04/07/2026
DHUKKUBA INFULEENZAA (INFLUENZA)
👉Dhukkubni Infuleenzaa/Filuu/Vaayireesidhaan kan dhufu infekshinii/ujummoo hafuuraa, funyaan, qoonqoofi somba kan miidhuudha.
👉Dhukkubni kun daa'imman, dubartoota ulfaa, maanguddootafi namoota dhukkuba qancaraa qaban irratti daran hammaata.
👉Dhukkubni kun yeroo namni dhukkubsataan qufa'u, haxxiffatufi dubbatu akkaasumas wantoota vaayireesichaan faalame tuttuquun kan daddarbudha.
📌Mallattoolee mul'atan
✓Ho'inni qaamaa ol ka'uu
✓Qoonqoofi mataa dhukkubuu
✓Qufaa
✓Dadhabbii qaamaa
✓Qorrisiisuu
✓Funyaan ukkaamsuufi dhangala'aan bahuu
📌Malaoota Ittisaa dhukkubichaa
✓Daa'imman talaalchisuu (Influenza vaccine)
✓Yeroo qufaanuufi haxxiffannuu afaaniifi funyaan haguuguu
✓Maaskii afaaniifi funyaanii fayyadamuu
✓Harka ofii bishaaniifi saamunaan dhiquu
✓Dhangala'aa sirriitti fudhachuu
✓Nama dhukkubsate yeroo deeggarsa yaalii akka argatu taasisuu
✓Qoricha ogeessa fayyaatiin ajajame haalaan fudhachuu
Fayyaan Faaya