Ahmed Yusuf exmail.com

Ahmed Yusuf exmail.com PIECE

Ayyanni Qullubbii Gabreelii karaa nagaa ta'een kabajame xumuramuu  isaa Hogganaan Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bah...
26/07/2025

Ayyanni Qullubbii Gabreelii karaa nagaa ta'een kabajame xumuramuu isaa Hogganaan Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa Gargaaraa Komishinaraa Naasiir Mahammad himan.

Adoolessa 19/2017

Ayyanni Qullubbii Gabreelii karaa duudhaa isaa eeggateen kabajamee xumuramuu isaa Hogganaan Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa Gargaaraa komishinaraa Naasiir Mahammad himaniiru.

Ayyanni kun karaa nagaa ta'een akka kabajamuuf qaamni waloo nageenya:- Raayyaa Ittisaa Biyyaa,Poolisii Federaalaa, Poolisii Naannoo Oromiyaa, Poolisii Naannoo Hararii, Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Diree Daawaa, walumaa galatti qaamoleen nageenyaa Federaalaa, Naannoo, Godina, Aanaa hanga ganda jirtan akkasumas hawaasni bal'aan ayyanni kun nagaan akka kabajamu gahee isin irraa eeggamu baahachaa turtan maqaa Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaatiin galatooma jechuun Ayyanichi bifaa nagaa fi tasgabbii qabuun xumuramu isaa Gargaaraa Komishinaraa Naasiir ibsaniiru jechuun kominikeeshinii Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaatu gabaase.

Iftoominni bu'uura kenna tajaajila gaariiti!= = =Kenni tajaajila gaariin itti quufinsa uummataa mirkaneessuun guddina bi...
25/07/2025

Iftoominni bu'uura kenna tajaajila gaariiti!
= = =
Kenni tajaajila gaariin itti quufinsa uummataa mirkaneessuun guddina biyyaa utubuu keessatti qooda olaanaa qaba. Biyyoonni guddina ariifachiisaa galmeessaniifi rakkoo bulchiinsa gaarii mul'atu hundeerraa hiikuun itti quufinsa lammiilee gama hundaan dhugoomsan bu'uurri isaanii kenna tajaajilaa si'ataa, amanamaa, iftoomina, haqummaafi loogiirraa bilisa ta'e kennuudha.

Kenni tajaajila Mootummaa ga'umsa (efficient), iftoomina (transparent) fi lammiilee giddugaleeffachuun (citizen-centered) diinagdee biyyattii karaa utubeefi nageenya isaanii mirkaneesseen kennamuu akka danda'u taasisaniiru. Biyyoota guddatan baay'ee keessatti tajaajila baadiyyaatti gadi buusuun tajaajilli iftoomina qabuufi walqixxummaa lammiilee mirkaneessuu akka danda'u ta'eera.

Biyya keenya keessattis jijjiiramaa asitti jalqabbiin gaariin jiraatus rakkoon bulchiinsa gaariifi gufuu guddina biyyaa ijoon rakkoo kenna tajaajilaa ta'uu adda ba'ee xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa jira.

Kanaanis labsiifi qajeelfamoonni haaraan ba'uufi kallattiin yeroo yeroon kennamuun kenna tajaajilaa ammayyeessuun tajaajilawwan kanneen akka gibira sassaabuu (e-tax), tajaajila elektrooniksiin fayyadamuu (e-service) tajaajila foddaa tokkoo (one window service)fi abbaa dhimmaa torbeetti guyyaa sadi (Wixata, Roobiifi Jimaata) hooggansiifi ogeessi kamuu abbaa dhimmaa biiroo/waajjira taa'ee akka keessummeessu akkasumas tajaajiloota mootummaa gara tokkotti fuduuf (one-stop service center) hojjetamaa jira.

Kanaafuu, muuxannoo biyyoota garaagaraa irraa barachuun, akka biyyaatti tarsiimoo keenya foyyeessuufi dandeettii hojimaata tajaajila mootummaa sadarkaa hawaasaaf gahu babal’isuun barbaachisaa waan ta'eef, jalqabbiin biyya keenya keessatti taasifamaa jirus kan jajjabeeffamuufi hanqina mul'atu furaa deemuun milkaa'ina bu'uuraa fidaa akka deemu taasisuun daraan barbaachisaadha.

Hawaasni keenya manneen hojii mootummaa keessatti tajaajila qulqulluu, si'ataafi itti quufinsa q

24/07/2025
Badhaadhina Hunda Galeessa Dhugoomsuuf Miira Yeroo Hin Qabnuutiin Hojjechuun Murteessaadha . Adoolessa 17/11/2017Godina ...
24/07/2025

Badhaadhina Hunda Galeessa Dhugoomsuuf Miira Yeroo Hin Qabnuutiin Hojjechuun Murteessaadha .
Adoolessa 17/11/2017
Godina Harargee Bahaa Aanaa Gooroo Muxiitti kallattii hojii karoora guyyoota 90 bara 2018 irratti xiyyeeffate hoggantoota Seektarootaa fi Bulchiinsa Gandoota Aanichaa hirmaachise gaggeeffamaa jira.
Aanichatti ‎Karoora Guyyoota 90 bara 2018 Hojii Paartii fi Mootummaa bakka Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Gooroo Muxii obbo jaafar yuusuf fi I/G/Waajjira Paartii Badhaadhinaa obbo Mahammad Aadam argamanitti gaggeeffamaa jira.

Nageenya ni Waaressina,Misooma ni Dhugoomsina!________Harargee Bahaatti Raawwii Hojii Nageenyaa Bara 2017 fi Boqonnaa Qo...
22/07/2025

Nageenya ni Waaressina,Misooma ni Dhugoomsina!
________
Harargee Bahaatti Raawwii Hojii Nageenyaa Bara 2017 fi Boqonnaa Qophii Karoora 2018 Mana Marii Nageenyaa Godina Harargee Bahaa Magaalaa Hararitti Qooda Fudhattoota Aanaa/Magaalaatiif, Iddoo Koreen Mana Marii Nageenyaa Godinichaa argamanitti Itti Gaafatamaa Waajjira Bulchinssa Nageenya Godinichaa Obbo Ahmednaaji Abubakariin Dhihataa tureera.

Waltajjiin Mana Marii Nageenya kunis Nageenyaaf misooma Godinichaa daran Fuuldura Tarkaanfachiisuurratti kan xiyyeeffate yoo tahu Waltajjicharratti Bulchaa Godina Harargee Bahaa Addee Miskii Miski Mohammed Itti gaafatamaan Waajjira Paartii badhadhinaa Godina Harargee Bahaa Obbo Habtamu Tasfaye Hogganaa Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa Gargaraa Komishinaraa Naasir Mahammad,Itti IGaafatamaa Waajjiira Bulchinsaa fi Nageenya Godina Harargee Bahaa Obboo Ahmed Rationalist Ahmadnaaji Abubeker Boqonnaa Kallattii Karooraa Mana Marii Nageenyaatiif dhiheessniiru.

Waltajjicharratti sochii haala nageenyaaf misooma Godinichaa keessatti gaggeeffamaa tureerratti mariyatamuun hanqinaaf ciminoonni turan erga adda bahan booda Bulchaan Godinichaa Aadde Miski Mohammed Kallattii fuulduraa kaayuun Goolabaniiru.

  Tajaajilli Lammummaa Furtuu Rakkoo Hawaasaati Godina Harargee Bahaa Aanaa Gooroo Muuxiitti Ganda wacuugeey hojii kenna...
21/07/2025


Tajaajilli Lammummaa Furtuu Rakkoo Hawaasaati
Godina Harargee Bahaa Aanaa Gooroo Muuxiitti Ganda wacuugeey hojii kenna tajaajila Lammummaatiin manni harka qalleeyyiif ijaaramaa jira.

"Hoggansi Haala Sirnaan Beekee Hojii Hunda Wal Qixa Hogganuu fi Hirmaannaa Uummataa Cimsuutu irraa Eeggama" Aadde Miski ...
21/07/2025

"Hoggansi Haala Sirnaan Beekee Hojii Hunda Wal Qixa Hogganuu fi Hirmaannaa Uummataa Cimsuutu irraa Eeggama" Aadde Miski Mohammed
________^
Harargee Bahaatti Kallattii Karooraa Hojii Bara 2018 fi karoora guyyoota 90 irratti hoggantoota sadarkaa godina, Aanaalee fi Magaalota godinicha hirmaachise waliin magaalaa Hararitti mari'atamaa jira.

Gamagamaa Kana irraattii Bulchaan Bulchinsaa Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahammad Bara hojii 2017 keessaa hojiin fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hedduun hojjatamu eerun, Karoora Xiqqii Bara 2018 Milkeessuuf Karoora Gababa guyyoota 90 Kan hojii keenyaa ittin hoggannuu qopheessuun miraa yeroo hin qabnun hojjannee jiruu fi jireenya ummataa jijjiiruu, hiyyummaa jalaa baasun badhaadhina maatii dhugoomsuuf xiyyeeffannoo addaa hojjatamuu akka qaban ibsanii jiru.

Biftuma Waalfakkatun IG Waajjira Paartii Badhadhinaa Damee Godina Harargee Bahaa Obbo Habtamu Tasfaye galma karoora badhaadhinaa qabame milkeessuuf godinichatti roga hundaan hojiin hojjatama jiru jajjabeessadha akka tahe ibsun. Hanqinoota jiran maqsuun, ciminoota argaman itti fufsiisuu, akkasuma jijjiiramicha itichuuf kutannoon hoggansa sadarkaan jiru murteessaa akka tahe dhamanii jiru.

“Hiyyummaa Bu’uuraan Injifachuuf Carraalee Misoomaa Qabnutti qixaan Fayyadamuun murteessaadha”

21/07/2025

Address

Harar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ahmed Yusuf exmail.com posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share