
25/04/2021
Majlisni Oromiyaa duula sassaabbii Galii Jumu’aa Ramadaana 18 ykn Eebla 22 maqaa 'torbii deeggarsa Msjlisa Oromiyaa' jedhuun labseera.
********************
Akkuma beekamu ummanni Muslima Itoophiyaa lakkoofsa bara 2007 irratti hundaa’ee dhibbentaan 51.6% Oromiyaa keessatti argama. Majlisni Oromiyaa bara 1986 hundeeffamee yeroo sanaa kaasee ummata kana hanga danda’een tajaajilaa ture. Garuu yeroo waggaa kudhan hin guunne keessatti mootummaan wayyaanee harka keessa galfatee kaadiroota ofii itti naqee dhaabbata ummataaf hojjatu ta’uu dhiisee kan ummata irratti hojjatu ta’e. Ammas qabsoo dheeraa booda dhuma bara 2011 hanga ta’e fooyya’ee namoonni ummataaf hojjatan aangoo qabatanii jiru. Erga jijjiiramni kun argamee waggaa tokkoofi ji’a kudhan guutee jira. Yeroo sanaa kaasee majlisichi dambiifi karoora mataa ofii baafatee adeemaa jira. Hojiilee gurguddaa baay'ee hojjateeras. Akkasumas hojii baay'eetu isa hafa. Sababni hojiin kun boodatti hafe inni guddaan rakkoo faayinaansii/baajataati. Kanaafu manni marichaa duula sassaabbii galii kana labse.
Kaayyoo Sagantichaa
1. Wiirtuu Majlisa Oromiyaa fakkaatu kan waajjira, madda galiifi galma of keessaa qabu suuraan isaa armaan gaditti argamu ijaaruuf karoorsinee socho’aa jirra.
2. Ijaarsa bara kanatti Muslimoota miliyoona sadii miseensa majlisa Oromiyaa gochuuf waraqaa eenyummaa qopheessine hanga dhumaatti itti deemuu.
3. Caasaalee majlisaafi koreelee akka ulamaa Fatwaa, du'aataa, dargaggootaa, hayyootaafi dubartootaa gulantaa majlisaa hundarratti ijaaraman hojii irratti bobbaasuu, leenjii ga’aa isaanii kennuu, keessumaa koreen Da’awaa bakka hanqinni da’awaa jiru irratti akka hojjatan gochuufi
4. Humna namaa ga’aa ta’e kan dhaabbataan majlisa kana keessatti ummata Muslimaa tajaajilu gulantaa hundarratti oomishuudha.
Raawwii Sagantichaa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Karoora keenya kana ariitiin galmaan ga’uuf manni marii keenyaa Jumu’aa Ramadaana kudha saddeet gaafa Eebla 22 irraa eegalee torbee tokkoof sagantaa “Torbii Deeggarsa Majlisa Oromiyaa” jedhu fudhatee gadi ba’ee jira. Qabiyyeen sagantichaas kanneen armaan gadiiti:
1. Jumu’aa gaafa Ramadaana 18 ykn eebla 22 Masjiidonni guutuu naannoo keenyaatti argaman hunduu Imaamotaafi Daa’iiwwan bebbeekamoodhaan Jumu’aa irratti majlisa Oromiyaatiif galii sassaabanii lakkoofsa baankii Majlisa Oromiyaa irra akka galchan,
2. Masjiidonni guutuu biyya keenyaa kanneen majlisa kanaaf yaadan, masjiidoleen diyaaspooraa kanneen jamaa’aa keenyaan qabamanii jiraniifi kkf akkuma masjiidolee Oromiyaatti itti hirmaachuu qabu.
3. Abbootiin qabeenyaafi daldaltoonni Muslimootaa hunduu guyyaa sana gumaacha isaanirraa eegamu akka nuuf godhan.
4. Namoonni keenya kanneen masjidatti guyyaa Jumu’aa san gumaachuu hin dadneenyeefi kanneen biyya alaatti argaman gumaacha majlisichaa lakkoofsa baankii Oromiyaa irra akka nuuf galchan waamicha dabarsina.
Herrega Baankii Majlisa Oromiyaa
1. CBE (Baankii Daldala Itoophiyaa) 1000396921999
2. CBO (Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa) 1042200017968
3. OIB (Baankii Internaashinaala Oromiyaa) 4192080
4. AIB (Awaash International Bank) 01410449821400
5. Nib Bank 7000023371249
6. Wegagen Bank 0878202815401
7. Bunnaa Bank 2779691000002