
10/09/2025
Gaafiileen fi komiileen Uummataa yeroo dheeraaf bara 2017tti ka'aa turan karaa haqa qabeessa ta'een dhaggeeffatamuun deebiin itti kanname. Obbo Musxafee Muhummad.
Gaafiileen fi komiileen Uummataa yeroo dheeraaf bara 2017tti ka'aa turan karaa haqa qabeessa ta'een wlduraa duubaan dhaggeeffachuun deebiin itti kannameeera. Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Muhummad
Bara 2017tti hojiileen nageeyaa fi tasgabbii, bilisummaan, Piroojaktiileen gurguddoo fi naamusni hawaasummaa akkasumaas sosochiin diingdee itt argameedha. Pireezidaantiin MNS Obbo Musxafee Muhummad Umar.
Kaniinsa tajaajiltummaa uummataa mirkaneessuuf caaseeffamni riifoormii hojattoota mootummaa ni gaggeeffama.
Piroojaktootaa miisoomaa hin xumuramin bara itti xumuramani.
Ijaarsi dandeettii fi naamusni dhaabbiilee nageenyaa kan fooyyeeffamudha.
Dhaabbiilee haqaattiis riifoormmiin gadi fageenya qabu taasifamuun kan itti hojatamu.
Yaadootaa waliin jireenya hawaasaa fi itti fayydama mirgoota yaadaa ofii bilisaan ibsachuu karaa hin malleen fayydamuun sirna mootummaa diiguuf gochoota yaalaman bara ciminaan tarkaanfiin itti fudhatamudha.
Meeshaan wabiin tokkummaa Hawaassummaa ittiin argamu walqixummaa gu haqummaa waan ta'eef kana irrattiis mootummaan xiyyeeffannoon kan hojatu ta'uus ergaa barreeffama karaa toora marsariitii miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin dabarsaniin ibsan.