Tamiru Maka

‎• Teaching Financial Accounting in Afaan Oromoo

• Simple | Practical | Easy to Understand

• For Students | Entrepreneurs | Professionals


‎Join:
• ‎Telegram Channel:

‎Contact me:
• ‎WhatsApp: +251 977 794 722

24/10/2025

Torbee darbaa jiru kana keessa nama sadiif BUSINESS PLAN tolcheera. Har’an xumure.

Kana dura, "Karoora Daldalaa Mana Bunaa Caaltuu" hojjedhee isinitti agarsiisuun koo ni yaadatama.

Sadeen amma hojjedhe kana keessaa tokko Afaan Oromooti. Isa Oromiffaa kana isinitti agarsiisuun koo hin oolu (yoo abbichi naaf hayyame).

Nama Afaan Oromootiin BUSINESS PLAN ajaju isuman arge. Dhiira namaati.

Aboo—Afaan Oromootiin karoora daldalaa barreessun inuma cima.

Jechuun, torbee dhufu kana harka duwwaadha—bilbilaa isiniin jechuu kooti 😃. Bilbila kiyya silaa beektu.

Kuni beeksisa ta’uu isaati 🤣.

Feesbuukii keessan dhabuuf jirtu.  Booda, "Hin dhageenye" akka hin jenne.‎‎Hin Shawwadaminaa!‎Ergaan email dhaabbata Met...
23/10/2025

Feesbuukii keessan dhabuuf jirtu. Booda, "Hin dhageenye" akka hin jenne.

‎Hin Shawwadaminaa!

‎Ergaan email dhaabbata Meta irraa kan dhufe fakkaatu, namoota baay’ee qaqqabaa jira.

‎Ergaan kun akkana jedha:

‎"Bilisa Tajaajila Blue Tick Affeeramteetta: Ammuma mirkaneessi"

‎Wantichi dhugaa fakkaata, garuu dhugaa miti "phishing"dha.

‎Kanaaf, feesbuukii keessan fi odeeffannoo dhuunfaa keessan hacabarbaarota irraa eeggadhaa:

‎Link isaanii hin cuqaasinaa. Cuqaasuun rakkoo hin qabu, Email/phone fi password keessan itti hin galchinaa.

‎2FA fayyadamaa.

19/10/2025

‎Herreegni — Waanan Ani Dhugumaan Jaaladha.

‎Waan nan danda’a jedhee of yaadu keessaa inni guddaan — Herreega.

‎Wanti yoon hojjedhe na gammachiisus — Herreega barsiisuudha. Garuu herreegaan digirii hin qabu...garuu hamma applied 3 baradheera.

Waanin ‎baay’ee odoo hin dhiphatin, xiqquma dubbisee hojjechuu danda’u yoo jiraate — Herreega.

‎Anigaa waa baay’ee yaala, garuu hundumaa nan danda’a jechuu miti.

‎Garuu Herreega dhuguman danda’a.

‎Yeroon taa’ee yaadu, herreega irratti yoon hojjedhen irra nama gargaaruu danda’a.

‎Ani beekumsa qaba jedhee of tuuluu hin barbaadu — garuu akkamitti akka hojjetu hamma ta'e nan beeka, baradheeras; irratti hubannoo gaarii ta’e nan qaba, nan beeka, gama IT yoo dhufne immoo anuu nama -ti.
‎Walumaagalatti, multi-directional knowledge nan qaba; garuu “expert” miti.

‎Kanimmoo herreegni keessatti: calculus eessatti akka fayyadamnu, algebra eessatti akka fayyadamnu, probability eessatti akka fayyadamnu fi statistics eessatti akka fayyadamnu akkan beeku na godha.

‎Kunimmoo herreega irratti “expert” na taasisa.

‎Jechuun, multi-directional knowledge nan qaba; herreega irratti immoo “expert” dha siin jechaa jira.

‎Kanaaf, yeroo barsiisu, herreega gogaa miti — maaliif akka barannu illee isinitti himuu nan danda’a (use cases).

‎Kanaaf, namoonni Herreega jaalattan,
‎keessumaa ijoolleen Entrance fudhachuuf jirtan,

‎akkasumas namoonni Machine Learning, Data Science, Data Engineering, fi Computer Science barachaa jirtan yookaan barachuuf yaada jirtan —
‎fuula kana hordofaa: Herreega—Oromoo

‎Gara fuulduraatti,
‎haala qaamaan argamtanii barattan nan mijeessa.


19/10/2025

‎Fuulli kuni ( Herreega—Oromoo ) erga banamee har'a guyyaa 3ffaa:

‎• Followers: 300+

‎• View: 19k+

‎Galatoomaa🙏.

‎Herreega salphisna.

‎Waggaa tokko booda hordoftoota 30k ni geenya.

‎Follow, Share, gochuudhan nu bira dhaabbadhaa.

‎Nutis...waan isin irraa barattan isiniif maxxansina.

19/10/2025

‎Number System (Kutaa 9ffaa)

‎ —LAKKOOFSA LAKKAAWWII

‎Lakkoofsi kuni lakkoofsa guyyaa guyyaan itti fayyadamnu yoo ta’u, wantoota akka baayyina namoota, manoota, kitaabilee fi kkf ibsuuf nu fayyada. 1 irraa eegala:

‎1, 2, 3, ...

‎Waan adda qoodamuu hin dandeenye ittiin lakkaafna:

‎nama 1, nama 2, ... jenna.

‎Nama 1 fi wadhakkaan hin jiru.

‎Waan akkasii lakka’uuf itti fayyadamna.
‎Kuni lakkoofsa lakkaawwii (Natural Numbers) jedhama.



‎ —LAKKOOFSA HUNDAA

‎Whole Numbers jechuun akkuma Natural Numbers ta’ee, garuu zeeroo (0) irraa eegala. Isaanis:

‎0, 1, 2, 3, ...



‎ —LAKKOOFSA GUUTUU

‎Lakkoofsi tokko Even Number kan jedhamu yoo lakkoofsa lamaaf (2) hiramu danda’eedha. Jechuun, lamaaf hiramee haftee (remainder) yooo "0" ta’e.

‎Isaanis:

‎2, 4, 6, 8, ...

‎Yoo lamaaf hirre, haftee (remainder) hin qabu.



‎ —LAKKOOFSA HIR’UU

‎Lakkoofsi tokko lamaaf (2) hiramee haftee isaa 1 yoo ta’e, Odd Number jedhama.
‎Gabaabumatti, lakkoofsi lamaaf hiramuu hin dandeenye jechuudha.

‎Isaanis:

‎1, 3, 5, 7, 9, ...

‎Fakkeenya,

‎1 lamaaf yoo hirre:

‎Gahee (quotient) = 0, haftee (remainder) = 1




‎Integer Numbers jechuun lakkoofsa hundaa (Whole Numbers) hunda dabalatee negative numbers illee hammata.

‎Jechuun:
‎..., -3, -2, -1, 0, 1, 2, 3, ...




‎Lakkoofsi kuni hirmaataa lamaa ol qaba (numbers that have more than two factors).

‎Factor jechuun hirmaataa jechuudha.

‎Yoo xiqqaate hirmaataa sadii fi ol yoo qabaate Composite Number jedhama.

‎Isaanis: 4, 6, 8, 9, 10, ...

‎Fakkeenya,

‎9 fudhuu ilaali:

‎• 1f ni hirama

‎• 3f ni hirama

‎• 9 mataa isaatiif ni hirama


‎Kanaaf lakkoofsi akkasii Composite Number jedhama.





‎Prime Numbers jechuun lakkoofsota 1 fi mataa ofiitif qofa hiramuu kanneen danda’an jechuudha.

‎Isaanis:

‎ 2, 3, 5, 7, 11, ...

‎Lakkoofsi kunneen hirmaataa lama (two factors) qofa qabu — 1 fi matuma isaanii qofa.

‎Fakkeenya,

‎5 yoo ilaalle: 1 fi 5 qofaaf ni hiramuu danda'a.

‎Akkasumas, 7 fudhuu ilaali: 1 fi 7 qofaaf ni hirama.

‎Kanaaf lakkoofsi akkasii Prime Numbers jedhama.




‎Rational Numbers jechuun lakkoofsa bifa p/q barreeffamu danda’uudha, q ≠ 0 ta’e.

‎Isaanis:

‎1/4, 7/5, 2/3, 3, ...

‎3 fi kan wal fakkaatan dundi Rational Number, sababni isaas 3 = 3/1 waan ta’eef, bifa p/q qaba.




‎Lakkoofsa fraction goonee ibsuu hin dandeenye hundi Irrational Number jedhama.

‎Fakkeenya:

‎√2, √3, π (pi), e, 0.1010010001…

‎Amma √2 fi π yoo ilaalle:

‎√2 = 1.41421356… (dhuma hin qabu)
‎π = 3.14159265… (dhuma hin qabu)

‎Lakkoofsa akkasii, kan salphaatti bifa p/q ibsuun hin danda’amu, Irrational Number jedhama.


‎Lakkoofsi armaan olitti qoqqoodnee ilaalle kuni hundi walumatti REAL NUMBER jedhama.

Share, like gochuudhan fuulicha guddisaa.

19/10/2025

‎x fi y: Garaagarummaa Independent fi Dependent Variables

‎y = mx + b, m fi b lakkoofsa.

‎Fakkeenya:

‎y = 3x + 4

‎Hima herreegaa armaa olii sirriitti ilaali.

‎Jijjiramaa (variable) lamatu jira.

‎Isaanis: x fi y.

‎Garuu jijjiiramaan kunneen gosa adda addaati:

‎- tokko independent variable,
‎- inni biraa immoo dependent variable.

‎Independent variable jechuun jijjiirramaa of danda’aa jechuudha.

‎Dependent variable immoo jijjiirramaa independent variable irratti hirkatu jechuudha.

‎Hima herreegaa kana keessatti:

‎y = 3x + 4, kamtu independent, kamtu immoo dependent yoo jenne:

‎x = independent variable
‎y = dependent variable

‎Sababni isaa, "y" kan jijjiiramu yoo "x" jijjiirrame qofa.

‎Fakkeenyaaf:

‎y = 3x + 4, yoo x = 2

‎y = 3(2) + 4
‎y = 6 + 4
‎y = 10

‎Yoo x = 3 ta’e immoo:

‎y = 3(3) + 4
‎y = 9 + 4
‎y = 13

‎Kanarraa akka hubannutti, gatiin "y" kan jijjiiramu yoo gatii "x" jijjiirame qofa.

‎Kana jechuun, gatii "y" kan murteessu gatii "x"dha.

‎Karaa biraatin:

‎- Galtee (input) = independent variable
‎- Bu'aa (output) = dependent variable

‎Yeroo hunda bu'aan (output) kan inni irratti hirkatu galtee (input) irratti.

‎Walumaagalatti,

‎Himni herreegaa bifa akkanaa 👉 y = mx + b jedhu jedhama.

‎Gosti herreega kanaa machine learning keessatti faayidaa guddaa qaba.

‎Gara fuulduraatti… ni ilaalla.

‎Amma garaagarummaa independent variable fi dependent variable kana hubadhaa!

Nageetti bulaa! Fagoo deema. Follow, Share godhaa fuula tana guddifadhaa!

That's amazing...
18/10/2025

That's amazing...

‎x fi y: Garaagarummaa Independent fi Dependent Variables

‎y = mx + b, m fi b lakkoofsa.

‎Fakkeenya:

‎y = 3x + 4

‎Hima herreegaa armaa olii sirriitti ilaali.

‎Jijjiramaa (variable) lamatu jira.

‎Isaanis: x fi y.

‎Garuu jijjiiramaan kunneen gosa adda addaati:

‎- tokko independent variable,
‎- inni biraa immoo dependent variable.

‎Independent variable jechuun jijjiirramaa of danda’aa jechuudha.

‎Dependent variable immoo jijjiirramaa independent variable irratti hirkatu jechuudha.

‎Hima herreegaa kana keessatti:

‎y = 3x + 4, kamtu independent, kamtu immoo dependent yoo jenne:

‎x = independent variable
‎y = dependent variable

‎Sababni isaa, "y" kan jijjiiramu yoo "x" jijjiirrame qofa.

‎Fakkeenyaaf:

‎y = 3x + 4, yoo x = 2

‎y = 3(2) + 4
‎y = 6 + 4
‎y = 10

‎Yoo x = 3 ta’e immoo:

‎y = 3(3) + 4
‎y = 9 + 4
‎y = 13

‎Kanarraa akka hubannutti, gatiin "y" kan jijjiiramu yoo gatii "x" jijjiirame qofa.

‎Kana jechuun, gatii "y" kan murteessu gatii "x"dha.

‎Karaa biraatin:

‎- Galtee (input) = independent variable
‎- Bu'aa (output) = dependent variable

‎Yeroo hunda bu'aan (output) kan inni irratti hirkatu galtee (input) irratti.

‎Walumaagalatti,

‎Himni herreegaa bifa akkanaa 👉 y = mx + b jedhu jedhama.

‎Gosti herreega kanaa machine learning keessatti faayidaa guddaa qaba.

‎Gara fuulduraatti… ni ilaalla.

‎Amma garaagarummaa independent variable fi dependent variable kana hubadhaa!

Nageetti bulaa! Fagoo deema. Follow, Share godhaa fuula tana guddifadhaa!

  fi   tokkuma jedhee namni yaadu ni jira. "Jiraa" qofti hin ibsu, baayyeedha.‎‎Garuu isaan garagari (waan wal fakkeessu...
18/10/2025

fi tokkuma jedhee namni yaadu ni jira. "Jiraa" qofti hin ibsu, baayyeedha.

‎Garuu isaan garagari (waan wal fakkeessu jiraatus)

‎IT yookan yeroo baay’ee infrastructure irratti hojjetu:

‎- network ijaaruu fi configure gochuu,
‎- networkii bulchuu fi too’achuu (administration),
‎- nageenya networkii dhaabbatichaa tiksuu,
‎- software barbaachisoo ta’an fe’u fi haaromsuu (installation and update software),
‎- yoo rakkoon uumame, hojii idilee dhaabbatichaa (delivery operation) akka hin addaan cinneef dafee bakkatti deebisuu (repair or replace hardware and software failure),
‎- hojjattoota dhaabbatichaa kompiitara sirnaan fayyadamuu akka danda’an hubannoo uumuu fi deeggaruu,
fi kkf.


‎ immoo waa’ee software ijaaruuti (software development) irratti fuulleffata. Waa'ee algorithm...
‎Website ijaaruu ta’uu danda’a, application ijaaruu ta’uu danda’a...

18/10/2025

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tamiru Maka posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share