
28/01/2024
KUTAA 1FFAA
Nabiyyii Keetiin Walbari صلى الله عليه وسلم
Seenaa isaanii irraa isa bu’uuraa baradhu.
Muhammad (saw) eenyu?
“Dhugumatti, nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraa sodaatee Rabbiin baay’inaan yaadatuuf ergamaa Rabbii keessatti hidhannaa gaariitu jira.” (Al-Ahzaab: 21)
Muslimoonni akka nabi Muhammad [saw] tarree nabiyyootaa isa dheeraa warra gara Rabbiin qofa gabbaruutti nama waamuuf ergamanii keessaa marsaa dhumaa ta’e amanu. Diriin nabiyyootaa kun nabiyyoota kan akka Aadam, Nuuh, Ismaa’iil, Is-haaq, Ya’aquub, Yuusuf, Muusaa, Daawud, Suleymaaniifi Iisaa of keessatti qabata. Rahmanniifi nageenyi Rabbii isaan hundarra haa jiraatu.
Muslimoonni akkuma kana Muusaa irratti Tawraat buufamuu (wahyii isa odoo hin jijjiiramin ture), Iisaa irrattis, nageenyi isarra haa jiraatuu, Injiil nuufamuu (Injiil isa odoo hin jijjiiramin Iisaa irratti buufame) ni amanu. Nabi Muhammadis (saw) akka isaan waan namootaaf buufame isaaniif ibsanuuf jecha Qur'aanni irratti buufame.
Maqaan isaanii Muhammad bin Abdullaah bin Abdul Muxxalib bin Haashim. Haashim immoo Qurayshii irraayi. Qurayshonni Araba irraayi; ilmaan Ismaa’iil bin Ibraahiim jaalallee Rabbiiti; isaafi Nabiyyii keenya irra rahmanniifi nageenyi haa jiraatu.
Haati mu'uminootaa Aa’ishaan waa’ee Nabiyyii (saw) irraa gaafatamtee ni jette: “inni Qur'aana dachii irra deemu ture.” Kana jechuun jireenya isaanii keessatti Qur'aana hojiirra oolchu jechuudha. Kan armaan gadii keessatti akkamitti akka Nabiyyiin (saw) barnoota Qur'aanaa gocha nabiyyummaa kabajamaa ta’een hojiirra oolchan ni ibsina.