keessatti rakkoon Ummata Oromoo baay'ee wal xaxaadha. Namni an kana ni beeka jedhuyyuu sobaadha.
Namni halkan tokkoon rakkoo wal xaxaa saba kanaa koreedhaan ni hiika jedhuyyuu Sobaadha.

Qalbiin keessan dhugaa waaqaatti bula yoo ta'e, dhugaan kan waaqaa ta'uu quba qabdu yoo ta'e, dhugaan waaqaa sun, wanti isin irratti wal dhabdan kan keessan miti.

Dhimmi irratti wal dhabdan Ajandaa warra wal dhabdan kanaa miti. Kan Ummatichaati. Dhugaan irratti wal lolaa jirtan kan saba kanaati. Dhugaa kana ummataaf Waaqatu kennee kanarratti waliif galaa!

Ummaticha Mari'achiisaa. Kan ta'uu qabu kana. Abbaan dhimmaa dhimma kanaa ummata Oromooti. Warra wal mormu kana miti. Kan miidhamaa Jirus ummata Oromooti!.

Rakkoon dhalate kunis dhugaa irratti waliif galuu dhabuu irraa dhufa. Dhugaan kun immoo kan waaqaa ta'uu hubachuudha. Namni Waaqa hin sodaanne waan sodaatu hin qabu.

Hayyuun Oromoo Dr. Gammachuu Magarsaa turtii OMN Waliin taasisan keessaa kan fudhatameedha.

28/01/2023

Ganama yeroo hundumaa hirribaa yeron dammaqu kennaa gatii qaalii tokko arguun na gammachiisa!
- 𝙖𝙧𝙖𝙖𝙧𝙖 W𝙖𝙖𝙦𝙖𝙮𝙮𝙤𝙤!🙏

21/01/2023

*Ati addunyaa kanaaf nama tokko qofadha; ta'us ati anaaf garuu addunyaa kooti*!

~HARMEE ❤️

Address


Telephone

+251912073969

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when John Moti posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to John Moti:

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share