Ambo Media For O₂

Ambo Media For O₂ “Ati saba kee oolchi, warra kan keetiis eebbisi! Bara baraan tiksee isaanii ta'iif, ol ol isaan qabi.

05/06/2026

🔥⛪️Kabajni ni Malaaf⛪️🔥

💥Beekaa kee kabaji, Beekamtiis kenniif.👌🙏💥

Warri keenya yoo biyyarra jiraattan mee share godhaa!.

Warra caalii Calliyaa Geedoo gaara guddaa,
Beekaa kee siif hiimuuf Onnee na mudda!

Tajaajila mana kiristaanaa Ortodooksii Tewaahidoo Afaan Oromoof Guddaa fi hangafadha.

Mee yaa warraa «Shawaa Lixaa» Namni biroon gaaffii ani isin gaafachaa jiru kana isin gaafatee haa jennu, gaaffichis "Hayyoota jaboo fi Wayyoo tajaajila Mana Kiristaanaa Afaan Oromoon yeroo jalqabaaf babal'isan lakkaawwadhaa (nuuf himaa) osoo jedhamne eenyu fa'iin himannaa?

Egaa warreen nuyi lakkawwannu keessaa Lubni kun isaan tokkodha. Yeroo garaagaraattis bulchiinsi mana kiristaanaa akka sirratuuf qabsoo hafuuraa gadfagoo kan gaggeessaa turanii fi ittin beekaman isaan kanadha.

Mee walbaraa! jabaa akka sibiilaa, Hayyuu fi kutataadha. Garaa fi aangoof osoo hin ta'iin kaayyoon mana kiristaanaa akka lafa qabatuuf:-
💥 Yeroo,
💥 Qabeenyaa fi
💥 Humna isaanii aarsaa taasisuun warreen qooraafan lakkoofsan xiqqoo qabnu keessaa Lubni kun isaan tokkodha.

Sababa tajaajila mana kiristaanaaf qofa! barumsa biyya lafaa addaan kutuun xiiqii fi qiyyaani'oon tajaajilatti nama galanii fi mana kiristaanaaf kan dhaabbatanidha. Dargaggoota akkasumas waldaalee keessaa immoo "Waldaa Duuka Bu'ootaa" akka Shawaa Lixaatti warra gad dhaabe keessaa isaan ijoodha.

Osoo akka gatiin namaa fi tajaajiltootaa mana kiristaanaa irraa waan kanfalamuufiti ta'ee manni kiristaanaa silaa isaaniif kanfaltee hin dandeessu ture.

Garuu kanfaltiin isaanii olii Waaqa jabaa biraati. Kanaaf galatni guutuun isaaf haa ta'u. Tola akkanatti Luboota tajaajilaaf Onneen isaani dhiita'u nuuf kenneeraati!.

Barri kun fuggisoo fi gadi adeemaadha. Bara itti namni walii hin ajajamne ta'eeti malee Luboota akkanaatiif waan kenninu yoo dhabne kabajatu malaaf. Isaanoo akka manni kiristaanaa tajaajila Afaan Oromoon Tajaajiltee hoolota ishee tiskituuf Jireenya isaanii aarsaniiruuti. Qabsoo hafuuraa Wangeelli Gooftaa akka lafa qabatuudhaaf isaan akka qorsaa, bakkalcha barii fi biiftuu ifaniiruuti.

Nagaan isinii yaa ta'u waahee Luba keenyaa haasofna. Lubni kun Lubaa jedhamu...Biyyaa Lallabaa Shawaa Lixaa Mana Lubummaa aanaa Calliyaatti itti gaafatamaadha. Yeroo Mana Lubummaa Oromiyaa Qabsoo hadhaa'aa warreen taasisaa turan keessaa isaan hangafaati.

Jijjiiramuuma amma dhufeen immoo Aanaa Caalliyaatti gufuuleen tokko tokko jiraatanis haala ajaa'ibaan tajaajilicha babal'isaa jiru. Bal'ina Odeeffannoof itti deebina Umurii isaanii nuuf haa dheeressu bara isaanii hafaa tajaajilaan haa eebbisu.
Mana Lubummaa Shawaa Lixaa
Mana Lubummaa Oromiyaatti Damee Godina Shawaa Lixaa
Mee fuulbarruuwan kana lamaan Follo godha wanti dhufaa jiru hin beekamu!.

Address

Hagere Hiywot
0000

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ambo Media For O₂ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share