๐˜ฟ๐™–๐™ž๐™ก๐™ฎ ๐™ฃ๐™š๐™ฌ๐™จ

๐˜ฟ๐™–๐™ž๐™ก๐™ฎ ๐™ฃ๐™š๐™ฌ๐™จ Good attitude

https://www.facebook.com/100089496496105/posts/638549439138267/?app=fbl๐˜ฟ๐™–๐™ž๐™ก๐™ฎ ๐™ฃ๐™š๐™ฌ๐™จ๐˜ฟ๐™–๐™ž๐™ก๐™ฎ ๐™ฃ๐™š๐™ฌ๐™จ
13/03/2025

https://www.facebook.com/100089496496105/posts/638549439138267/?app=fbl
๐˜ฟ๐™–๐™ž๐™ก๐™ฎ ๐™ฃ๐™š๐™ฌ๐™จ๐˜ฟ๐™–๐™ž๐™ก๐™ฎ ๐™ฃ๐™š๐™ฌ๐™จ

Artist Andu'aalam Gosaa mirgi Wabii dhowwame.

Oduu Waliif ( Bitootessa 13/2025) Finfinnee

Artist Andu'aalam Gosaa du'a kaadhimaa isaa Qananii Addunyaan shakkamee erga to'atamee guyyaa lama booda mana murtii dhihaate.

Abukaatoon isaa Obbo Liban Abdii madda Oduu BBC'tti akka himanitti, poolisiitu Andu'aalam mana murtii federaalaa dhaddacha Araadaatti dhiheesse.

Jalqaba torban kana Kibxata barii erga kaadhimaan Andu'aalam ''sababa ammaaf hin beekamneen kufuu'' booda qorannoof to'annoo jala oolchuu poolisiin beeksisee ture.

Modeela, akkasumas beeksisa garagaraa dalaguun kan beekamtu Qananii Addunyaa umrii 25'tti du'uu seenaa dhalootaasheerratti ibsameera.

Owwaalchisees guyyaa Roobii magaalaa Finfinnee Bataskaana Kaatediraalii Qulqulluu Sillaaseetti raawwatameera.

Dhaddacha har'aa irratti poolisiin Qananiin ALI Ebla bultii 1, 2017 barii sa'aatii kudhanitti mana jireenyaashee gamoo shanaffaarraa kufuu dubbate.

''Isa waliin waan jiraattuufโ€ฆisa shakkinee to'annoo seeraa jala oolchinee jirra.

''Kanaafuu shakkii kanaan kaanee qorannoo akka gaggeessinuuf guyyaan 14 [qorannoof] nuuf haa kennamu jedhanii gaafatani,'' jedhan abukaatoon isaanii Obbo Liban.

Poolisiin dhaddacharratti hanga ammaa ashaaraa kaasuu, qorannoof reeffa hospitaalatti erguu akkasumas ragaa namaallee sassaabaa akka jiran dubbatan.

''Amma suuraa galmee waliin walitti qabsiisuuf, jecha ragaa namootaa fudhachuuf, hanga qorannoon reeffaa dhufu qorannoo waan goonuuf,'' guyyoota 14'n gaafachuu dubbatan.

Haa ta'u malee, manni murtii gaaffii mirga wabiin gadhiifamuu akka dide himan.

''Amma ajjeechaan waan shakkameef yeroodhaaf mirga wabii isaa hin ilaallu, bu'aan qorannoo reeffaa haa dhufu ragaanis walitti haa qabatuuti beellama itti aanutti dhimma wabii isaa ilaalla,'' jechuu dubbatan.

Amma yoo bahe miidiyaa hawaasummaarratti wanti jiru xiqqoo waan ho'eef beellama tokkoffaadhaan mirga wabii isaa eegun xiqqoo rakkisaadha,'' jechuun abbaan seeraa beellama qabachuu himan.

Akkaatuma kanaanis, guyyaan 13 eeyyamamee beellamni itti aanu ALI Bitootessa 17, 2017 beellamni biraa qabamuu BBC' gabaaseera.

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j
Facebook- www.facebook.com/WALIIFTV
Youtube- https://www.youtube.com/
Telegram- https://t.me/waliiftvofficial
Tiktok- www.tiktok.com/
Waliif TV Ilaalcha haaraa

12/03/2025

Ani barsiifadheen ol erge haa duutufii miti; Haqa micayyoo tiyyaa adaraa akka Hacaaluu Hundeessaatti akka hin hafne" Amaanaa Ummata Oromoo tti kenadhen jira Haqa Micayoo tiyya naaf baasa jechuudhan Abbaan Qananii ergaa Cimaa dhamaa fi Dhamaati qabdu dhamatanii jiru

Odefannoo Dabalataaf Oromia Daily News Follow Like fi share godha nu hordofa

Poolisiin Addis Ababa Addis Ababaa akka beeksisetti, nama du'e Aadde Din-Leni-Day Releech.Muddee 01, 2017, saโ€™aatii 10 0...
12/03/2025

Poolisiin Addis Ababa Addis Ababaa akka beeksisetti, nama du'e Aadde Din-Leni-Day Releech.
Muddee 01, 2017, saโ€™aatii 10 00 00 PM, 2017 saโ€™aatii 10:00tti duโ€™eera.
Poolisiin Addis Ababaa garee adda baasuu fudhatee teeknikaa fi tooftaa barbaachisaa ta'e walitti qaba, reeffa miira keenyaas teeknikaa fi tooftaa sirrii ta'e hojjeteera.
Odeeffannoo yeroo guyyaan ciniinsuu haala miidhamaa keessattis fooyyaโ€™u, fi dhiibbaa hamaa adda baasuu yakka iddoowwan hawaasummaa adda addaa .
Poolisiin Addis Ababaa namoota dhuunfaa gocha isaanii irraa of qusachuuf fudhatee raabseera.
Gabaasa: F / Perspector Daawiit .
Odeeffannoo siyaasaa keenyaaf:
Feesbuukii irratti: https://www.facebook.com/addisababapol
telegiraamii irratti: https://t.me/addispoice
Cuubps: https://www.youtube.com/c/adisababocap hawaasiyoosii
Twitter: Twitter.com/Addispoice
Web https: Weeb https://www.addispolis.gov.et/
"Handness keessa dhaabbata!"
"Hagoodhaan eegaa, komiidhaan tajaajili!"
news

11/03/2025

Ana haa nyaatu haadhokoo ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ
Suuraawwan kana kaleessa saโ€™aatii 10:00 eegalee hanga galgala saโ€™aatii 1:00tti guyyaa dhaloota ishee kabajachuuf kaโ€™aa akka turte warri suuraa kaasan maxxansaniiru hedduu ulfaataadha.
Maal egaa amma maal jedhu, waanuma jedhan nama dhabsiisa namni guyyaa dhaloota isaaf qophaaโ€™u halkanuma tokkotti boqochuun ulfaataadha.
Mucaan kun dargaggeetti bareedduudha, abjuu gurguddaa qabdi, humnaa fi barnoota Injinarummaa xumurteetti, hojii moodelingiin Oromoo keessatti beekamtii guddoo qabdi garuu sun hunduu hin taane.๐Ÿ˜ฅ
Harโ€™a jirraaf malee boru waan taanu hin beeknu, kanaafuu yaa obbolaakoo hanga jiruutti jireenya keenyatti gammadoo tahuu fi namootaaf ammoo waan gaarii yaaduu qofaatu furmaata.
Qananii Addunyaa Nagaan Boqodhu๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ

https://www.facebook.com/100057306264222/posts/844464637473737/?app=fbl
05/11/2023

https://www.facebook.com/100057306264222/posts/844464637473737/?app=fbl

Mata dureen sirba "BAALA-แŒแ‹œ" jedhuu fi sirboonni biroo maaliif afaan biraan moggaafaman?

Baala Gizee, Minew, Bassoo Ballaa, Sebbar Zeenaa fi ...kkf jechoota afaan Oromoon miti kan moggaafaman. Wanti kun sirriidhaa?

Namoonni hedduun, mata duree sirboota armaan olii yeroo qeeqan argina. Kunis immoo yaaddoo qulqullina Afaan Oromoof qaban irraa madda natti fakkaata. Ta'ullee garuu, jarri mata duree sirboota kanaa qeeqan dogoggoraniiru. Seera walaloo keessatti, namni walaloo barreessu tokko mirga isaaf kenname qaba. Kunis, mirga waloo ykn 'poetic license' jedhamee beekama. Gama biraan immoo 'Artistic freedom' illee ni jedhama. Kana jechuun, walaleessaan ykn waloon tokko mirga afaan barbaadeen walaloo barreeasuu, caas-luga afaanii diiguu fi seer-luga afaanii cabsuun akkaataa walaloon isaa isaaf mijatutti barreessuuf mirga guutuu kennameefiidha. Kanaafuu, weellistoonni mata duree sirba isaanii afaan fedhee fi jechoota isaanitti toleen moggaafachuu danda'u. Kana kanumaanan bira tara.

Mee amma dhimma ijoo ergaa sirba "BAALA-GIZEE" jedhu kana bifa gabaabaan haa ilaallu. Walaloon seensa muuziqaa kanarratti fayyadamame;

"Daddafi dafoo, dafi yaa dafoo (2)

Jabaan booree, booressa booraani
Nama gadi ta'ee namatti roorrisa garaani

Biyyi abbaadhaan tola, warra abbaa biyyaati nuti
Bakka keenyatu bakkana, kan gizeen nufide miti!" jedha!

Sirbi kun asitti ergaa guddaa dabarseera. Erga bara 2020 as habashoonni Oromoodhaan "แ‰ฃแˆˆ แŒแ‹œ/Abbaa Yeroo" jedhanii waamu. Kana jechuun, dur bara hin qabdan ture. Barri kan keessani, baratu isin fide akka jechuuti. Weellisaa Yoosan garuu, "Nuti warra Baalagizee miti. Bakkuma keenyatu asi. Baratu nu fide miti. Nuti gurraacha Kuush warra Walaabuuti malee, warra as godaane miti. Bakkuma keenyatu asi" jedhee morma. Dhugaa jirtu itti hima.

Eeyyeen; bara bayyanatteen keenya tokko tokko salbaajii geeddarattee, wuskii facaasaa "Nuti baalagizeedha; maal fiddu?" jettu keessa, ilmi Oromoo immoo "Lakki nuti yeroon nun fidne; bakkuma keenyatu asi " jedhee mormu argine. Kun ergaa guddoodha! Itti fufuun immoo;

Baalagizee jettee na waamti jarri
Dhugumaaree kan jettu jarri?
Nan jibbaaree, nan sarmaaree yoo tole barri?

Asittimmoo "Osuma barriyyuu yeroo gaarii naaf fidee, nan didaa? Nan sarmaaree?" jedhee ejjeennoo isaa itti hima. "Dabarees taanaan, isin waggaa 150 ol Oromoo hiraarsitaniittu. Yoo barri tole, anis bara kootti nan fayyadama" jedhee abdii kutachiisa.

Sirba kana keessatti, namni kamuu qalbiin akka hubatun barbaada. Vedio'n sirba kanaa lafa baadiyyaa fi magaalaa hammateera. Magaalaa keessa mana bareedaa bifti isaa adii, konkolaataa bareedaa gatiin qaalii fi namoota uffata adii uffatanii sirbantu mul'ata.

Baadiyyaa keessammoo, namoota dafqanii bishaan raasanii waraabbatantu mul'ata. Namoota sangaan qotantu mul'ata. Namoota qola bunaa akaa'antu mul'ata. Dubartii mataa lafa keessee gadditu wayiitu mul'ata.

Ergaawwan kun raajiidha. Yeroo "Baalagizee" jedhamne kana keessatti, magaalaa keessatti gareen quufee basha'u yoo mul'atu, baadiyyaa keessatti garuu, uummata gadadoo keessa lixee qola bunaa danfifatu mul'ata. Kun haala qabatamaa uummatni keenya keessa jiru mul'ise. Magaalaadhaan Oromoo hin madaaliinaa; baadiyyaan har'ayyuu rakkootti jira akka jechuuti. Bara "Baalagizee" jedhamne keessatti wanti mmaswalxaxaan akka jiru mul'isa. Itti fufuun;

"Keenya wal ta'uu dide, didaa wal conqolaasa
Jarri walta'ee nu fonqolchuuf nutti ija babaasa" ... jedhee walaleessa.

Yeroo baalagizee jedhamne keessatti, Oromoon har'ayyuu waldhibdee keessaa akka jiru sangoota wal lolaa jirtuun mul'ise. Jaalala diinota Oromoo immoo harroota wal dhungattuun mul'ise. Asitti "Yaa cimina Daarektaraa" nama jechisiisa. Itti fufuun;

"Beenu baadiyyaa, seeni tokkicha
Mil'adhu jiruu, ilma Oromtichaa
Akkuma kalee, dhiiba lafasaa
Maaliif hin-jirreen, coomsa gurrasaa" .... jedhee ergaa hima.

Asitti ergaa guddootu darbe. Oromiyaan har'ayyuu rakkoo keessa jirti. Sangaan qotuu keessaa hin baane. Wanti addatti ta'eef hin jiru. Inumaa qola bunaa dhugaa jirti. Ni salphatteyyuu! "Maalsaa baalagizee jetturee?" waan jedhu fakkaata. Ammas itti fufee, ergaa wayii dhaama.

"Walgalaafattee, geeba hin fudhattu
Maaliif tokkummaan, diina hin qolattu?
Gaaddisa biyyaa, Oromtichakoo
Cimsi tokkummaa, falmadhu rakkoo!" ...jedhee fala dhumaa kaa'a.

Oromoo wal cabsee bu'aa akka hin buufanne jala muree hima. Paartileen Oromoo wal ta'uun, diina Oromoorraa akka qolatan dhaama. Falli dhumaa, araara, nagaa fi tokkummaa akka ta'e dubbata.

Walumaa galatti, sirbi "Baalagizee" jedhu kun haala yeroo kan ibsuu fi falas kan kaa'eedha.

Yoosan weellisaa miti. Hayyuudha! Jaarsa araaraati. Lencho Fikru ilma sabaaf dhalate. Ogeessa maqaan "Ogeessa" jedhu hin ibsineedha.

Galatoomaa jennaan!

Via Kaanenus kaasaa Baayisaa.

25/10/2023

๐–๐š๐ง๐œ๐ข๐ข ๐ ๐š๐ง๐ง๐š๐ญ๐ข ๐‹๐š๐Ÿ๐š๐š ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐š

 #๐˜พ๐™ค๐™ฃ๐™œ๐™ง๐™–๐™ฉ๐™ช๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ž๐™ค๐™ฃ๐™จ๐ŸŽ‰๐ŸŽ‰๐ŸŽŠ๐ŸŽŠGandi Ikoo-Tuuriziimii   Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Turiizimiitiin "Ganda Turiziimii fil...
19/10/2023

#๐˜พ๐™ค๐™ฃ๐™œ๐™ง๐™–๐™ฉ๐™ช๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ž๐™ค๐™ฃ๐™จ๐ŸŽ‰๐ŸŽ‰๐ŸŽŠ๐ŸŽŠ

Gandi Ikoo-Tuuriziimii Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Turiizimiitiin "Ganda Turiziimii filatamaa bara 2023โ€™โ€™ jedhamee filatameera.

๐˜ฝ๐™–๐™œ๐™– ๐™‚๐™–๐™ข๐™ข๐™–๐™™๐™–๐™ฃ๐™ž โ—โ—โ— ๐™๐™ค๐™Ÿ๐™ž๐™ž๐™ฃ ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ ๐™˜๐™ž๐™ข๐™š๐™š ๐™ž๐™ฉ๐™ฉ๐™ž๐™ž ๐™›๐™ช๐™›๐™ช๐™ช ๐™ฆ๐™–๐™—๐™–.

Goonni seenaa dheeraa malee umrii dheeraa hin qabu silaas, Jaal Boruuf koo nagaan boqadhu. Waan jedhan nama wallaalchisa...
19/10/2023

Goonni seenaa dheeraa malee umrii dheeraa hin qabu silaas, Jaal Boruuf koo nagaan boqadhu. Waan jedhan nama wallaalchisa. Kichutti si dhabne ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ Kayyoo kee dhaloonni galmaan ni gaha.

 Hoggantoonni Tajaajilaa Lammummaa fi Immigireeshinii malaammaltummaan shakkaman 42 toโ€™atamanHoggantoonnii fi hojjetoonn...
19/10/2023



Hoggantoonni Tajaajilaa Lammummaa fi Immigireeshinii malaammaltummaan shakkaman 42 toโ€™ataman

Hoggantoonnii fi hojjetoonni Tajaajilaa Lamummaa fi Immigireeshinii malaanmaltummaa fi hojmaata badaan shakkaman 42 toโ€™annoo jala oolfaman.

Kenniinsa tajaajilaa dhaabbatichaan walqabatee komiiwwan irra deddeebiin kaโ€™an furuuf koreen Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa, Poolisii Federaalaa fi Tajaajila Lammummaa fi Immigireeshinii irraa walitti babaโ€™e kanneen gochaa malaanmaltummaarratti hirmaatan itti gaafatamtoota taasisuuf hordoffii fi qorannoo taasisaa turuu ibsa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif ergeen beeksiseera.

Haaluma kanaan korichi tajaajilamtoonni paaspoortii fi tajaajilootaa biroo tajaajilaa saffisaa fi gadii gadaanaan argachuu utuu qabanii shakkamtoonni hojmaataa walxaxaa fi uumaniin lammiilee dhamaatii hamaaf saaxiluu bira darbee baasii hinmalleef saaxilaa turuun eerameera.

Address

Hagere Mariam

Telephone

+251916339225

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ๐˜ฟ๐™–๐™ž๐™ก๐™ฎ ๐™ฃ๐™š๐™ฌ๐™จ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to ๐˜ฟ๐™–๐™ž๐™ก๐™ฎ ๐™ฃ๐™š๐™ฌ๐™จ:

Share