Doobbaa Median Network/DMN

Doobbaa Median Network/DMN being voice for voiceless

03/08/2022
Misoomaa fi guddina biyyaaf tumsuun dirqama lammummaati.
03/08/2022

Misoomaa fi guddina biyyaaf tumsuun dirqama lammummaati.

Oduu Ammaa---------------+---Humni hidhatee naannoo beenishangul keessa sochoo'u kaampii guddicha humna moitummaa federa...
17/05/2021

Oduu Ammaa
---------------+---
Humni hidhatee naannoo beenishangul keessa sochoo'u kaampii guddicha humna moitummaa federaalaa to'atee jira jetti oduun gara suudaanii dhuftu. Kaampiin kun hidha guddicha irraa 10km irratti argama.

Odeeffannoo waaqtaawaa argachuuf miidiyaa keenya like godhaa.
05/04/2021

Odeeffannoo waaqtaawaa argachuuf miidiyaa keenya like godhaa.

05/04/2021

Gochaan Oromoota wolloo irratti raawwatame gocha duguuggaa sanyiiti dhimmi kun salphumatti kan bira dabramu tahuu hin qabu. Maali gara jabeenyi akkanaa?

02/03/2021

ODUU
ΒΆΒΆΒΆΒΆΒΆΒΆΒΆΒΆΒΆΒΆΒΆ
☞ Ayyaanni Aduwaa waggaa 125 ffaan magaala Finfinneetti haala adda addaa fi iddoolee saditti kabajamee oole. Ayyaanni kuniis Qophii mootummaa naannoo oromiyaatiin Addababayi masqalaatti, Bulchinsa magaalaa Finfinnee nannoo maazzagaajaattii fi akkasumaas namoota muraasaan Iddoo riqicha aduwaatti kabajamuun ibsameera. Ayyaanni Aduwaa sababa tasgabbiin nageenyaa dhabamuu fi Iddoon dur itti kabajamu Aduwaan yeroo ammaa waraana ertiraan qabamtee waan jiruuf achitti kabajuun hin danda'amne.

β˜› Dura ta'aan TPLF dr debratsion G mikaael bilbilaan CNN waliin haasawa taasisee jira. Dr debretsion akka jedhanitti waraanni eertiraa fi liyu hayliin fi milishaan naannoo amaaraa gochaa duguuggaa dhala namaa ummata tigraay irratti akka raawwataa turanii fi ammaas itti jiran ibsee jira. Haaluma kanaan qaamooleen idil addunyaa gochaa kana ammatti yoo kan hin dhaabsifne tahe balaan kanaa olii ummata irratti gahuu akka danda'u ibsaniiru. Kana malees waraanni eertiraa saamicha olaanaa fi gidiraa ilmaan tigraay irratti raawwatan yakka idil addunyaa tahuu ibsuun ammatti akka qorannoon gaggeeffamu gaafatanii ru. Mootummaan ameerikaas waraanni eertiraa fi kan nannoo amaaraa saffisaan akka tigraay gad dhiisanii bahaniif dhiibbaa gochuu qabu jedhe. Loltuun eertiraa tokko AFP f torbee tokko dura dargaggeessa umriin isaa waggaa 12 ol tahe hunda akka ajjeefnu ajajamnee jirra jechuun gabaafamee ture.

βœ‘ MM abiy ahmed mindaa isaa irraa fi gurgurtaa kitaaba isaa irraa deeggarsa warra rakkataniif kan oolu qarshii 216000 tigraayiif deeggarsa godhan. Kuniis mindaa isaanii irraa qarshii kuma 16 fi gurgurtaa kitaaba isaanii irraa kuma 200 arjoomuu EF gabaaseera.

β˜› Geetachoo Raddaa hogganaa waraana itoophiyaa kan gaafa guyyaa 29/4/13 geetachoo fi eegdoota isaa ajjeefneerra jedhee meediyaa itoophiyaaf gabaasa godhe ajjeesuu isaanii toora twitter isaa irratti maxxansee jira. Geetachoon akkuma jalqaba jenne namootni waraanaaf garana dhufan asitti awwaalamu jenne hogganaa waraanaa kan du'a kiyya labse waraana inni hogganu bityinneessinee isa awwaallee jirra jedheera. Hogganaan kun eenyu akka tahe garuu hin ibsamne. Gama biraatiin torbee sadii dura geetachoo Raddaa ibsa gama miidiyaan kennaniin waraana isaan loluuf gama tigraay dhufan kuma100 ol akka ajjeesan EF gabaasee ture. Kana malees eertiraan dabalataan waraana birgeedii saddeet dabalataa gara kibba tigraay akka qubachiifte twitter isaa irratti maxxannseera.

β˜› Obbo Jawar mohammed fi baqqalaa garbaa faan Hospitaala Landi markii geeffamuu addis standard gabaaseera. Kaleessa manni murtii walii galaa akka yaalaman murteessuun har'a ganama eegumsa cimaan gara hospitaalaatti geeffamuun ibsameera. Haala irra jiran baruuf maatii fi abuukaattoota isaanii dubbifnee kan isin biraan geenyu taha.

β˜› Gaazexeessaan BBC afaan tigree humna waraanaan butamee hidhamuu gabaafameera. Sababni itti hidhame maal akka tahe hanga ammaatti wanti ibsame hin jiru.
β˜›Aljeziiraan viidiyoolee gochaa gara jabummaa tigraay keessatti loltoota ertiraan raawwate baasee jira. Akka gabaasicha irraa hubatametti gochaaleen akka gudeeddii,saamichaa fi ajjeechaa suukanneessaa ummata tigraay irratti raawwatamuu ibsa baaseen addeesseera. Kanumaan wal qabatee bulchaa yeroo tigray muluu naggaa waliin dhimmicha irratti gaafii fi deebii godhaniin gochichi sirrii tahuu amananii gochaa kanaaf karaa kan saaqan garee tplf kan waraana RIB irratti waraana bane jedhan.

Hordoftoota keenya oduun ammaaf isiniif qabanne isa hanga ammaatti hordoftan. Oduu haaraa qabannee hanga deebinuu nagayaan nuuf turaa
☞ page kana like fi share gochuun nama hunda bira akka gahu gochuun nu gargaaraa

17/02/2021

Send a message to learn more

Tokkummaan Humna
26/01/2021

Tokkummaan Humna

Mariin wanti hin furamne hin jiru
25/12/2020

Mariin wanti hin furamne hin jiru

22/12/2020

Jijjiiramni guddaan , isa namni amala isaa irratti fiduudha. Guyyaa dhufaa dabru keessatti tarkaanfii tokko gara fuulduraatti tarkaanfachuu danda'uu qabna.

Send a message to learn more

Address

None
Hirna

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Doobbaa Median Network/DMN posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Doobbaa Median Network/DMN:

Share