01/08/2024
Jachoota Hayyootaa kan Nama Dinqisiisuu
* Namni sadi Lammata siif Hin Dhalatuu Jabeeyfadhu...
1. Harmee tee
2. Abbaa kee
3. Obbaleeyyan kee.
* Waa Sadi waa sadiin Tola...
1. Beekumsi Barsiisuun
2. Qabeenyi kennachuun (sadaqachuun)
3. Jiruun Ibaadaan...
* waa Sadi Nama sadirraa Haalaan Tola...
1. Ibaadaan Daradarraa
2. Sadaqachuun Miskiina rraa.
3. Qaanfiin dubra rraa...
* Waa sadi Nama sadirraa Haalaan Fokkotti
1. Ibaadaa Dhiisuun Nama guddaarraa
2. Boonuun miskiinarraa
3. Qaanfii dhabuun dubartii rraa...
* Namni hundi Xilaata Sadihii wajjiin mana tokko Jiraata...
1. Jaartii (haadha mana saa)
2. Adurree
3. Gaange...
* Guyyaan Addunyaa Akka jirutti Guyyaa sadi.
1. Guyyaa dabre (kalee).
2. Guyyaa arraa..
3. Guyyaa dhufu (boru)...
* Waa sadi Arkachuuf Yaalii godhu Qabda...
1. Beekumsa guddaa
2. Qabeenya guddaa
3. Intala Bareedduu tan Diin Qabdu.
* Waa sadi waa sadi rraa Dhoorkan, Garuu Booda Tanuma isaati...
1. Dubra dardara Irraa
2. Harree waraabeeysa rraa
3. Qabeenya Ilma rraa...
* Namni Amma Post Kana Dubbisutti Jiru Nama Sadi.
1. Nama dubbiseetuma Bira Dabru.
2. Nama dubbisee LIKE qofa Godhee Bira Dabru.
3. Nama dubbisee LIKE & SHARE & COMMENT godhee bira Dabru.
Isin Hundi Keessanuu Galatoomaa
Qophii: Hamza Abdulhakim
https://t.me/ibsaadhuga