Gadaa Media

Gadaa Media Agarsiiftu Sirna Gadaa Oromoo!
(3)

Odeeffannoo addaa addaa yeroo yeroottii argachuuf Miidiyaa Gadaa
karaa teelegiraamii nu hordofaa https://t.me/Gada_Media

01/10/2025

Weedduu loon Booranaa
Hangafa Oromoo sanyii kuush
Abbootii sirna Gadaa

19/09/2025

Giddugalli Aadaa Booranaa marsaan jalqabaa xumuramaa jira++++++++++++++++++Fulbaana 9/2017(Miidiyaa Gadaa):  Ijaarsi Gid...
19/09/2025

Giddugalli Aadaa Booranaa marsaan jalqabaa xumuramaa jira
++++++++++++++++++

Fulbaana 9/2017(Miidiyaa Gadaa): Ijaarsi Giddugala Aadaa Booranaa marsaa jalqabaa % 98 irra gahuu Bulchiinsi Godina Booranaa beeksise.

Ijaarsi marsaa lammaffaan ji'oota jahan dhufan keessatti akka xumuramu ibsameera.

Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdussalaam Waariyoo Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti akka himanitti, ijaarsi pirojektii Giddugala Aadaa Booranaa Kubii Cooraa marsaa lamaan kan ijaaramudha.

Marsaan jalqabaa ijaarsa kutaalee addaddaa, mana nyaataa, mana ciisichaa Abbaa Gadaafi bakka isaan itti barsiisan kan hammate ta’uu ibsaniiru.

Pirojektiin Galma Abbaa Gadaa Kubii Cooraa aadaa Booreenaan kan beekamu, naannawa abbootiin durii kaasee sirna aadaa itti raawwataniidha jechuun dubbataniiru.

Deeggarsi ummanni ijaarsa giddugalichaarratti agarsiise kaka’umsa misoomaaf qabaniifi aadaasaaf dursa akka kennu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Ijaarsi kun yeroo xumuramu iddoo gahumsa turistii akka ta'u eeraniiru.

Ijaarsi giddugala kanaa dhaloonni duudhaasaa eegee akka guddatu bu’uura gaarii kaa’a; namoonnis waa'ee aadaafi duudhaa Sirna Gadaa akkasumas haala jiruufi jireenya kallattiin akka beekan carraa kan kennudha jechuun eeraniiru.

ODUU:Ayyaanni Irreechaa bara kanaa Fulbaana 24 fi 25 Akka  kabajamu ibsame.Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 24...
19/09/2025

ODUU:
Ayyaanni Irreechaa bara kanaa Fulbaana 24 fi 25 Akka kabajamu ibsame.

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 24 fi Harsadeen ammoo Fulbaana 25 bara 2018 akka kabajamu abbootiin Gadaa ibsaniiru.

Gumiin Abbootii Gadaa haala kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2018 ilaalchisuun ibsa kenneen, Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 24 akkasumas Ayyaanni Irreessaa Hora Harsadee ammoo Fulbaana 25, 2018 kan kabajamu ta'uu murteessaniiru.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana galateeffannaafi araaraa ta'uus eeran.

Ayyaanni kun karaa duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuu qaamoleen hundu gahee irraa eegamu akka bahatan abbootiin Gadaa waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo addaa addaa yeroo yeroottii argachuuf Miidiyaa Gadaa
karaa teelegiraamii nu hordofaa https://t.me/Gada_Media

AGARSIIFTU SIRNA GADAA OROMOO!

📡 📡

19/09/2025

Aadaa Oromoo Booranaa

17/09/2025

Oromoo Booranaa uummata jaalala qa’ee sirna gadaa

16/09/2025

I got over 500 reactions on one of my posts last week! Thanks everyone for your support! 🎉

🎉 Facebook recognized Gadaa Media  as a top rising creator this week!Baga gammaddan hordoftoonni Midiyaa Gadaa hundii ke...
16/09/2025

🎉 Facebook recognized Gadaa Media as a top rising creator this week!
Baga gammaddan hordoftoonni Midiyaa Gadaa hundii keessan

ODUU:Bu'aa qormaataa Isa kana eegaa turre - Prof Birhaanuu Naggaa.Kaanan booda barataan of danda'ee qormaata biyyoolessa...
14/09/2025

ODUU:Bu'aa qormaataa Isa kana eegaa turre - Prof Birhaanuu Naggaa.

Kaanan booda barataan of danda'ee qormaata biyyoolessaa darbu bayyaachaa jiraan jecha Prof Birhaanuu Naggaan wayita ibsa Kennan dubbatanidha.

"Bara kana qabxii bareedaatu galmaa'e haa ta'u malee gahadha jechuu hin dandeenyu, baroota itti aanan sadanittii qabxii fooyya'aa kan eegnu ta'a."jedhan.

Itti dabaluuniis bu'aan qormaataa hanga boru saatii 6tti kan gadi lakkifamu ta'as jedhan.
Kunis dogooggorri tokkoyyuu Akka hin uumamneef Akka ta'es himaniiru.

Bara kanaas sagantaan barnootaa Foyyaa'insaa ykn remedial akka jiru prof Birhaanuu Naggaa kan dubbatan yoo ta'u qabxiin seensa isaa kan baroota darbaaniirra olkaasuudhaan kan kennamu ta'uusaa himan.

Barattota meeqatu remidiyaali gala jedhamanii gaaffii gaafatamaniif ammoo "hin murteessine maarii irra jirras" jechuun deebisan

Kan bara darbee caalaa qabxii darbiinsaa olkaasuun remedial akka kennamuus ibsan.

"Bara kana barattootni carraan remedial kennamuuf hin murtoofne. Dhibbarraa 40-50 kan jedhu irratti marii irra jirra" jedhanHaa ta'u malee qabxiin seensa isaa kan bara darbeerra kan ol ka'uu fi baayyinni Barattota galaniis Akka hir'atu ibsan.

Bara kana barattoonnii karaa online qormaaticha fudhatan caalatti qabxii fooyya'aa fiduu isaanis himan.

Akka biyyattiittii barattoonnii dhibbeentaan 8.4 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qabxii dhibbentaa 50 ol galmeessuun darbaniiru.

Qormaata kutaa 12ffaa bara kanaa qabxii olaanaa galmeessuun Dodolaafi Amboo Oromiyaa kan waamsisan yoo ta'u Mana barnootaa Ifa Boruu Dodolaa Dhiiraan qabxii 591 saayinsii Uumamaan tokkoffaa yoo ta'u Mana barnootaa Boordiingii Amboo Dhiiraan 562 Saayinsii uumamaan kan galmaa’ee ta'u isaa himameera.

Walumaa galatti Oromiyaatti barattoonni 11,651 qormaata kutaa 12ffaa bara kanaa milkaa’aniiru.
Haaluma kaanan Manneen Barnootaa Ifa Boruu fi Bultii Addaa Sad. 2ffaa 7nuufi MB Waldaa Misoomaa Oromiyaa Barattoota Isaanii 100% Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2017 Dabarsuu

WOW! Barataa qormaata Seensa Yuunivarsiitii  qabxii Olaanaa Galmeesse! 591! Oduu Jirra24/7 Barataa Mana Barumsa Ifa Boru...
14/09/2025

WOW! Barataa qormaata Seensa Yuunivarsiitii qabxii Olaanaa Galmeesse! 591!

Oduu Jirra24/7

Barataa Mana Barumsa Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolaa Kaalid Bashiir qormaata Seensa Yuunivarsiitii kutaa 12ffaa akka biyyaatti qabxii 591 galmeesse.

Odeeffannoo addaa addaa yeroo yeroottii argachuuf Miidiyaa Gadaa
karaa teelegiraamii nu hordofaa https://t.me/Gada_Media

AGARSIIFTU SIRNA GADAA OROMOO!

📡 📡

Address

Yabelo
Hagere Mariam
OROMIA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gadaa Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category