Gimbi Woreda Veterinary Clinic

Gimbi  Woreda Veterinary Clinic To distribute new ideas for society

06/03/2026

🐄 LOON MAALIF OBBAATII ISAANII NYAATU?? KUNI DHIBEEDHAA??
Sa'aawwan tokko tokko erga dhalanii booda obbaatii (placenta) isaanii yommuu nyaatan ni mul’atu. Gochi kun Afaan Ingiliffaan "Placentophagia" jedhama.

🔎 "PLACENTOPHAGIA" JECHUUN MAAL JECHUUDHA?
Placentophagia jechuun sa’aan takka erga dhalte booda obbaatii ykn hordoka ishee daftee nyaachuu isheeti. Kun dhaltee daqiiqaa muraasa ykn sa'aatii muraasa keessatti raawwatama.
Uumama keessatti, hoosiftoonni baay’een gocha kana ni raawwatu. Loonis dhiibbaa uumamaatin gocha kana ni calaqqisiisu.

🧬 SA’AAWWAN MAALIIF Obbaatii NYAATU?
1️⃣ Amala Haadhummaa Uumamaa
Sa’aawwan erga dhalanii booda uumamaan jabbii isaanii qulqulleessu. Obbaatii nyaachuun kutaa amala haadhummaa kanaati. Kunis kan gargaaru:
✔️ Iddoo dhalumsaa qulqulleessuuf
✔️ Foolii bineensota hamoo harkisu hir’isuuf
✔️ Walitti dhufeenya haadhaa fi jabbii jabeessuuf

2️⃣ Dhiibbaa Hormoonii
Yeroo dhalumsaa fi dhalumsa booda, hormoononni akka Oxytocin baay’inaan dabalu. Hormoononni kun:
• Gadameessi akka bakkatti deebi'u.
• Aannan akka gadi lakkifamu
• Amala haadhummaa (jabbii harcaasuu fi obbaatii nyaachuu) kakaasu.

3️⃣ Sababa Nyaataa Ta’uu Danda’u;
Obbaatii wantoota armaan gadii of keessaa qaba:
• Pirootiinii (Protein)
• Ayiraanii (Iron)
• "Minerals" adda addaa
• Hormoonota
Ogeeyyiin tokko tokko sa’aawwan hanqina albuudaa (minerals) qaban gocha kanaaf caalaatti saaxilamu jedhanii amanu.

⚠️ OBBAATII NYAACHUUN MIIDHAA QABAA?
Yeroo baay'ee miidhaa hin qabu, dhibee fayyaas hin fidu.
Haa ta’u malee, iddoo loon baay’inaan itti gabbifamanitti yaaddoo tokko tokko fiduu danda’a:
❗ Garaacha miidha.
❗ Yoo obbaatiin sun xuraa’e dhibee daddabarsuu danda’a
❗ Obbaatiin sa’a keessatti hafuu fi hafuu baachuu isaa beekuun ni ulfaata.
❗ Iddoo loon itti dhalan keessatti baakteeriyaa baay’isuu danda’a.

🚨 ABBAAN QABEENYA LOONII YEROO KAMIIN YAADDA’UU QABA?
Yoo wantoota armaan gadii argitan xiyyeeffannoo kennaa:
🔴 Obbaatiin sa'aatii 8–12 keessatti yoo gadi hin baane......

02/03/2026

Bituu kanneen barbaaddan na qunnamaa!!

01/03/2026

Sasso breed

24/02/2026

🥛 Mastitis (Dhukkuba harma Loon Aannanii): Kisaaraa Hin Mul'anne fi Diina Loon Aannanii fi Diinagdee Horsiisaa!

Dhibee kana beekuun keessaafu warreen loon aannanii horsiisan hundaaf, Mastii (Mastitis) jechuun xannacha harma aannanii beeyladaa keessatti dhibee uumamuudha. Karaa madaa'uu ykn iita'uu naannoo harmaafi mucha (udder & teats) sa'aatiin. Inni kun dhibee baakteeriyaadhaan dhufu yoo ta'u, kisaaraa inni fidu dhibee beeyladaa kamuu caaluu danda'a. dhukkubni Mastitis hiyyeessa kan godhu beeylada osoo hin taane horsiisaadha!. Mastaitisii (Mastitis) jechuun "Diina Aannanii" kan jedhamuun beekama. Keessattuu horsiistota loon aannanii magaalaa keessatti argamaniif kisaaraa guddaa kan fidu dhibee kana.

👁 Mastitis gosa lamatti qoodama:
➡️Mastitis Mul'ataa (Clinical Mastitis):
Kan ijaan arguun danda'amu (harmi ni dhiita'a, ni diimata, yeroo qabatan ni ho'a, aannan dhiiga ykn itita/clots qabu dhufa).
Aannan yeroo elmamu dhangala'aa (watery), Sa'attiin ni dhukkubsatti, ni laffaatti.
➡️Mastitis Hin Mul'anne (Sub-clinical Mastitis):
Inni kun hunda caalaa sodaachisaadha kan jedhamuuf, harmi loonii nagaa fakkaata, aannanis qulqulluu fakkaatee dhufa; Garuu baay'inni aannanii ni hir'ata, qulqullinni isaas gadi bu'aadha. Inni kun qorannoo laaboraatorii CMT (California Mastitis Test) jedhamuun qofa adda baha.

🦠 Maaltu Mastitis Fida?
Qulqullina Hir'achuu: Mana loonii dhoqqee qabu fi jiidhaa ta'e.
✅ ️Mala Elmaa: Harka osoo hin dhiqatin elmuu ykn elmattuun xuraa'uu.
✅️ Madaa: Kottee sa'aa irra dhaabbachuu ykn madaa xinnoo mucharratti uumamu.
✅️ Loon elmamanii hatattamaan ciisuu: Muchi erga elmamee booda daqiiqaa 30f banaa waan ta'uuf, baakteeriyaan lafa irraa seenuu danda'a.

📉 Miidhaa Diinagdee
▶️ Aannan Hir'isuu: Loon dhibee kanaan qabame aannan isaa %15–%25 hir'achuu danda'a.
▶️ Baasii Qorichaa: Yaalli isaa baay'ee nama baasisa.
▶️ Aannan Gatamu: Yeroo loon qoricha fudhatan aannan isaanii gabaatti dhiyeessuun waan hin danda'amneef ni gatama.

🛡 Ittisa fi Qulqullina El

Bovine Rumenotomy:**********************Rumenotomy is a surgical procedure involving incision into the rumen through the...
27/01/2026

Bovine Rumenotomy:
**********************

Rumenotomy is a surgical procedure involving incision into the rumen through the left paralumbar fossa to remove foreign bodies, relieve chronic ruminal impaction, treat ruminal tympany, or explore ruminal pathology.

Indications:

Traumatic reticuloperitonitis (hardware disease)

Chronic ruminal impaction

Persistent bloat unresponsive to medical therapy

Removal of foreign materials (plastic, rope, metallic objects)

Exploratory ruminal surgery

Site of Operation:

Left mid-paralumbar fossa (routine cases)

Left cranial paralumbar fossa close to the last rib
– preferred in large animals or when access to the reticulum is required

Surgical Anatomy:

The rumen occupies nearly the entire left half and part of the ventral right half of the abdominal cavity.

It extends from the 7th–8th intercostal space to the pelvic inlet.

Surgical entry is made through the dorsal sac of the rumen.

Structures Incised:

Skin

Subcutaneous fascia

External abdominal oblique muscle

Internal abdominal oblique muscle

Transversus abdominis muscle

Peritoneum

Ruminal wall

Nerve Supply

Thirteenth thoracic nerve (T13)

First and second lumbar nerves (L1, L2)

Third lumbar nerve (L3) supplies a small caudal cutaneous area

Blood Supply

Phrenico-abdominal vessels

Deep circumflex iliac vessels

Note:
No major blood vessel lies directly in the incision field.

Anaesthetic Techniques:

Any of the following may be used:

Paravertebral nerve block

Inverted “L” block

Local linear infiltration

Standing restraint is preferred.

Surgical Procedure:

Prepare and aseptically drape the left paralumbar fossa.

Make an 18–20 cm vertical skin incision, starting 3–4 cm below the transverse processes of lumbar vertebrae.

Incise abdominal muscles and peritoneum corresponding to the skin incision.

Fix the Weingarth’s rumenotomy ring to the abdominal wall using screws at the dorsal aspect of the incision.

Exteriorize the rumen and grasp it with two strong

17/01/2026
16/01/2026
23/12/2025

🦟 Dhukkuboota Silmiin Dhufan (Tick-Borne Diseases)
=====================================
💡Silmiin dhiiga xuuxuu qofaan osoo hin taane, dhibeewwan dhiiga keessa faca’anii fi lubbuu loonii galaafatan daddarsuudhaan beekamu. Isaanis:

1️⃣(Babesiosis / Redwater): Dhibee dhiiga diimaa (RBC) balleessudha.

Mallattoo: aannan ykn fincaan diimachuu (haalli kun dhibee kana adda baasa), iji addachuu (Anemia) fi gogaan keelloo(Jaundice).

🐞Silmii daddarsu: Rhipicephalus (Boophilus) species.

2️⃣Anaapilaasmoosisi (Anaplasmosis / Gall Sickness):

Mallattoo: nyaata diduu, fincaan baay'ee keelloo ta'e, fi Gogaa garaa (constipation). Sa’i dhibee kanaan qabamte yeroo baay’ee ni dallanti (aggression).

🐞Silmii daddarsu: Rhipicephalus fi Amblyomma.

3️⃣Heartwater / Cowdriosis):

Mallattoo: Dhukkubni kun sirna narvii miidha. Loon ni roma’u, ofirraa naanna’anii deemu, mataan lafa dha'uu, fi afaaniin hoomacha baasu.

🐞Silmii daddarsu: Amblyomma variegatum (silmii miilla jabaa/bareedduu jedhamuun beekamu).

4️⃣Teeyileeriyoosisi (Theileriosis / East Coast Fever):

Mallattoo: dhita'uu xannacha mormaa (Swollen lymph nodes), Qufa'uu fi hargansuu gubaa(Dafqaa).

🐞Silmii daddarsu: Rhipicephalus appendiculatus.

🛡️ Mala Ittisaa fi To’annoo

Dhukkuboota kanaan loon akka hin qabamneef maloonni kunniin murteessoodha:

✍️Silmii balleessuuf qoricha akka Malatain ykn Deltamethrin fayyadamanii yeroo yeroodhaan dhiquu.

Qulqullina Mooraa: Mooraa loonii keessatti bakka silmiin itti wal-hormaattu qulqulleessuu.

Yaala Hatattamaa: Mallattoon fincaan diimachuu ykn iita’insa xannachaa yoo mul’ate, hatattamaan qoricha akka gosa dhibbichatti akka argatan gochuu

Aannan gaalatiif dhukkuba sukkaaraa:✓Aannan gaalaa insulin gahaa   waan qabuuf dhukkuba Hanqina Ykn baayina Glucagooniin...
12/12/2025

Aannan gaalatiif dhukkuba sukkaaraa:
✓Aannan gaalaa insulin gahaa waan qabuuf dhukkuba Hanqina Ykn baayina Glucagooniin dhufu kan Oomisha Insuliiniin walqabatu dhukkuba Sukkaraa( Diabitis Militus Type 1 &Type 2) Too'atuuf bu'aan isaa Ol'aanaa dha.

✓Aannan gaalaa Vitamin "C", Vitamin "E" fi Pirootiinii akka Laaktooferiinii fi Lysozaayimii of Keessaa qaba. Kuni immoo akka dhukkuba sukkaaraa sababatuun dhibeeleen biroo jalaan nama hin miine fayyada. Dhukkubni sukkaaraa yoo nama qabe dhibeeleen kaleef tiruu namatti ka'uuf deemu. Yeroo kana aannan gaalaa akka tiruuf kaleen hojii isaanii seeraan hojjattu gochuun complication kana hir'isa.
Kanaaf aannan gaalaa fayyaa keenyaaf murteessaa waan taheef yeroo yeroon haa dhugnu.

የ‎አዳሬ ዶሮ እርባታ ኢንተፕራይዝ ማዕከል የአንድ ቀን ጫጩት ስርጭት ጀመረ (አዲስ አበባ፣ ሕዳር 20 ቀን 2018 ዓ.ም፣ ግብርና ሚኒስቴር) ‎‎በሲዳማ ክልል የሚገኘው የ‎አዳሬ ዶሮ እርባታ...
29/11/2025

የ‎አዳሬ ዶሮ እርባታ ኢንተፕራይዝ ማዕከል የአንድ ቀን ጫጩት ስርጭት ጀመረ

(አዲስ አበባ፣ ሕዳር 20 ቀን 2018 ዓ.ም፣ ግብርና ሚኒስቴር)

‎በሲዳማ ክልል የሚገኘው የ‎አዳሬ ዶሮ እርባታ ኢንተፕራይዝ ማዕከል የአንድ ቀን ጫጩት ስርጭት ጀምሯል።

የ‎አዳሬ ዶሮ እርባታ ኢንተፕራይዝ ማዕከል በ2017 ዓ.ም የቅድመ ወላጅ ዶሮ (Parent stock) ዝርያ በማስገባት ለዶሮ አርቢው ህብረተሰብ በአመት 2,000,000 በላይ የአንድ ቀን ጫጩት ለማሰራጨት ያቀደ ሲሆን በዛሬው ዕለትም ለተሰራጩ 14,000 የአንድ ቀን ጫጩቶች ሙሉ ክትባት መስጠት ተችሏል።

የሲዳማ ክልል ብልጽግና ፓርቲ ቅ/ጽ/ቤት ኃላፊ አቶ አብርሃም ማርሻሎ በአዳሬ ዶሮ እርባታ ኢንተፕራይዝ ማዕከል ተገኝተው በቅድመ ወላጅ ዶሮ (Parent stock) ዝሪያ የተጀመረ የአንድ ቀን ጫጩት ስርጭት አስጀምረዋል።

ኃላፊው በዚሁ ወቅት እንደተናገሩት በክልል ደረጃ የአንድ ቀን ማጩት የሚያቀርብ ኢንተርፕራይዞች መኖራቸው ለክልሉና ለአከባቢው ማህበረሰብ ጠቃሚ መሆኑን አንስተው በሀገር አቀፍ ደረጃ ለተጀመረው የሌማት ትሩፋት መርሀ-ግብር በታቀደው ጊዜ ውስጥ ለመተግበር ትልቅ አቅም የሚፈጥር ነው።

‎የሲዳማ ክልል እንስሳት ሀብት ልማት ቢሮ ኃላፊ አሰፋ ፎና በበኩላቸው የአዳሬ ዶሮ ኢንተፕራይዝ የአንድ ቀን ጫጩት ዕጥረትን ለመቅረፍ ትልቅ አቅም የሚፈጥር መሆኑን መናገራቸውን ከክልሉ እንስሳት ሃብት ልማት ቢሮ የተገኘው መረጃ ያስረዳል።

F.D.R.E Ministry of Agriculture is a Governmental Organization Headquartered in Bole sub-city Ethiopia,Addis Ababa

17/11/2025

GIMBII FI NAANNOO ISHEETIIF
Namootni lukkuu sookkee baatii 3 barbaaddan keessaan na dubbisaa!!

Address

Gimbi
04

Telephone

+251933284345

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gimbi Woreda Veterinary Clinic posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Gimbi Woreda Veterinary Clinic:

Share

Category