20/07/2023
Dhugaa Jiruun Moo'ichi kan keenya❗️
Mee Ergaa kana waliif dabarsaa...
Qabsoon Nuti goonuufi abboonni itti jiran walhin simu. Abboonni Monokosaatota Kanneen biyya lafaa jalaa du'anii kiristoosiif jiraachaa jiranidha.
Manni isaan keessa jiraniis mana bashannanaa miti, bakka Boqonnaas miti, bakkatti miidiyaa hin arganne, bakkatti Uummata kiristaanaa fi mana kiristaanaa hin arganne mana Hidhaa ammayyaawaa keessa jiraachaa jiru. Uukkamfamuu waliinis gituma tokkorra jiru. Kanaan booda nu haala biraa eegnu hin qabnu. Haala danda'ameen akkamitti akka uummata filamaniif gad baahani hojiin akka hojjetan irratti fala dhahuudha.
Kennaa Waaqayyo isaanii kenneenis akka eeyyama isaatti tajaajilaati kan turani ture. Qabsuurri isaan katabaa jiran karaa kiristaanummaa daran firii qabeessa fi kan nama boonsu, garuu karaa foonii kan danuu nama dhukkubsudha. Dhalootni sammuu fi qalbii qabu yoo jirate boru galmee seenaarra Qabsuura isaanii yaa ka'u.
Nuun qabsoo keenya keessatti Waldhagahuurra diina dhagahuu fi diina waliin hojjechuutti michina, gaarii waliif barreessuurra yaaraa waliitti barreessuu, qaawwaa walii bal'isuutti figgii farda takkaalla kutee figna. Qabsoon keenya kan ta'uu qabu,
◊ Kan lafa qabate,
◊ Kan jijjiramaa,
◊ Kan ijaarsiisaa tolee,
◊ Kan diina raasu fi nuun immoo kan jabeessu ta'uuti qabaan yaada nu amaniisudha.
Kanaaf xiyyeeffannoo keenya abaluun maal hojjeteerra ani maalan hojjedhe jenne of gaafanne wal ijaaruu fi walcimsuun furamaata qabsoo keenya gara fuula duraatti tarkaanfachisu keessaa isa tokkodha. Kanaaf walyaa tumsinu, walcina yaa dhabbannu, Abboota keenyaa yaa jabeeffannu, walii gala beekumsa amantaa keenyaaf qabnuu fi itti siqeenya Kiristoos irraattii qabnu sana akka nyaata foon keenya jiraachiisu nyannu kannenis guyya guyyaan yaa cimsinu.
Jabaan Waaqa!
Adoo...12/11/2015