05/06/2025
!!
Dargaggeeysa tokkootu intala qashxii takka jaalatee, isii fuudhuuf manguddoo ergate. Manguddoon Yoo maatii intalaa Bira dheeyxu intalti "Dura gurbaa keessan fiddan malee hin heerumu" jattee didde. Akkasitti gurbaas deebi'anii fidan. Hoggaa kana intalli tun osoo waa takka gurbaa kana hin gaafatin "yeroo ana fuudhuu hawwitutti Quraana haffazdee jirtaa?!" Jattee gaafatte. Gurbaan Quraana haffazuu dhiisii suuraa gaggabaabduu malee, humaa hin beeku. Sanumaa bareechee hin qara'u. Hoggaa kana rirrifachaa "ani Quraana guutuu hin beeku. Garuu gabricha Rabbii akkaan tahe Niin abdadha" ja'ee deebiseef. Haala kanaan isiniis "humaa hin dhiphatin, Anilleen hin beeku waan ta'eef wajji baranna" jattee deebisteef. Haala kanaan nikaaha hidhatanii wajjiin jiraachuu jalqaban. Osoo hin turin Quraana guutuu wajji haffazan. Itti aansuun Sahiiha bukhaarii fi Muslimiis haffazan. Maashaa Allaah!
Guyyaa tokko gurbaan kun warra soddaa isaa ziyaaruuf deeme. Osoo haasawanii abbaa isiitiin "intalti teetiis akkuma kiyyatti, Quraana guutuu haffazdee, Sahiiha bukhaarii fi Muslimiis wajjiin haffaznee jirra" ja'een. Hoggaa kana Abbaan intalaa Kutaa biraa isa naquun kitaaba isiin osoon heerumin dura qaraate agarsiise. Intalti osoo hin heerumin sunana jahan illee qaraatee jirti. Hoggaa kana gurbaan kun isa barsiisuuf kana hunda Akka laffaate hubate. Jaartii gaarii yookaan saaliha akkanaa tana Rabbiin nuuf haa kennu.
Barreeffama kana erga dubbistanii xumurtan boodaan waliif Share godhaa.
baarakallaahu fiikum