03/08/2026
Yeroo baay'ee qaamaan bakka tokko jirra, garuu sammuu keenyaan bakka biraa jirra.
Barataa taanee, yeroo milkaa'ina keenya hawwina.
Programming barachaa jirru, yeroo software engineer taanee jiraachuu hawwina.
Business ijaaruu jalqabnee, yeroo dureeyyii taanee jiraachuu hawwina.
Har'a jiraachaa jirru, garuu sammuu keenya guutuun boru keessa jira.
Rakkoon isaa maal?
Fuuldura kee ijaaruu kan dandeessu har'a qofa.
Kana jechuun haala kee ammaa keessatti hafuu qabda jechuu miti.
Yoo bakka jirtu hin jaallanne, jijjiiri.
Yoo dandeettii kee ammaa hin jaallanne, guddadhu.
Yoo jireenya kee fooyyeffachuu barbaadde, irratti hojjedhu.
Garuu yeroo ati gara fuulduraatti deemaa jirtu, har'a kee jibbuun hin barbaachisu.
Bakka ati jirtu fudhadhu. Waan qabduun hojjedhu. Gara bakka barbaadduutti immoo ijaari.
Fuuldura kee hawwuu qofa hin baasin.
Har'a fayyadami.