20/09/2026
🏹Imala Kaayyoo part 12ffaa
🧭Masjiida keessatti Salaata Asrii sujuudarra Isaa Jiru qaamni badii raawwachuuf itti bobba’e Rasaasaan Dhawee Isa Ajjeese
Seenaa Daa'ii beekkamaa Biyya filipine Nuuh kaabariinoo Rabbiin rahmata haa godhuuf
Ballinaan dubbisaa .......
👉 Nuuh Kaabariinoo jedhama Dhalataa biyya filipine kan maatii Amantii Kiristaanaa kessatti dhalatee guddate yoo ta’u Waa'ee Amantichaa ijoollummaa irraa barachaa hubannoo cimsate
🍀 Nuuh Yeroo umriin isaa Dargaggummaa gahutti haalli jiruu itti ulfaata tahuus garuu Akkuma Ilma Namaa tokkotti Jireenya isaa foyyeessuuf hojii barbaacha Sa'udii Arabiyaatti Imale hojjachuu jalqabe
👉 ....Nuuh seenaan jireenya isaa daandii Islaamummaatti isa geessu Asirraa jalqaba
🧭 yeroo hojiitti namoota muslimaa kan isa waliin hojjetan haalaa fi Naamusa Ulfina isaan amantii isaaniitiif qaban akkasumas gaaromina isaan isatti itti agarsiisan qalbii isaa booji'e Yeroo tana Islaamummaa daran qo’achuu fi hubachuuf
📖 Qur’aana hiikkaa dubbisuu fi kitaaboota garaa garaas dubbise gaaffilee garaa garaas Islaamumaa irratti beektoota gaafate deebii fi dhugaan Eessa Akka jiru Hubate Boodarra Islaamummaa fudhatee Shahaadaa qabate
🍀 Yaa Masha allah
🍀 Sana booda Nuuh hubannoo fi beekumsa isaa fooyyeessuuf
Afaan Arabaa fi, Ilmii shari'aa gadi fageenyaan barate turtii waggaa 7 qofa keessatti Qur’aana, tafsiiraa fi siiraa (seenaa Nabii Muhammad ﷺ) qomatti qabate
🍀 Boodarra gara biyya isaa Filippiinitti 🇵🇭 deebi’ee,
da’awaa Islaamaa irratti bobba’e. Qeesota Kiristaanaa waliin marii fi morkii amantii (munaazaraa) gaggeessuu fi biyya hedduu keessa da'awaa gochuuf adeeme haala kana keessatti waggoota muraasa qofa keessatti Kiristaanonni Kumaatamaan lakkaawaman karaa da’awaa isaatiin Islaamummaa fudhatan ...
☝️ Allaahu Akbar
Nuuh imala da'awaa kana keessatti Hedduus Mokkorame qormaatamuun sunnaadha Akkuma jedhamu yeroo baay'ee irratti duulame
🍀 Boodarra, namoonni isa morman ragaa fi falmii amantiitiin isa moo’uu erga dadhabanii booda, bara 2016 keessa Akka [ A.l A]tti
🍀 kutaa biyya filipine Masjiida Maanilla jedhamu keessatti Isaa salaata Asrii sujuuda keessa jiru Qaamni badii yakka raawwachuuf isatti bobba’e masjiida Isatti ol seenee rasaasaan isa dhawee Ajjeese
Gooticha da'awaa kana Rabbiin
🤲 Rabbiin rahmata isaaf haa godhuuf
👉 Durii fi Ammallee
Duulli islaamummaa balleessuuf biyyoota garaa garaa keessatti gaggeeffamu beeksisa ta'ee islaamummaafi hawaasa walbarsiisee namoota baay'ee muslima gochaa jira
🤲 Nuus daandii Islaamummaa irratti warra jiraate Irrattillee nama yaamu kan fakkeenya gaarii waliif tahu Nu Haa Taasisu
🍀 Seenaa kana irraa barnoota guddaa akka fudhattan Abdiin Rabbi irraa qaba
Share godhaa obboleeyyan kessaniif qoodaa Addunyaa biraan gahaa
👉 Fuula Page keenyaa Asumaan follow Tolchaa nu hordofaa
Madda seenichaa 🌐 قنــاة الإســلام 🌐
✍️ Daily Islamic reminders