Mìlkêêssãã Êéñyûmmãã

Mìlkêêssãã Êéñyûmmãã Nama ta'uun hawwa
Madaala uumamaa
Wal darbaa hin fedhu
Anaaf wal qixxummaa®√√√

10/08/2025
Nama koo Waani Sitti Himuu.➖➖➖➖➖➖~Ati Namaa Addaati.• Biyya Kamitti Dhalachuu Dandeessa.• Maatii Kam Irrayyuu Dhalachuu ...
10/08/2025

Nama koo Waani Sitti Himuu.
➖➖➖➖➖➖
~Ati Namaa Addaati.
• Biyya Kamitti Dhalachuu Dandeessa.
• Maatii Kam Irrayyuu Dhalachuu Dandeessa.
• Haala Kam Keessattis Dhalachuu Dandeessa.
• Wantoonni Siif Malan Illee Sitti Hir'achuu Danda'u.
• Madaa Hin Dagatamne Qabachuu Dandeessa.
• Wanti Si Sodaachisu Naannoo Kee Jiraachuu Danda'a.
• Waa Gochuuf Yaaddee Nama Harka Si Qabu Dhabuu Dandeessa.
• Fayyaa Qabattee Karoorri Jireenyaa Si Harkatti Toora Dhabuu Danda'a.
• Fayyaa Dhabdee Akka Namoota Fayyaa Qabanii Ta'uuf Hawwitee Rakkannan Bo'uu Dandeessa.
• Jireenya Namoota Biraa Ilaaltee Kan Kee Hiika Dhabeessa Sitti Fakkaachuu Danda'a.
• Nama Baayyee Abdattee Si Buusuu Danda'u.
• Siif Kakatamee Homtuu Siif Hin Rawwatamne Ta'a.

Sitti Himuu Abdii Hin Kutin.

√ Wanti Barbaade Haa Ta'u.
√ Ati Garuu Lafa Yaada/Hawwii Keetii Sana Nii Dhaalta.

%100 Yaada Moo'ataa Qabaadhu.

√ KEENNAA KEESSA KEE ISA ADDAA SANA BAASI ITTIIN HOJJECHUU DANDA'I.

√ CUBBUUN ALATTI WANTA ITTI AMANTU TOKKO GOCHUUF HIN SODAATIN.

√ Waanuma Kamiifuu Dhiibbaa Uumuu Danda'uu Qabda.
√ Sinan Jedha Obboleessa/Obboleettii Koo Bakka Amma Jirtuu Fi Yeroo Ammaa Booddee Qabdutti Waan Guddaa Gochuu Dandessa.
√ Kan Darbe Yaadee Hin Gaabbiin, Hin Dhiphatinis Ammallee Wanta Gochuu Barbaadde Gochuu Dandeessa.
√ Seexana Ykn Warra Sin Mormaniif Yeroo Hin Kennin Darbii Deemi.
√ Warra Madaa Ykn Dadhabbii Kee Qofa Tuttuquu Jaalatan Irraa Fagaadhu.
√ Jireenya Kee Keessatti Madaa Hin Dagatamne Qabattu Illee Qabamtee/Danqamtee Akka Hin Hafneef Mudhii Kee Hidhadhuu Ciminaan Hojjadhu.

Dubbisaa Gaarii

Waan Dubbiftaniif Galatoomaa.

gochu hin Dagatinaa

22/11/2023

Seenaan_Hiyyeessa_Qabu

Aartistii kana Namni Hedduun hin beektan. Garuu Aartistii beekamaa bara 70moota keeysa gama aartiitiin gumaacha Hedduu godhaa tureedha. Maqaan Isaa ja'ama. Mahammed seenaan Isaa Aartistii Baha oromiyaa keeysattii hiyyoomuun isii Hedduu kan nama gaddisiisu tahuus, dhugaafi seenaan haqaa hin dhokattu akkuma ja'an guyyaan geenyaan iyyaaffanni seenaa arra biraan bahe.

Mahammed Daawwid nama ogummaa Gitaara taphachuun qixxee hin qabneedha. Akkuma Suuraa irratti agartan Mahammed ammallee Gitaara isaatiin osoo adda hin bahin nama jiruudha. Sirboonni mahammed keeysa Kan ittiin beekamu
" Gufuu manaa duuba
Sittiin foorriyyaa suuta suutaan" kan ja'u alalaasa walaloo ajaaiba Fi yadaloo onnee namaa seentuun alalaaseeti ture. Kana malees sirba isaa

"Wabii tiyya Jimaa Kee qamahee
Bagaan jiraadhe muraada Kee gahe" jechuun Abbaafi tahee Aartistii Maliyaa Bulee intàla isaa tahuun waa'ee Barnoota Fi niin heerumaa jechuun Wal moormani boodarra Barnoota irratti eeybise. Dhugumaan Oromoon Aartiistoota akkanaa kanaatu jira. Arra hoo?

19/08/2023

Watch, follow, and discover more trending content.

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mìlkêêssãã Êéñyûmmãã posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Mìlkêêssãã Êéñyûmmãã:

Share