01/10/2020
ባለአስር ነጥቡ የኦሮሚያ እስልምና ጉዳዮች ከፍተኛ ምክር ቤት መግለጫ በአፋን ኦሮሞ የተዘጋጀ፦
Ibsa ejjennoo Yaa'ii idilee 2ffaa mana marii waliigalaa dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaa
©Mujib Amino
▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰
Manni Maree Waliigala dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaa hoggantoota sadarkaa naannoo, godinoota fi magaloota waliin ta'uudhaan yaa'ii idilee 2ffaa bara 2013 guyyaa lamaaf magaalaa Finfinneetti geeggeesseen, karoora fi raawwii hojii bara 2012 gamaaggamuun akkasumas karoora hojii bara 2013 fi muudamoota gara garaa dhiyaate irratti marii bal’aa erga geggeessinee booda sagalee guutuun mirkaneessuun ibsa ejjennoo abbaa qabxii 10 qabu baasuun walgahii isaa milkaa’inaan xumuree jirra.
Ibsa ejjennoo Yaa'ii idilee 2ffaa mana marii waliigalaa dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaa
1. Gabaasa hojii bara 2012 akkasumas karoora fi bajata hojii bara 2013 mana maree ol'aanaatiin dhihaate gamaggamuun sagalee guutuun mirkaneessineerra. Ummanni keenyaa fi qaamni dhimmi ilaalu hundi milkaa’ina karoora hojii keenyaatif tumsa isarraa barbaachisu hunda akka nuuf taasisu yaamicha ni taasisna.
2. Muudama Koree ulamaa’otaa, hayyootaa, dargaggootaa, imaamotaafi daa'iwwan, oodiitiifi inspection Mana marichaatin dhiyaate xiinxaluun sagalee guutuun kan mirkanneessine yoo ta'u galma galiinsa hojii isaaniitiif deeggarsa barbaachisaa ni taasisna.
3. Nuti Muslimoonni waamamni keenya "Muslimoota" jedhama. Kanaan alatti maqaa diinni nu qooduuf yeroo adda addaatti nuuf moggaasu hundaayyuu irra deebinee ni balaaleffanna. Muslimoota hundaayyuu osoo ilaalcha isaatiin adda hin qoodin wal qixa tajaajiluuf waadaa ni seenna.
4. Akkuma tokkummaa Islaamaa cimsuutti walii galle, hordoffoota amantii biro, sabaa fi sablammii hunda waliin nageenyaan, jaalalaa fi kabajaan waliin jiraachuu irratti cimsinee ni hojjanna.
5. Kootaan Hooggansaa Mana Maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa kan Mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa keessatti qabu qixa sirrii isa madaaluun akka bakka buufamu