Barumsa Fayyaa

Barumsa Fayyaa Gorsaa fi barumsaa fayyaa afaan oromoottin

Dhukkuba Kintaarootii | Hemoerrhoids Disease.***********************************‎1. Dhukkubni Kintaarootii maali ? ‎Dhib...
30/06/2026

Dhukkuba Kintaarootii | Hemoerrhoids Disease.
***********************************
‎1. Dhukkubni Kintaarootii maali ?
‎Dhibee hidda dhiigaa naannoo fiixee xumura maar'imaanii fi munnee irrati argamu dhiita'uun ykn garmalee babballachuun dhiita'uu ykn madaa'uun kan uumamuudha. Akkasumas dhibeen kintaarootii dhibee kintaarootii keessaa fi kintaarootii alaa jedhamee bakka lamati kan qoodamuudha.

‎2. Mallattoon dhukkuba kintaarootii maali fa'adha ?
‎ * Yeroo sagaraa ba'an dhiigni mul'achuu.
‎ * Naannoo qaama munnee irrati miira dhukkubbii qabaachuu.
‎ * Naannoo qaama munnee irrati hooksisuu ykn hoo'uu.
‎ * Naannoo dhibee kun itti uumame irrati madaa fi dhiita'aan fi kkf mul'achuu fa'adha.

‎3.Sababoonni ykn wantoonnii carraa dhukkuba kintaarootiin qabamuu dabaluu danda'an maali fa'adha ?
‎ * Sagaraa ba'uuf ittanuu Ykn goginsa garaa yeroo dheeraa qabaachuu.
‎ * Bakka tokko yeroo dheeraadhaaf ta'anii hoojjachuu.
‎ * Dubartii ulfaa fi ulfaatina qaamaa garmalee qabaachuu.
‎ * Bishaan ykn dhangala'oo gahaa ta'e dhuguu dhabuu.
‎ * Kudraa fi Mudraa faayibeeriin badhaadhan gahaa ta'e soorachuu dhabuu fi kkf mul'achuudha.

‎4. Dhukkuba kintaarootii akkamiti ofirraa ittisuu dandeenya?
‎ * Sochii jabeenyaa qaamaa hoojjachuu.
‎ * Guyyaa guyyaan bishaan ykn dhangala'oo ga'aa ta'e dhuguu.
‎ * Nyaata akka Kudraa fi Mudraa faayibeeriin badhaadhan soorachuu.
‎ * Bakka tokko ta'anii yeroo dheeraadhaaf hoojjachuu dhiisuu.
‎ * Mallattooleen dhibee kanaa nurrati mul'annaan gara mana yaalaa deemnee gorsaa ogeessa fayyaa fi qorichoota barbaachisaan fudhachuu qabna.

‎ Fayyaa ta'aa. Horaa Bulaa.

GAD- BU'UU DHIIBBAA DHIIGAA****************************Dhiibbaan dhiiga gadi aanaa (Hypotension) kan jedhamu yeroo dhiib...
30/06/2026

GAD- BU'UU DHIIBBAA DHIIGAA
****************************
Dhiibbaan dhiiga gadi aanaa (Hypotension) kan jedhamu yeroo dhiibbaan dhiigaa safaramee sadarkaa idilee gadi ykn 90/60 mmHg gadi ta'udha. Kunis dhiigni qaama keessa jiru hamma barbaachisuun gara sammuu fi qaamolee birootti dhiibbaa ga'aa uumuu dadhabuu isaa argisiisa.

‎1. Mallattoolee Isaa (Symptoms)

‎Dhiibbaan dhiigaa gadi bu'uun yeroo baay'ee mallattoolee armaan gadii fida:

‎🧠 Of-wallaaluu ykn jinjiniin namatti dhaga'amuu (Dizziness or lightheadedness)
‎🤢 Ol-guraachisuu ykn haqqisuu namatti dhufeera jedhanii yaaduu (Nausea)
‎🔋 Dadhabbiin dafanii mudachuu fi dandeettiin xiyyeeffannoo gadi bu'uu (Fatigue and confusion
‎📉 Gagammachuu ykn gaggabuu (Fainting)

‎2. Sababoota Gadi Bu'iinsa Dhiigaa (Causes)

‎Wantonni dhiibbaa dhiigaa gadi buusan keessaa isan duraa:

‎💧 Hirdhina bishaanii (Dehydration): Nyaata gogaa, albaati, haqqisoo ykn bishaan gahaa dhuguu dhiisuun dhiiga hir'isa.
‎🩸 Dhiigni qaama keessaa baay'ee ba'uu: Sababa madaa ykn dhiigbaxa keessootiin dhiigni yoo gad-lame.
‎🤰 Ulfa: Dubartoota irratti yeroo ulfaa marsaan dhiigaa waan bal'atuuf gadi bu'uu danda'a.
‎💊 Qorichoota tokko tokko: Qorichoonni dhiibbaa dhiiga ol-ka'aa to'atan baay'isanii dhiibbaa gadi buusuu malan.
‎🫀 Rakkoo onnee fi hormoonii: Onneen dhiiga guutummaatti fiduu dadhabuu ykn dhibee sukkaaraa.


‎3. Maloota Mana Keessatti Of-gargaaran (Management at home)

‎Yoo dhiibbaan dhiigaa gadi aanaan sitti dhaga'ame maloota armaan gadii yaaluun ni danda'ama.

‎🥤 Bishaan fi dhangala'oo heddummeessanii dhuguu: Kun hamma dhiigaa (blood volume) dabaluuf gargaara.
‎🧂 Soogidda (Ashaboo) xiqqoo dabaluu: Nyaata keessatti ashaborraa gosa xiqqoo itti dabaluun dhiibbaa dhiigaa ol kaasa (haata'u malee onnee irratti dhiibbaa akka hin uumneef ogeessa mari'achisuun gaariidha).
‎🧘‍♂️ Turtii fageeffatanii ka'uu: Yeroo ciisichaa ykn teessuma irraa ka'an suuta jedhanii dhabbachuun gaggabdoon akka hin uumamne ittisa.

‎Galatoomaa🙏🙏

OLKA’UU DHIIBBAA DHIIGAA  (systemic hypertension)**********************************************************Dhiibbaa dhii...
30/06/2026

OLKA’UU DHIIBBAA DHIIGAA (systemic hypertension)
**********************************************************
Dhiibbaa dhiigaa dhiibbaa dhiigni ujummoo dhiigaa keessa jiru ujummoo dhiiga keenya irratti gaggeessudha.Dhiibbaan kun gaafa hamma barbaadamu olta’u namni mallattoolee garaagaraa agarsiisuu danda’a.
Dhiibbaan dhiigaa fayyaan 90-120 mmHg isa gubbaa(systolic) fi 60-80 mmHg isa jalaa(Diastolic) dha.
Sababa ka’uumsa isaanii irratti hundaa’un dhiibbaan dhiigaa lamatti qoodamu. Isaanis gosa 1ffaa(Primary) fi gosa 2ffaa(secondary) jedhamu.

Gosti inni jalqaba 90-95% kan dhuunfatuu fi sababa ka’uumsaa adda tahe kan hin qabne yoo tahu gosni inni 2ffaaf garuu wantoota nama saaxilan akka armaan gaditti ilaalla:

Sababawwan ka’uumsaa( Cause):
***********************************Dhukkuba sukkaaraaFurdina garmaleeSochii qaamaa gochuu dhiisuuAlkoolii garmalee dhuguuSigaaraa aarsuuNyaata fayyalessummaa hin qabne kan akka ashaboo bayyisuu,coomaa garmaleeFira dhihoo ykn maatii keessaa nama dhukkubicha qabu yoo jiraateUmurii gara dullumaa (waggaa 45 fi isa olDhukkuba kalee fi Rakkowwaan hormoonii garagaraan walqabatee dhufuu danda’a.

Mallattoolee olkaa’uu dhiibbaa dhiigaa:
*****************************************

a)Mallattoolee tasa olkaa’uu dhiibbaa dhiigaa agarsiisan kan akka mataa bowwoo cimaa , ija dura waa facaasuu ykn wanti tokko 2 tahe mul’achuu , lafti namatti nannawuu ,dadhabbii qaamaa fi hafuura kutuu faadha.

b)Dhiibbaan dhiigaa olka’aan kun dafee hin yaalamu taanaan dhukkuboota akka Istrookii, kufaatii kalee , dadhabbii Onnee fi hamma du’aatti geessuu danda’a.

Yaalii (Treatment)
******************Dhiibbaan dhiigaa olka’aan yaalaa fi hordoffii argannaan dhukkuba salphaatti to’achuun danda’amu dha. Yaala barbaachisaa fi ofeeggannoo armaan olii goonaan miidhaa inni fidu hambisuun ni danda’ama.

Ittisa (Prevention)
*******************Wantoota sababa ka’uumsaa sana jalatti ka’an irraa of qusachuun ofirraa ittisuun ni danda’ama.

Galatoomaa…….Fayyaa hin dhabinaa
Please like and share my page : Odeffannoo fayyaaf

Dr Oliyad Shegene tin

✅ Biyyi Waancaa Addunyaa bara 2022 mo'atte kam dha?•  A) Faransaay 🔥🔥🔥🔥•  B) Kirooshiyaa 👍👍👍👍•  C) Arjantiinaa ❤️❤️❤️❤️•...
27/05/2026

✅ Biyyi Waancaa Addunyaa bara 2022 mo'atte kam dha?

• A) Faransaay 🔥🔥🔥🔥

• B) Kirooshiyaa 👍👍👍👍

• C) Arjantiinaa ❤️❤️❤️❤️

• D) Morokoo 👏👏👏👏

Deebisaa keessaan comment godhaa
Barumsa Fayyaa

🌍Ramaddii geeba Adunyaa 2026💠Ramaddii A✔️Meeksikoo✔️Afrikaa Kibbaa✔️Ripablika Kooriyaa ✔️Cheek💠Ramaddii B✔️Kaanadaa✔️Boo...
27/05/2026

🌍Ramaddii geeba Adunyaa 2026

💠Ramaddii A
✔️Meeksikoo
✔️Afrikaa Kibbaa
✔️Ripablika Kooriyaa
✔️Cheek

💠Ramaddii B
✔️Kaanadaa
✔️Boosiniyaa fi Herzogoviniyaa
✔️Kaataar
✔️Siwzerlaand

💠Ramaddii C
✔️Biraaziil
✔️Moorokoo
✔️Heyiti
✔️Skootlaand

💠Ramaddii D
✔️USA
✔️Paraguway
✔️Awustraliyaa
✔️Tuurk

💠Ramaddii E
✔️Jarmanii
✔️Kurasa'oo
✔️Kotdvayer
✔️Ekuwaadoor

💠Ramaddii F
✔️Nezerlaand
✔️Jaapaan
✔️Siiwdiin
✔️Tuniziyaa

💠Ramaddii G
✔️Beljeem
✔️Ijipt
✔️Iraan
✔️Niwizlaand

💠Ramaddii H
✔️Ispeen
✔️Keep Vaardee
✔️Saawudii Arabiyaa
✔️Yuraagay

💠Ramaddii I
✔️Faransaay
✔️Senegaal
✔️Iraaq
✔️Norweey

💠Ramaddii J
✔️Arjentinaa
✔️ Aljeeriyaa
✔️Austriyaa
✔️Joordaan

💠Ramaddii K
✔️Porchugaal
✔️Dr Koongoo
✔️Kolombiyaa
✔️Uzbeekistaan

💠Ramaddii L
✔️Inglaand
✔️Kirooshiyaa
✔️Gaanaa
✔️Panamaa

✅ Waancaa Addunyaa jalqabaa bara 1930 eenyutu qopheesse?A....Urgayiii🔥🔥🔥🔥B... Amercia 👏👏👏👏C... Birazil ❤️❤️❤️❤️D...Arjet...
27/05/2026

✅ Waancaa Addunyaa jalqabaa bara 1930 eenyutu qopheesse?

A....Urgayiii🔥🔥🔥🔥

B... Amercia 👏👏👏👏

C... Birazil ❤️❤️❤️❤️

D...Arjetina🥰🥰🥰🥰

Deebisaa keessaan comment godhaa
Barumsa Fayyaa

✅  Josef Pep Gaardiyoolaa jedhamaa  leenjisaa kubbaa miilaa beekamaa fi taphataa duraanii lammii Ispeen Kaataaloniyati. ...
27/05/2026

✅ Josef Pep Gaardiyoolaa jedhamaa leenjisaa kubbaa miilaa beekamaa fi taphataa duraanii lammii Ispeen Kaataaloniyati. Inni seenaa kubbaa miilaa keessatti leenjistoota dhiibbaa guddaa uumanii fi milkaa'oo ta'an keessaa tokko dha.

🅾 Seenaa Leenjisummaa fi milkaa'ina isaa.

Gaardiyoolaan kilaboota gurguddoo sadii leenjisuun seenaa dinqisiisaa hojjeteera.

⭕️Baarseloonaa
⭕️Baayern Muuniik
⭕️Maan Siitii

👉 Baarseloonaa 2008–2012 bara 2009 waancaa 6 Sextuple walitti aansuun injifachuun seenaa kubbaa miilaa keessatti rikoordii haaraa goonfate mala tapha kubbaa walii-dabarsuun tapha to'achuu irratti xiyyeeffatu hojiirra oolche. Waggaa afur keessatti waancaa gurguddoo 14 UEFA Shaampiyoons Liigii lama dabalatee injifate.

👉 Baayern Muuniik 2013–2016 Waancaa Bundesliga Jarman sadii walitti aansuun injifachuun dorgommichaa olaantummaa qabaachuu isaa agarsiiseera.

👉 Maanchistar Siitii 2016–2026.

Kilabicha gara dorgomaa cimaa addunyaatti jijjiireera Waancaa Ingilaand Piriimeer Liigii hedduu injifateera.

Bara 2023 dorgommii sadii gurguddoo Treble Piriimeer Liigii FA Cup fi Shaampiyoons Liigii yeroo tokkotti injifachuun seenaa guddaa hojjete.

Kaan hafee seenaa By Pep👋 ❤️

Barumsa Fayyaa Follow godhaa

health professional (PHo , nurse and midwifery ,doctors ) who needs cpd certeficate online i can do with fair payment,  ...
26/05/2026

health professional (PHo , nurse and midwifery ,doctors ) who needs cpd certeficate online i can do with fair payment, contract me inbox

15 ceu with 500 birr
30 ceu with 1000birr
60 ceu with 2500 birr
90 ceu with 4000 birr

Barumsa Fayyaa
Ebsa Ibrahim

Address

Oromia
Harer

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Barumsa Fayyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Barumsa Fayyaa:

Shortcuts

Share