13/03/2026
“Yuunivarsitichi sanyii filatamaa ongee dandamatu godinaalee Gujiifi Booranaaf akka dhiyeessinu kallattiin kaa’ameera”
- Doktar Tamasgeen Dabaloo Pirezidaantii Yuunivarsitii Bulee Horaa
***************
Gaazexaa Bariisaa
Omishaafi omishtummaa dabaluuf jireenya hawaasaa jijjiiruurratti gaheen sanyii filatamaa olaanaadha.
Godinaalee omgeen irra deddeebiin mul’atu kanneen akka Booranaafi Gujiitti ammoo sanyii omishaafi omishtummaansaa olaanaa ta’e qofa osoo hintaane kan jijjiirama haala qilleensaan walqabatee ongee dandamatu ta’uu qaba.
Gama kanaan hojii bal’aa Yuunivarsitiin Bulee Horaa hojii hojjetaa jiru hordofee sadarkaa Naannoo Oromiyaattuu yuunivarsitii sanyii filatamaa omishee baay’isuun godinaalee Gujiifi Booranaaf akka dhiyeessuuf filatameera.
Waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaa waliin turtii kan taasisan Pirezidaantiin Yuunivarsitichaa Doktar Tamasgeen Dabaloo akka jedhanitti, toora xiyyeeffannoosaa keessaa qonni, horsiisni beeyiladaa, albuudaafi beekumsi xabboo isaan muraasa.
Keessattuu hawaasa horsiisee bulaafi gariin horsiisee bulaa godinaalee Gujiifi Booranaaf sanyii filatamaan haala qilleensaansaaniitti madaqu argachuun dhimma ijoodha.
Hawaasni godinaalee kunneen horsiisee bulaa qofa osoo hintaane hojii qonnaanis waan bulaniif sanyii filatamaa haala qilleensaatti madaqu, dafee ga’uu danda’uufi omishtummaansaa fooyya’aa ta’e akka dhiyeessuuf bu’uura mootummaan naannichaa isa filateefi abdii guddaa irra kaa’ateen hojjetamaa jira.
Jijjiirama haala qilleensaatiin Gaanfa Afrikaatti mudatuun walqabatee godinaalee gaaga’ama ongeef saaxilamuun gatii guddaa kaffalaa jiru keessaa godinaaleen Gujiifi Booranaa ni eeramu.
Keessattuu ongee hamaan yeroo darbe godina Booranaatti akka biyyaattuu ongee balaafamaa fakkeenyummaan kaafamudha. Sanyiin loon Booranaa daran barbaadamoo ta’an hedduun hubaatii hamaa keessummeessaniiru.
Balaa kanaan walqabatee godina Booranaatti hawaasni duraan horsiisa beeyiladaa qofa mala jireenyaa taasifate hojii qonnaa shaakaluuf dirqameera. Hawaasni qonna jalqabe cimsee akka itti fufuuf sanyii filatamaa jireenya hawaasichaa jijjiiran dhiyeessuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Ongeen balaa gaaga’amaa al tokkotti maqsuun danda’amu ta’uu baatus sanyii midhaaniifi beeyiladaa ongee dandamatan qorannoon adda baasuun hawaasaaf dhiyeessuun tattaaffii yuunivarsirichaafi dhaabbilee mootummaa sadarkaan jiran hundaati kan jedhan Doktar Tamasgeen; sanyii filatamaan omishtummaansaa fooyya’aa ta’ee karoora mootummaan qabate wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti qooda guddaa qabaachuun amanamee lafti sanyii filatamaan kun irratti omishamu qophaa’ee jiraachuu dubbataniiru.
Yuunivarsitichi haalatti hawaasni haala qilleensaa dandamachuu itti danda’u dhimmoota akka bishaan kuusuufi biqiltuu dhaabuurratti hubannoo kennuun ala kallattiinis hirmaannaa taasisaa jira.
Sanyii loonii kan fooniifi aannanii omisthtummaansaanii olaanaa ta’erratti hojjetaa jira.
Loonirraa omisha foonii gahaa argachuun nyaanni akkamii dhiyaachuu akka maluufi omishtummaa aannaniirrattis bifa saayinsawaan hojii jalqabbii gaarii qabu hojjetaa jira.
Haaluma kanaan loon aannaniifi foonii adda baasuun horsiisaa jira. Boodarras bal’inaan hawaasa biraan ga’uuf kaayyeffatee hojjetaa jiraachuu eeraniiru.
Yuunvarsitichi giddugala qonnaa mataasaa qaba. Giddugala kana keessatti beeyiladoota qofa osoo hintaane horsiisa lukkuu, mala qonnaafi dhimmoota hawaasa naannawichaa giddugaleeffatanirratti xiyyeeffannoon hojjetaa jira.
Haaluma walfakkaatuun sanyiin beeyiladoota fooniifi aannanii filatamoo ta’an akkasumas malli qonnaa bu’aqabeessa ta’erratti muuxannoo biyyoota guddatanii qooddachuun dandamannaa haala qilleensaarratti erga qorannoon taasifameen booda hojiin madaqsuurratti hojjetaa jirus jira.
Kun ammoo biyya bu’aqabeessummaa caalaa ilaalchi baay’ina loonii bakka qabu keessatti jijjiirama ilaalchaa fiduufis shoora mataasaa qaba.
Dacheen Gujii irraan buna/sookoo magariisa, jalaan ammoo sookoofi kuufama albuudaan kan dhangi’amedha.
Waliigalaan dacheen Gujii bakka qabeenyi bunaafi albuudaa itti maqaa hin dha’amne hin jiru, yoo jiraates bakka tokko lama hincaalu.
Keessattuu, qabeenyi albuudaa akkuma addunyaattuu muraasa ‘are minerals’ jedhaman kanneen akka liitiyeemiifi tantaaliyeemiifaa dachee Gujii keessatti argamu.
Haala abbootiin Gujii dubbataniitiin yoo ta’e sababa kuufamni albuudaa tokko tokko xayyaarri gad harkisuuf xayyaarri dachee Gujiirra akka fedhetti balali’uu hindanda’u.
Doktar Tamasgeenis qabeenyi albuudaa qabeenya murteessoo jaarraa kanaa keessaa isa tokko jedhanii; kuufamni albuudaa Gujii keessa jiru abdii egeree biyyaa ta’uu dubbatu.
Haa ta’u malee jedhu, haalli omisha albuudaa bifa saayinsaawaan ta’uu baannaan bu’aasaarra miidhaasaatu caala.
Godinuma kanatti omisha albuudaan walqabatee, keessattuu jijjiiramaan dura hawaasni komii bal’aa kaasaa turuus yaadachiisaniiru.
Albuudni akkuma qabeenya faayidaaqabeessa ta’e ittifayyadamnisaa saayinsaawaa ta’uu baannaan miidhaas qaba. Qabeenyi kun qixa sirriin faayidaarra hinoolu taanaan qabeenya dhumuu danda’uudhas.
Kanaafuu, haala albuuda baasuufi fayyadamuu qorannoo saayinsaawaan masakame taasisuun qabeenya muraasa kana waaressuun akka danda’amu eeraniiru.
Yuunivarsitiin Bulee Horaa akka barnootaatti haala albuudaan walqabatu ji’ooloojiin barattoota hedduu omishuurratti argama.
Barattoonni damee kanaan baratan akka godinichaatti qofa osoo hintaane akkuma biyyaattuu omishtummaa damee albuuda kan toora xiyyeeffannoo biyyattii ta’eef galtee guddaadha.
Barana dameen albuudaa guddina dinagdee biyyattiis ta’e sharafa alaa argamsiisuurratti gahee seenaa keessatti dalagamee hinbeekne galmeessiseera.
Yuunivarsitichis sochii biyyaa utubuufi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf qooda irraa barbaadamu caalaatti ba’achuuf barnoota ukennuun ala hojii gorsaas kennuuf qophii xumureera.
Akka Gujiittis ta’e bakkawwan birootti abbootii qabeenyaa omisha albuudaarratti bobba’aniif gorsa ogummaa akkasumas eegumsa naannawaa dabalatee of eeggannoo taasifamuu qabu, bu’aqabeesummaa, ummataafi biyya giddugaleeffaterratti qorannoo hundahammateefi hunda fayyadamaa taasisuu danda’u kan duraarra bal’inaan kan itti adeeman ta’a.
Kana jechuun qorannoowwan barattoonni damee ji’ooloojii yeroowwan garaagaraatti taasisaniin dabalata ta’uus himaniiriu.
Sookoo magariisa jedhamuun kan waamamu bunni Gujiis toora xiyyeeffannoo yuunivarsitichaati. Doktar Tamasgeen gara yuunivarsitichaa kan dhufan yeroo dhiyoo as ta’us giddugalli qorannoo bunaa akka jiru odeeffataniiru. Sharafa alaa bunni biyyattii bara kana argamsiise keessaa bunni Gujiis gumaata guddaa qaba.
Bunni Gujii buna gabaa alaarratti barbaadamaa ta’e ta’us sirnoota darban keessatti maqaa mataasaan osoo hin taane maqaa biroon alatti ergamaa ture.
Ta’us toora xiyyeeffannoo mootummaa jijjiiramaa ta’uun bunni Gujii biraandii mataasaan akka gabaa biyya keessaafi alaaf dhiyaatutti giddugalli dhandhama bunaa akka ijaaramu taasifameera. Kunis ummanni Gujii faayidaa argachuu malu akka argatuuf gahee guddaa gumaacha.
Yuunivarsitichis buna jijjiirama haala qilleensaan dandamachuu danda’uu akkasumas dhibee kamiinuu yoo qabame dandamatee omisha kennuu haala itti fufurratti qorannowwan garaagaraa taasisaa jira.
Keessumattuu, teknoloojii bunni akka dhibee kamuu dandamatu taasisu qorannoon argachuun mirga abbaa qabeenyummaa irratti gaafataa jiraachuus dubbatani; qorannowwan bunarratti taasifaman kunneen buna dhibeefi jijjiirama haala qilleensaan dandamachuun omishtummaa ittifufan kanneen taasisan ta’uu kaasaniiru.
Beekumsi xabboo fayyadamuun daandii guddinaa ta’uu mootummaan jijjiiramaa cimsee amanuu qofa osoo hin taane qabatamaan hojiitti hiikaa jira.
Biyyi keenya imaammata dinagdee dabalatee sochii akka biyyaatti taasifamu hunda biyya alaarraa waraabuun yerooshee qisaasessaa turte.
Guddinni sobaan ummata gurra coomsaa turan kadhaa qamadii keessaa iyyuu biyya baraaruu hindandeenye. Ta’us hoggansi jijjiiramaa yaada ida’amuu kan baay’inaan beekumsa xabboo of keessatti hammateen yeroo gabaabaa keessatti imala biyyaa daandii guddinaa galma badhaadhinaatti geessu qabsiisuu danda’eera.
Fooyya’iinsa dinagdee gooroo dabalatee riiformiiwwan akka biyyaatti taasifameen, keessattuu dameen qonnaa hirkattummaa roobaarraa qofa osoo hintaane misooma jallisiin raajii dalaguu danda’eera.
Qamadiin alaa galus hafee carraaqqiin biyya alaatti erguuyy eegalamuun Itoophiyaaf seenaa jalqabaati. Hanqinni sharafa alaa guddina dinagdee hudhee tures alergii dabaluufi potenshaala keessoo garaagaraan furmaata akka argatu taasifameera.
Akko Oromootti Buusaan Gonofaa, Gaachanni Sirnaa, Tajaajila lammuummaafi Manni Murtii Aadaa waan ganama Sirna Gadaa keessatti tumamuun Oromoon ittiin jiraataa turedha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa tajaajila lammummaan ijaarsa manneen barnootaa qarshii biliyoonaan lakkaa’aman cinatti dame tajaajilaa hundaan hojii guddaa nama boosan hedduu hojjete.
Yuunivarsitiin Bulee Horaas beekumsa xabboo dagaagsuu cinaatti dhaloota duudhaalee ganamaan hubannoo gabbataa qabu.
Walumaagalatti, sanyii filatamaa boqqolloo, qamadii, bunaa, beeyiladaafi kanneen omishani baay’isuun qonnaan bulaa biraan ga’uun ijoo xiyyeeffannoo yuunivarsitichaati.
Keessattuu, hawaasa hanqina roobaan rakkoo ogeen yeroowwan garagaraa hubamu kana deggaruuf sanyii filatamaa haala qilleensaan dandamataniifi dafanii ga’uu danda’anirratti kallattiidhuma mootummaan kaa’een kutannoon caalaatti kan hojjetamu ta’a.
Wabii midhaan nyaataa qofa osoo hintaane madda galii hawaasaas gabbisuuf qaama dhimmi ilaalu waliin hojiin qindoominaa cimee kan ittifufu ta’a.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
Bariisaa Bitootessa 2 bara 2018