Qaroo Islamic Media

Qaroo Islamic Media 👉Islam is the Solution for Humanity

05/08/2026

إنا لله وإنا إليه راجعون😭🇵🇸

Tiraamp isa Iraan 'waliin mariyataa jirra' yoo jedhu Iraan garuu dhugaa miti jette********Iraan isa Pireezidaantiin US D...
03/08/2026

Tiraamp isa Iraan 'waliin mariyataa jirra' yoo jedhu Iraan garuu dhugaa miti jette
********
Iraan isa Pireezidaantiin US Doonaald Tiraampi mariin Iraan wajjin waraana dhaabuurratti xiyyeeffate Wiixata eegala jechuun ibsan dhugaa akka hin taane beeysifte.

Tiraampi yaada Dilbata kennaniin Iraanirratti haleellaa dhaqqabee hin beeyne raawwachuuf qophaa'us Iraaniifi michootni US isa dhiisnee akka mari'annu nu gaafachuu isaaniin haleeluu dhiisuu beeysisee ture.

Mariin itti fufiinsaan waraana dhaabuurratti xiyyeeffatus Wiixata har'aa waaree booda akka eegalu Tiraampi dubbatee ture.

Ibsa Sambata wayita xiyyaara Air Force One koru kenne keessatti ''Iraan hammeenya haleellaa raawwatamuuf jiruu qophii godhamurraa ni beeyti ture'' jedhe. Nuti isaaniin mariisisaa turre. Marichi boru sa'aa booda eegala'' jechuun dubbatanii turan.

Ministirri Dhimma Alaa Iraan yaada dhimma kanarratti Wiixata har'aa kennaniin, US waliin mariin gaggeeffamaa jiru hin jiru, karoorriis hin jiru jedheera.

Dubbii himaan Ministeerichaa Ismaa'eel Baagheey Iraan Omaan waliin mariitti akka jirtu dubbate.

Mariin Omaan waliin itti jiran kun ammoo Hulaa Hormuuz keessa haala dooniiwwan nagaan itti imalan irratti wal-hubannoorra gahuuf akka ta'e dubbate.

Mariiwwan amma duraa US fi Iraan jidduu gaggeeffaman jaarsummaan qaama sadaffaan gaggeeffamaa turan.

Tiraampi irra deddeebiin mariin waraana kana goolabu gara dhumaatti dhiyaateera jechaa turus lolli ittuma fufaa ture.

Tiraampi karoora Iraan haleeluuf baase gaaffii fi yaaddoo Iraan fi biyyoonni Baha Jiddugaleessaa dhiheessan booda haquu miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social jedhamurratti barreessee ture.

Iraan yaada Tiraampi kanarratti hanga yoonaa ibsa hin kennine.

Tiraampi marii nagaan waraana kana dhaabuun dhihaateera jechuun yeroo garaagaraatti ibsaa ture, garuu kan mul'atu haleellaadha.

Tiraampi ibsa isaanii kana keessatti mariin Iraan waliin eegaluuf jedhu kun yoom akka xummuramuu fi eessatti akka gaggeeffamu hin ibsine.

Tiraamp wayita xiyyaraa pireezidaantii koru yaada kennee tureen, haleellaan raawwachuuf qophaa'anii ture erga waraana Addunyaa Lammaffaatii kan mul'atee hin beekne akka ta'e himeera.

Ji'oota duras akkasuma ''qaroomina Iraan mancaasna'' jechuun dhaadannoo guddaa dhageessisee ture jechuun OFM tu gabaase.

Ammoo miidiyaaleen US tokko tokko Tiraampi haleellaa raawwachuurraa kan boodatti jedhaa jiru sababa kuufmni meeshaa waraanaa biyyattii haphataa waan dhufeef jechuun aanga'oota waabeffachuun gabaasaniiru.

Dhalattuun Itiyoophiyaa Melat Kiros Amerikaatti filannoo injifachuun Izraa'ilota iyyisiisaa jira.😂Kan filate uummata Ame...
02/07/2026

Dhalattuun Itiyoophiyaa Melat Kiros Amerikaatti filannoo injifachuun Izraa'ilota iyyisiisaa jira.😂

Kan filate uummata Ameerikaa (Colorado), kan filamteefis ummata kana tajaajiluufi, Amerikaa tajaajiluufi. Kan iyyu garuu isaanuma waggaa 3000 imimmaan irraa hin qoorre sana 🙄

Meelaat deeggartuu cimtuu mirga Fal🇵🇸sxiini, imaammata mootummaa shoro**rkeessaa tsi* yoonotaa Izraa'il nama jabeessitee mormituudha, kanaa ol ammoo kan caalu jira.

Waraana Izraa'il Ga**💔zzaatti gaggeessaa jirtu "duguu**gaa sanyii" jechuun beekkamtii kenniteetti. Kun guutummaatti ejjannoo mootummaa Ameerikaayyuu kan faallessuudha. Garuu Meelaat gooteetti. Ammas kan caalu biraa jira.

Akkuma beekamu Amerikaa male Izraa'il hin jirtu, waraanaafi diinagdee akkasumas siyaasaan isii Ameerikaa irratti hundaa'eeti. Taaksoiin Amerikaanonni kaffalan boo*mbii ta'ee baha jiddugaleessaatti xaaxa'a.

Egaa Meelaat bulchiinsi Ameerikaa deeggarsa Izraa'iliif taasisu akka dhaabuufi Ameerikaanonni Izraa'iliif tumsa akka hin goone namoota siyaasaa dhiibbaa uumaa jiran keessaa ishee tokko. Kunimmoo bulchiinsa Gaash Tiraamp fi Sheyixaaniyaahuutiif sarara diimaadha. Yaadonni kun akka dhaga'aman, dhugaan akka saaxilamu hin fedhan.

-Balaa Kirkira lafaa Veenzuweelaatti mudateen daa’imni waggaa 3 guyyoota 6 booda lubbuun argame******** Balaa Kirkira la...
01/07/2026

-Balaa Kirkira lafaa Veenzuweelaatti mudateen daa’imni waggaa 3 guyyoota 6 booda lubbuun argame
********
Balaa Kirkira lafaa Veenzuweelaatti mudateen daa’imni waggaa 3 guyyoota 6 booda jigjiga keessaa lubbuun argameera.

Lubbuu baraartootni ammas hojii lubbuu baraaruu hojjetaa jiru.

Hojii hojjetamaa jiru kanaan daa’imni waggaa 3 Kiilibar Mooraan jedhamu Bulchiinsa Laaguuweeraatti guyyoota 6 booda jigjiga keessaa lubbuun kan argame yoo ta’u, yaalli sadarkaa jalqabaa taasifamuufin yaala dabalataaf gara Hospitaalaa galeera.

Pireezidaantiin Veenzuweelaa Deelsii Roodiriigeez daa’imichi haala gaarirratti kan argamu ta’uu eeruun, daa’imichi lubbuun argamuun ummataa biyyattiif abdiidha jedhan.

Ammaas carraan namoonni biroo lubbuun argamuu jiraachuu eeruun, hojiin lubbuu baraaruu cimee akka itti fufu himan.

Balaa kirkira lafaa kanaan lakkoofsi namoota lubbuun darbanii kuma 1 fi 943 gaheera.

Namoonni kuma 10 ol ta’an miidhaa qaamaaf saaxilamuu fi kumaatamaan kan lakkaawwaman ammoo achi buuteen isaanii hanga amamatti hin beekamne.

Balichaan gamoowwan kumni 58 fi 870 barbadaa’uun BBC’n gabaaseera.

07/06/2026

"አታላይ አይደለሁም.. ሞኝ ከሆንክ ግን በቂ ነው!"
Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል 🤍🌿

08/05/2026

ኢትዮጵያ 🤍👌🌿
Ustaz Yassin Nuru / ياسين نورو
゚viralシ

Afeerraa Sagantaa Eebba KitaabaaKabajamtoota hawaasa Muslimaa maraaf!Kitaabni mata-dureen isaa “SAGALEE TAWHIIDAA” jedha...
08/05/2026

Afeerraa Sagantaa Eebba Kitaabaa

Kabajamtoota hawaasa Muslimaa maraaf!

Kitaabni mata-dureen isaa “SAGALEE TAWHIIDAA” jedhamu, kan seenaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa ibsu, barreessaa kitaabichaa Riyaad Sheekh Aadam Tuulaatiin kan qophaa’e, eebbaaf qophiin isaa xumuramee jira.

Kanaafuu, sagantaa eebba kitaabaa kana irratti akka argamtanii qooda irraa fudhattan kabajaan isin affeerra.

Guyyaa Eebbaa: Caamsaa 1/2018
(ykn Zul Qa’iidaa 22/1447)

Iddoo: Istaadiyeemii Imaamu Ahmed, Magaalaa Harar

Argamni keessan saganticha ni milkeessa inshaa Allaah!

Ministeerri Hajjii fi Umraa Sa’uudii Arabiyaa hujjaajonni hayyama Hajjii isaanii karaa seera qabeessa ta’een qofa akka a...
08/05/2026

Ministeerri Hajjii fi Umraa Sa’uudii Arabiyaa hujjaajonni hayyama Hajjii isaanii karaa seera qabeessa ta’een qofa akka argatan dhaamee .

Ebla 29, 2018
Zul Qa’adaa 20 /1447

Ministeerri Hajjii fi Umraa Sa’uudii Arabiyaa Hujjaajonni hayyama Hajjii isaanii karaa seera qabeessa qofaan akka argatan dhaamaniiru.

Ministeerichi hajjaajonni tajaajila barbaachisaa ta’e haala salphaan akka argataniif dambii fi qajeelfama Hajjii akka eeggatan waamicha dhiyeessee jira.

Ministeerri Hajjii fi Umraa Sa’uudii ibsa har’a baaseen sirna Hajjii raawwachuuf viizaa Hajjii qofatu barbaachisa ta’uu ibsuun, hujjaajonni viizaa isaanii dhaabbilee hayyama seeraa qaban qofarraa akka fudhatanii fi adeemsa seeraa akka hordofan dhaamaniiru.

Kunis hujjaajonni ka’uu isaanii irraa kaasee hanga adeemsa Hajjii xumuramuu fi deebi’uu isaaniitti tajaajila qindaa’ee fi bakka jireenyaa akka argatan ni taasisa.

Kana malees, hujjaajonni sanada seera qabeessa qabaachuu fi guutummaatti imala gochuu danda’uun isaanii tajaajila iddoowwan qulqulluutti kennamu guutummaatti akka argatan taasisuu qofa osoo hin taane, nageenya isaanii eeggachaa bakka irraa gara bakkatti bilisaan akka socho’aniif haala mijataa akka uumuuf ministeerichi ibseera.

Ministeerichi akkasumas hujjaajonni beeksisa dogoggoraa fi ergoota seeraan alaa hayyamaa fi viizaa seeraan alaa beeksisuun akka hin gowwoomfamne cimsee akeekkachiiseera.

.....Waardiyyaan Al 👉 Aqsaa...Salaata Juma'aa guyyaa har'aa masjiida kabajamaa Al Aqsaatti 🕌Jaalalleefi amaanaa keenya A...
08/05/2026

.....Waardiyyaan Al 👉 Aqsaa...
Salaata Juma'aa guyyaa har'aa masjiida kabajamaa Al Aqsaatti 🕌
Jaalalleefi amaanaa keenya Al Quds, Fala🇵🇸sxiin irraa

07/05/2026

ለመሆኑ የእውነት ግን አናስባለን ?
Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል 🤍🌿👌
⭐🤍

Address

Harar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qaroo Islamic Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share