YOMIF MEDIA

YOMIF MEDIA oduuf odeeffannoo madda qabatamaa waliin

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Bahar Jemal, Duula Oromiyaa Bahaa
29/11/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Bahar Jemal, Duula Oromiyaa Bahaa

05/01/2025

Volcanic eruption in Ethiopia

24/11/2024

Israel

Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa Marsaa 18ffaan, sadarkaa Naannoo Oromiyaatti magaalaa Maayaatti k...
06/12/2023

Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa Marsaa 18ffaan, sadarkaa Naannoo Oromiyaatti magaalaa Maayaatti kabajame
-----------
Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa 18ffaan, sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Bulchiinsa Magaalaa Maayaatti sirnoota garaa garaan kabajameera.

Kantiibaan Magaalaa Maayaa Dr.Ifrahaa Waziir Ayyaanni Saboota fi Sablamoota agarsiiftu Itoophiyaanotaati fi Mallattoo agarsiisa waloomaati ja'an.

Sagantaa kanarrattis Af-yaa'ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Itti Gaafatamaa Waajira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa dabalatee, hooggantoonni olaanoo Naannoo Oromiyaa, Abbootii Gadaafi Haadholiin Siinqee argamaniiru.

Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan Guyyaan Sabootaa, Sablammootaafi Uummattootaa Itoophiyaa kabajamaa jiru guyyaa itti sirni qeenxee leellisu cabee gara sirna sabdaneessummaatti ce’ame itti mirkanaa’e waan ta’eef hundaafuu hiikaa guddaa qaba jedhan. Kabajni guyyaa sabootaa kun gama hundaan guyyaa wal-qixxummaafi obbolummaan uummata biyyattii itti mirkanaa’ee waan ta’eef seenessaafi sirna qeenxeerraa gara sirna waloomaa hunda qixa hirmaachiseetti ceene waan ta’eef guyyaa addaati jedhan. Bu’aalee sirna federaalizimiin dhufaa jiran cimsuun bu’aa caaluuf cichuu qabnas jedhaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa gama isaaniitiin ammaan booda dhugaan qeenxeefi anatu siif beekaan, kan ofii namarratti fe’uun boqonnaan isaa cufameera; seenessi waloo dagaagaa deema jechuun dubbatan. Uummanni Itoophiyaa gaaffiiwwan lafaa, wal qixxummaafi ofiin of bulchuu isaa akka deebi’uuf sirnoota dhufanii darban keessatti kaasaa turuus eeraniiru. Kanaafis, qaaliiwwan ilmaan sabaa aarsaa itti ta’aniiru jedhan.

Kantiibaan Magaalaa Maayaa Dr.Ifrahaa Waziir Ayyaanni Saboota fi Sablamoota agarsiiftu Itoophiyaanotaati fi Mallattoo agarsiisa waloomaati ja'an.
Qabsoon ilmaan Oromoo adda durummaan gaggeessaa turanis aarsaa kitimaan booda adeemsaan fuuramaa dhufuu eeraniiru. Keessumattuu, sirni federaalizimii Itiyoophiyaa keessatti Sadaasa 29 bara 1987 irraa kaasee hojiirra ooluu eegale gaaffiiwwan ka’an hundaaf deebii kan kennudha jedhan. Hanga jijjiiramaatti garuu hedduun isaa waraqaarra turuus yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaa garuu Naannolee arfan haaraa hundaa’an dabalatee, gaaffileen mirga dimokiraasii Sabootaa karaa ifaafi qajeeltoo isaa eeggateen deebii akka argataniif hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhugaa waloo hubachuu, seenessa badaarraa haaloof utuu hin taane irraa barachuu, barnootaafi saayinsiin cimuun; sirna cimaa ijaaraa deemuun haalaan akka barbaachisus Obbo Fiqaaduun yaadachiisaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa akka waliigalaatti waldhabdeewwan akka biyyaatti jiran addatti ammoo rakkoo nageenyaa Naannoo Orom...
21/11/2023

Mootummaan Itoophiyaa akka waliigalaatti waldhabdeewwan akka biyyaatti jiran addatti ammoo rakkoo nageenyaa Naannoo Oromiyaa bakkeewwan tokko tokkotti uumamee jiru karaa nagaan furuuf yaalii guddaa taasisaa tureera. Yaaliin kunis kutannoo mootummaan dirree dimokiraasii bal'isuufi rakkoo jiru mariifi karaa nagaan furuuf qabu irraa kan ka'edha. Mootummaan kutannoo kanas yeroo garaagaraatti waamicha taasisaa turuu bira darbee qabatamaan hojiitti akka hiikamuuf daandii walakkaa ol deemuun hojjechaa turee jira.

Haata'u malee, mariin araaraa Shanee waliin marsaa lammaffaaf Taanzaaniyaa Daaresalaamitti taasifamaa ture waliigaltee malee xumurameera. Mootummaan rakkoo nageenyaa Naannoo Oromiyaa bakkeewwan tokko tokko jiru mariin xumura akka argatuufi miidhaan uummataafi qabeenya irra ga'u akka dhaabbatuuf bakka qaamni sadaffaa argametti carraaqqii guddaa taasisus mariin araaraa marsaa lammaffaa kunis milkaa'uu hin dandeenye.

Kunis, qaamni Shanee jedhamu humnaan aangoo mootummaa qabachuuf socho'aa jiru kutannoon araaraaf qabuufi haal dureen mariif qabatee dhiyaate Heera biyya keenyaa, birmadummaafi sadarkaa biyyi keenya irra geessee jirtu bu'uura kan hin godhanneefi qabatamaan hojiirra ooluu kan hin dandeenye ta'ee waan hin argamneef akka ta'e hubatamee jira.

Mootummaan Itoophiyaa milkaa'uu dhabuu marii araaraa marsaa kanaaf kan gaddu ta'uu ibsaa qaamota maricha qindeessan, tumsaniifi haala mijeessan guddisee galateeffata.

Harki nageenyaaf diriire yoomiyyuu kan hin dachaane ta'uu irra deebiin ibsaa mootummaan kutaalee biyyattii bakka hundattuu olaantummaa seeraafi birmadummaa biyyaa kabachiisuu akkasumas nageenya uummataa mirkaneessuuf yeroo kamiyyuu caalaa uummata waliin qindaa'ee kan fufu ta'a.

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when YOMIF MEDIA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category