21/12/2025
!
Guyyaan eeyba kitaaba CALLEE CITTEE ifoomee jira.
Kitaabni Asoomaa Callee Citte kan dargaggoo Ahmed Mohaammed Roobaatiin katabame daadarkaa fii bu'aa bahii hedduu booda harka dubbiftootaa gahuuf kurfiilee isaa xumuratee guyyaa eeybaa qofa eeggachaa jira.
Kitaabni Asoosamaa ‘Callee Citte’ guyyaa sabtii ykn Sanbataa gaafa guyyaa 25/4/2018 ykn January 3/2026 Magaalaa Harar Galma Walgahii Waajjira Bulchiinsa Godina Harargee Bahaatti ganama za’aa 2:30 irraa eegalee bakka aanga’oonni mootummaa, Haayyoonni Yuuniversitii Haramayaa, Abbootiin Gadaa , Artistoonni, fii Hawaasni bal'aan arkamanitti bifa ajaa'ibaatiin ni eeybifama. Kanaaf ilmaan Oromoo biyya keeysa jirtan sagantaa bareedduu tanarratti hirmaattanii qooda Ogbarruu Oromoo tinnisuu akka baatan kabajaa fii jaalalaan isin gaafanna.
Muddee 25,2018 ykn January 3 wal arkaan teenya Magaalaa Harar ,Galma walgahii waajjira Bulchiisa Harargee Bahaatti haa tahu.
Nurraa hin hafinaa!