16/03/2025
Gumiin Abbooti Gadaa Salgan Iluu diigameera.
Dhugaan jiru bara 2007 Gadaa Salgan Iluu Odaa Dooggiitti Haaromsuun ni beekama. Haa ta'u malee Abbootiin Gadaa Bara 2007 Baalliin Kennameef hanga har'aa Baallii dabarsanii hin kennine. Har'a waggoota 11ffaa lakkoofsisaniiru. Kunimmoo sirni Gadaa haaromse deebi'ee moofa'uu fi seerri Gadaa Cabuu agarsiisa.
Kunimmoo Ittigaafatamummaa ofii bahuu dadhabuu Aadaa fi Turizimii Godina Iluu Abbaa Boor irraa Kan dhufeedha.
Labsiin yeroo darbe Uffannaa Aadaa Oromoo Godina Iluu irratti jarri baasanis fudhatama hin qabu jechuudha. Qorannoo irrattis hin hundoofne.
Halluu Diimaa , Adii , Magariisaa fi Gurraachatu Iluu Abbaa Booraa ibsa.
Halluwwan hundiyyu sababa mataa isaani qabu.
1. Diimaa
Kutaalee Oromiyaa keessaa Sirna gabroomfataaf jilbeenfachuu didee aarsa Kan kaffale Iluu Abbaa Boor Isa tokko. Kanaaf Diimaan Gootummaa agarsiisa.
2. Magariisa.
Godinaalee Oromiyaa keessaa Magariituun Uumamaa Iluu Abbaa Boor caalte hin jirtu. Magariitummaa ishee ibsa.
3 . Adii
Adiin nageenya . Iluun Abbaa boor ammoo kanaan ibsamti.
4. Gurraacha.
Gurraachi Amantaa Oromoo ibsa. Haalluun kun kutaa Oromoo hunda bakka bu'a . Kanaaf Uffannaan Aadaa Oromoo Iluu Abbaa Boor Adiirratti Haalluwwan sadan kun yoo fayyaman sirriidha jedheen yaada. Kanaaf ibsi natti haa baatu achumatti haa Dhaabbatu.
Bahilu Tamiru
Ilu Aba Bor Zone Communication Office
Refik Tofik