26/09/2025
Waan gaariidha
Karoorawwan Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Oromiyaa bara 2018 qabatee dhufe keessa tokko kan ta'e Leenjisaan Kamiyyyu Sadarkaa Liigiitti Leenjii Leenjisummaa Sadarkaa 'CAF'tti Laayisansii D qabachuu qaba .
Piriimer Liigii Oromiyaaf'CAF' D Laayisansii fi isaa ol , Muuxannoo Leenjisummaa Waggaa 3 fi isaa ol .
Liigii Olaanoo Oromiyaaf ' 'CAF' D Laayisansii fi isaa ol , Muuxannoo Leenjisummaa Waggaa Lamaa fi isaa olii
Liigii 1ffaa Oromiyaaf ' 'CAF' D Laayisansii fi Muuxannoo Leenjisummaa Waggaa tokkoo fi isaa ol kan qabantu Sadarkaa Liigiiwwan Oromiyaatti Kilabiota Leenjisuu danda'a .
Haaluma kanaan Kilaboota Hanqina Leenjisaa qaban Furuuf FKMO Leenjii Leenjisummaa Kubbaa Miilaa Sadarkaa CAF'tti Laayisansii D Leenjistoota Ulaagaa guutanii galmaa'aniif Onkoloolessa 02/01/2018 kennuuf karoorfateera .
Ulaagaawwan galmee .
1. Leenjisummaan bara 2017 fi isa dura Leenjisaa jiraachuu Waraqaa ragaa Kilabarraa dhiyeeffachuu kan danda'u .
2.Umurii Waggaa 35 fi isaa gad
3.Ragaa barnootaa kutaa 8ffaa irraa eegalee dhiyeeffachuu kan danda'u .
4.Afaan Oromoo ;Barreessuu,dubbisuu fi dubbachuu kan danda'u .
5.Muuxannoo Leenjisummaa kan qabu .
Guyyaan Galmee :- Fulbaana 14 - 30/2018 .
Guyyaan Leenjii :- Onko.02/2018 eegalee, Sulultaatti.
Galmeen Online .
Filannoo 1ffaa
karaa email :- [email protected]
Filannoo 2ffaa .
Telegram Username :-