19/09/2025
Giddugalli Aadaa Booranaa marsaan jalqabaa xumuramaa jira
++++++++++++++++++
Fulbaana 9/2017(Miidiyaa Gadaa): Ijaarsi Giddugala Aadaa Booranaa marsaa jalqabaa % 98 irra gahuu Bulchiinsi Godina Booranaa beeksise.
Ijaarsi marsaa lammaffaan ji'oota jahan dhufan keessatti akka xumuramu ibsameera.
Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdussalaam Waariyoo Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti akka himanitti, ijaarsi pirojektii Giddugala Aadaa Booranaa Kubii Cooraa marsaa lamaan kan ijaaramudha.
Marsaan jalqabaa ijaarsa kutaalee addaddaa, mana nyaataa, mana ciisichaa Abbaa Gadaafi bakka isaan itti barsiisan kan hammate ta’uu ibsaniiru.
Pirojektiin Galma Abbaa Gadaa Kubii Cooraa aadaa Booreenaan kan beekamu, naannawa abbootiin durii kaasee sirna aadaa itti raawwataniidha jechuun dubbataniiru.
Deeggarsi ummanni ijaarsa giddugalichaarratti agarsiise kaka’umsa misoomaaf qabaniifi aadaasaaf dursa akka kennu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsi kun yeroo xumuramu iddoo gahumsa turistii akka ta'u eeraniiru.
Ijaarsi giddugala kanaa dhaloonni duudhaasaa eegee akka guddatu bu’uura gaarii kaa’a; namoonnis waa'ee aadaafi duudhaa Sirna Gadaa akkasumas haala jiruufi jireenya kallattiin akka beekan carraa kan kennudha jechuun eeraniiru.