19/09/2026
“Jaalalli Kadhaa Miti: Nama Si Dhiisuuf Murteeffate Duuba Hin Fiigin
Nama Si Dhiisee Deemuuf Murteeffateef Hulaa Bantaa Moo Boo'aa Duuba Buutaa? 💔
Jaalalli kadhaa qofa miti.
Yeroo tokko tokko namni Ati jaallattu si dhiisee deemuu barbaada. Ati immoo qalbii cabda, sammuu kee keessatti gaaffiin baay'ata, “Maalan dogoggore? Maaliif na dhiisa? Maal godhee akka inni hin deemne gochuu danda'a?” jettee of gaafatta.🤔
Yeroo sana wanti ati jalqabaa yaadachuu qabdu tokko jira:
Nama tokko akka si jaallatuuf of dirqisiisuu hin dandeessu.
Ati nama tokko jaallachuu dandeessa. Isaaf amanamaa ta'uu dandeessa. Dogoggori yoo jiraate sirreessuuf yaaluu dandeessa. Dhiifama gaafachuu dandeessa. Hariiroo keessan oolchuuuf mari'achuu dandeessa.
Garuu qalbii nama tokkoo harkaan qabdee akka inni si jaallatu gochuu hin dandeessu.
Nama tokko kan si dhiisee deemuuf murteeffate yeroo hunda kadhachuun, boo'uun, of gadi qabuun ykn “na hin dhiisin” jechuun jaalala kee mirkaneessuuf dirqama miti.
Jaalalli dhugaan kan namni tokko qofti dirqamaan of bira tursiisuu miti. Jaalalli dhugaan filannoo waloo, kabaja, amanamummaa fi fedhii lamaan isaanii irraa maddu qaba.
Namni tokko siif turuu yoo barbaade, sababa ati isa kadhatte qofa ta'uu hin qabu. Inni mataan isaa siif turuu barbaaduu qaba.
Kana jechuun garuu, “Nama kan rakkoo keessa jiru battalumatti dhiisi” jechuu miti.
Hariiroon tokko rakkoo yoo qabaate, mariin ni barbaachisa. Dhiifamni ni barbaachisa. Obsi ni barbaachisa. Yaaliin waloo ni barbaachisa. Namni lamaan isaanii hariiroo isaanii oolchuuf fedhii yoo qabaatan, rakkoo hedduu waliin furuun ni danda'ama.
Garuu ati qofti hariiroo tokko baachuu hin dandeessu.
Ati qofti jaalala kennitee, ati qofti araara gaafachaa, ati qofti boo’aa, ati qofti duuba fiigaa, inni immoo yeroo hunda deemuu qofa yoo barbaade, yeroo tokko tokko wanti sirrii ta’e duuba fiiguu miti; of kabajuu dha. 🤍
Nama tokko gadhiisuun yeroo tokko tokko jaalala dhabuu miti.
Yeroo tokko tokko, “Ani si jaalladha, garuu ofis nan kabaja” jechuu dha.
Nama tokko dhiisuu jechuunis, “Ati naaf homaa miti” jechuu miti.
Inni jechuun, “Ani waan hunda yaaleera. Amma garuu qalbii koo eeguuf murteeffadheera” jechuu ta'uu danda'a.
Onneen kee yoo cabee, of hin komatin.
Namni si dhiise jechuun ati nama gatii hin qabne jechuu miti.
Namni tokko si hin filanne jechuun namni hundi si hin filatu jechuu miti.
Namni tokko si hubachuu dadhabe jechuun ati nama hubatamuu hin qabne jechuu miti.
Gatiin kee murtii nama tokkoon hin madaalamu.
Yeroo tokko tokko namni nuti akka nuuf ta'u hawwinu, Rabbiin immoo akka nuuf hin taane beeka.
Nutis waan tokko dhabne fakkaanna; garuu Rabbiin balaa tokko irraa nu baraaree jiraachuu danda'a.
Kanaaf waan si dhiise hunda duuba fiiguu irra, Rabbiin waan siif hambise irratti qalbii kee hirkisuu.wayyaa
Qalbii cabdeef yeroo kenni.
Har'a yoo boosse, boru ni tasgabboofta.
Har'a yoo waan hundumaa hin hubanne, yeroo booda sababni isaa siif gala.
Har'a yoo nama tokko malee jireenyi kee akka hin danda'amne sitti fakkaate, yeroo booda ni hubatta:
Jireenyi kee nama tokkoon hin jalqabne; nama tokkooninis hin xumuramu.
Ati Rabbiin qabda.
Nama tokko dhabuu kee keessatti of hin dhabinaa.
Nama tokko kan si dhiiseef of jibbuun hin barbaachisu.
Nama tokko kan siif hin taaneef of gadi qabuun hin barbaachisu.
Nama tokko akka si jaallatuuf gatii kee hir'isuun hin barbaachisu.
Namni siif ta'e siif dhufa. Namni siif hin taane immoo, yoo ati hammam iyyuu qabatte, harka kee keessa hin turu.
Kanaaf yoo nama tokko sirriitti jaallatte, waan gaarii ta'e yaali. Yoo dogoggorte, sirreessi. Yoo inni dogoggore, yoo danda'ame dhiifama godhi. Yoo mariin furmaata fiduu danda'e, mari'adhu.
Garuu yeroo yaaliin hundi xumuramee, inni si dhiisee deemuu filate, of hin cabsin.
Hulaa banuun yeroo tokko tokko injifannoo miti; garuu of kabajuu dha.
Deemuu isaa ilaaluun yeroo tokko tokko jaalala dhabuu miti; qalbii kee eeguudha.
Boo'uun kee salphina miti. Gaddi kee dadhabina miti. Onneen kee cabsamuun ati nama laafaa taate jechuu miti.
Ati nama taate.
Ni miidhamta. Ni boossa. Ni yaadda. Garuu suuta suutaan ni fayyita.
Rabbiin qalbii cabde ni beeka.
Waan ati namaaf hin himne ni beeka.
Imimmaan kee namni hin argine illee Rabbiin ni arga.
Kadhannaa ati halkaniin qalbii cabaa gootu ni dhaga'a.
Kanaaf yeroo onneen kee cabsamu:
Nama duuba fiiguu dura Rabbiitti fiigi.
Nama irraa deebii eeguu dura Rabbiin biraa tasgabbii barbaadi.
Nama tokko akka siif turu kadhachuu dura, “Yaa Rabbi, yoo inni naaf kheyr ta'e naaf tursiisi; yoo naaf kheyr hin taane, qalbii koo irraa nagaan naaf baasi, waan isa caalu naaf kenni” jedhii kadhadhu.
Sababni isaas, waani dhabde hundi balaa miti; waani ati argatte hundis milkaa'ina miti. Rabbiin waan ati hin beekne ni beeka.
Qalbii kee Rabbiif kenni.
Of kabaji.
Of hin jibbin.
Nama tokko dhabuu keetiin of hin dhabin
Yeroo tokko tokko wanti ati “dhuma” jettee yaaddu, Rabbiin biratti jalqaba boqonnaa haaraa ta'uu kee ta'uu danda'a.
Rabbiin onnee cabde haa suphu. 🤲🏻🤍
Kan si dhiise yoo kheyr qabaate, karaa gaariin haa deebisu.
Yoo kheeyrii hin qabne immoo, qalbii kee irraa nagaan haa baasu; bakka isaa nagaa, tasgabbii, kabajaa fi waan siif caalu siif haa kennu.
✍️. Bint Qaasim 🤍
゚viralシ