21/07/2024
Yaa'iin mana marii Gumii Biyyaalessaa Hararii guyyaa boruu irraa eegalee ni gaggeeffama.
Yaa'iin mana marii Gumiin Biyyoolessaa Hariirii guyyaa boruu irraa eegalee yaa'ii idilee marsaa 6ffaa, waggaa 3ffaa,yaa'ii idilee 2ffaa akka gaggeessu beeksise.
Af-yaa’iin mana marii gumii biyyoolessaa Hararii obbo Muhyaddiin Ahmad ibsa kennaniin yaa’ii idilee kanaan ajandaalee adda addaa irratti mariin ni geggeeffama jedhaniiru.
Yaa'ii Idilee kanarratti ajandaawwan walgahii mararsaa 6ffaa, waggaa 3ffaa, yaa’ii idilee 1ffaa gegeeffame irratti marii bal’aa erga godhamee booda ni raggaasifama jedhaniiru.
Dabalataaniis yaa'ii idilee gumii biyyooleessa Hararii kanarratti gabaasni hojii bara 2016 fi karoora bara 2017 kan dhiyaatu yoo ta’u, mariin irratti godhamee ni raggaasisa jedhan.
Akkasumaas bara baajataa 2016 yaa’ichaatti raawwii karoora Afaan Hararii, aadaa, hambaa fi raawwiin roga barnootaatiin akkasumaas karoorri bara 2017 akka dhiyaatu ibsaniiru.