08/10/2025
Leenjiin ijaarsa dandeeytii Hoggantoota Dubartoota Manneen Barnootaa Bu`uura boruu, sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Aanoota Godina Harargee Bahaa 10 irraa dhufaniif yuunivarsiitii Haramaayaatti kennamee
Hoggansa barnootaa irratti leenjiin kenname kun qulqullina barnootaa eegsisuun foyyaa`insi qabxii barattootaa cimuuf yaadamee kan kenname ta`uuniis ibsameraa.
Dubartoonni dandeeytii hoggansaa uumamaan qaban daran cimsuuf, leenjiin hoggansa barnootaa dubartoota ta`an irratti xiyyeffate kan kenname yoo ta`u, yuunivarsiitiin Haramaayaa qulqullina barnootaa sadarkaa hundatti jiru eegsisuuf, deggarsa meshaalee barnootaa godhuun dabalata, human raawwachiisummaa hoggantoota dubartootaa mana barnootaas cimsuuf leenjiin kennamaa jiru faayidaan qabu hedduudha kan jedhan yuunivarsiitii Haramaayaatti Daayirektoreetii Daayirektara hirmaannaa hawaasaa fi hariiroo industirii Barsiisaa Kamaal Qaasimi.
Aanoota godina Hargee Bahaa 10 irraa barsiisootni manneen barnootaa bu`uura boruu, sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa hogganan kan dubartoota ta`an 30 caalan leenjii hoggansa barnootaa fi karooraa kana irratti kan hirmaatan yoo ta`u, leenjiin kun ji`a fuulbanaa barnootni jalqabamutti kennamuun barsiisootni dandeettii rawwachiisummaa hoggansa barnootaa kana, karoora waggaa isaanii keessa galfachuun hojiitti jijjiiruun rakkoo qulqullina barnootaa jiru kan foyyeessu ta`uu kan dubbatan yuunivarsiitii Haramaayaatti qindeessaa hojiiwwan hirmaannaa hawaasaa obbo Ibsaa Aliyyiiti.
Leenjiftoonni leenjii kennan akka dubbatanittiis, Leenjiin hoggansa baruu fi barsiisuu, karoora karoorsuu fi raawwachuu, haalaa fi naannoo mijjaawaa uumuu, hoggansa supparviizinii barnootaa gaggeessuu fi madaallii barnootaa gaggeessuu irratti xiyyeffachuun leenjiin kenname kun, foyyaa`insa qabxii barattootaa guddisuun dorgomaa akka ta`anii fi barsiisoota hunda jajjabeessuun xiyyeffannoon akka hojjatan kan godhu waan ta`eef, barsiisootni karoora guyyaa, torbee, ji`aa hanga waggaatti jiruun hogganamuun qulqullina banootaa barbaadamu fiduuf leenjii isaan dandeessisu ta`uu lenjiftoonni leenjichaa dubbataniiruu
Waajjira barnootaa godina Harargee Bahaatti qindeesituun Koorniyaa Idieessuu aadde Amazanach Taammiraat akka dubbatanittiis , dandeeytii rawwachiisummaa hoggantoota dubartootaa manneen barnootaa aanoota gara garaa godina keenyatti argamaniif kenname kun foyyaa`insa qulqullina barnootaa fiduu kessatti gaheen qabu guddaa dha kan jedhan yoo ta`u , yuunvarsiitiin Haramaayaa meeshaalee deggarsa barnootaa kanaan dura nuuf kennaa turen rakkoowwan qulqullina barnootaa hedduu furuun kan yaadatamu dha, yeroo ammaas roga barsiisootaan hoggantoota dubaraaf leenjii hoggansa barnootaa irratti xiyyeffachuun kenname kanaaf yuunivarsiitii Haramaayaa hedduu galatoomfannaa jedhaniiruu.
Hoggantoonni dubartootaa manneen barnootaa bu`uura boruu, sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa aanoota godina Harargee Bahaa garagaraa dubbifnees, leenjii barbaachisaa ta`e kan mala hoggansa barnootaa karooraan hojjatu , madaallii qabxii barattootaa dorgomaa taasisuun, foyyaa`insa qulqullina barnootaa guddisuu kessattiis leenjiin yuunivarsiitii Haramaayaan nuuf kenname hubannoo hedduu kan irraa qooddanneedha waan ta`eef , leenjii akka kanaa itti fufinsaan kennuun feesisaa ta`uus himaniiruu.
- Gabaasni kan , Damooz Yaaqoobi
- Ogeessa Kaameeraa , Fu`ad Ahammad Ali
- Fuulbana 27/2018