Moyi Ibsa

Moyi Ibsa Manifest your best self through your actions.

28/03/2025

‼️

Perezidaantiin Ertiraa haala yeroo ilaalchisee ibsa miidiyaaf kenneen fedhii mootummaa Itiyoophiyaa kamuu hin daangessinu isaan waliin walitti bu'us hin barbaannu eenyutu nu jiddutti ajandaa akka uume nu keessaa qoradhee ifa baasa jechuun harka kennachuu isaa ibseera.

Akka maanguddoon Ertiraa dhunfatan ibsa kennetti Ani eenyu nu keessaa Itiyoophiyaa waliin akka walitti na baasu jiru hanga ammatti hin barre kanaaf immoo abbootii ajandaa ni qoradhaa jechuun warwaata jiru.

Mootummaan Ertiraa dhimma fedhii Itiyoophiyaan qabdu kamuu dura hin dhaabbatu ammas walii galtee piritooriyaatis keessa hin gallu nuti Ummata Itiyoophiyaa fi mootummaa Itiyoophiyaa waliin hojjachuu fedha gaarii qabna dhugaa kana immoo ummanni Itiyoophiyaa fi mootummaan muummee ministeera Dr. Abiy Ahmed Ali durfamus nu hubachuu qabaa jechuun harka kennachuu isaanii ragaa bahaniiru.

28/03/2025

MUL’ATA KEE DHUGOOMSUUF
GATII BAASUU QABDA!

Guyyaa tokko dargageessi tokko namicha beekamaa Giriikii Sooqiraaxas jedhamu bira dhaqe. Akkuma beekamu Sooqiraaxas seenaa Giriikii keessatti nama beekamaa fi hojii isaan fiixaan ba’iinsa qabudha. Dargaggeessichis akkamitti akka sooqiraaxas nama fiixaan ba’iinsa guddaa argatee fi beekamuu danda’e gaafate.

Sooqiraaxasis dargaggeessichaan dhoksaa fiixaan ba’iinsa koo sitti himuu nan danda’a jedheen. Sana booda dargaggeessicha fuudhee naannoo laga ta’eetti isaa geesse. Lagicha bira yeroo ga’anitti amma dhoksaa fiixaan ba’iinsa koon si agarsiisa waan ta’eef, sirriitti na caqasi ittiin jedhe. Dargaggeesichis tole jedheen.

Sooqiraaxas mataa dargaggeessichaa qabee bishaan keessa seensise. Humnaan bishaanichuma keessatti osoo dargaggeesichi keessaa ba’uuf wixxifatuu daqiiqaa muraasa bishaanuma sana keessatti qabee dhaabbate.

Dhuma irratti erga dargaggeessicha gad dhiisee gaaffii tokko isa gaafate. Amma yeroo morma kee oliin bishaan keessa daqiiqaa ta’eef turte; maal hawwaa turtee jedheen. Dargaggeessichis hafuura guddaa baafachaa, humnaa olitti wanti ani hawwaa ture yoomuman ba’ee qilleensa argadha jedheen hawwaa ture jedhee deebiseef. Sana Sooqiraaxasis dhoksaan fiixaan ba’iinsa koos kanuma ittiin jedhe. Dargaggeessichis maal jechuudha jedhee gaafate.

Akkuma yeroo bishaan keessa turte amma hawwii guddaan qilleensa argachuuf hawwaa turte, fiixaan ba’iinsas yeroo hundumaa akkasitti yoo hawwite bira ga’uuf wixxifatte jedheen.

Gatiin nuti mul’ata keenyaaf baasnu galma ga’iinsa mul’ata keenyaaf murteessaadha.

28/03/2025

?
▬***********************************
❏ Cimina amala Leencaa keessaa waan tokko tokko:

» Leenci kuruphee qabachuudhaaf lafa 100km yoo ari'e, kurupheen inni lafa dheeraa fiigsise sun lafa dheeraa jalaa baqattee, kan biraan haaraan turuf jettee yoo miilluma isaa jalaa itti baate, ishee lafa dheeraa ari'aa ture sana dhiisee, ishee haaraa faana hin fiigu! Sababni ishee lafa dheeraa ari'ee fide sana, adeemsa wal fakkaataa, dadhabbii wal fakkaataa keessummeessaniiru waan ta'eef, ishee fiigicha wajjin jalqabe sanatti xumura godhe malee kan biraa wajjin dorgee hin jalqabu. Milkaa'umsi leencaa dhoksaan isaa inni guddaan kanadha. Yoo harkaa baatellee, ciisee tasgabbaa'ee, qaama isaa haareffatee akkaataa itti kan biraa adamsee nyaatu irratti xiyyeeffata. Akkaataa itti harka keessa galfatu hunda dursee qophii xumura!

༄ Amala namaa keessaa dadhabaan immoo: Namoonni baay'een waan tokkicha irratti xiyyeeffatanii, sana galmaan ga'achuu irratti hin xiyyeeffatan. Mana shiroo tokko yoo banate, tokko immoo ollaatti dhufee yoo mana kompiyuuteraa banate, kana wayya fakkaata jedhee sana itti dhiisee, bifuma wal fakkaatuun innis mana kompiyuuteraa banata. Sana qabee kana qaba. Miilla lamaan bakka lama altokkotti fiiguu barbaada. Mul'ata dhuunfaa cichee hin qabu, yaada namaa jiraata! Yoo akka yaade ta'uufii didellee taa'ee fala irratti hin xiyyeeffatu. Taa'ee of hooqa. "Ani fala hin qabu!" jedhee lallaba bututaa ofitti lallaba.

Ergaa:
༄ Ati leenca caalaa cimaadha! Ogummaadhaan jiraachuu baradhu! Namni dandeettii mataa ofiitti ogummaan fayyadamee milkaa'ina barbaadu bira gahuuf:

➊. Milkaa'inaaf hawwii cimaa qabaachuu qaba!
➋. Mul'ata isaa fageessee irratti yaaduu qaba!
➌. Fedhii olaanaa qabaachuu qaba!
➍. Kaayyoo isaatiif cimee/cichee hojjechuu qaba!
➎. Waan hojjetu jaalachuu qaba!
➏. Waan hojjechuu qabu beekuu qaba!
➐. Gargaarsa namoota ciccimoo irraa argatetti fayyadamuu danda'uun irra jiraata!

Address

Aretenga
Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Moyi Ibsa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share